Hariiroo OPDO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO)

Siyaasa Oromoo keessatti, dhaabbileen waggoota 28ttan dabreef shoora qaban
keessaa tokko OPDO dha. Waggoota 28ttan dabran kana keessatti hariiroon dhaabni
siyaasaa kun Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) waliin qabu maal fakkaata? Gara
fuulduraa hoo akkam ta’a laata? Gaafilee kana sirritti xiinxaluun tooftaalee bu’a
qabeessa waggoota muraasa dabran keessatti nu fayyadan sirriitti hubachuu fi
adeemsa gara fuulduraatiifis barbaachisaa dha. Kanaafuu, barruu kana keessatti bifa
dimshaashaa ta’een dhimma kana irratti xiinxala dhiheessuun yaala.
Hariiroo OPDOn QBO waliin hanga ammaa qabdu bakka ijoo saditti qoodnee ilaaluu
dandeenya. Inni tokkoffaan akka FARRA qabsootti. Lammaffaan akka tumsa / daboo
takkaahuu FIRA qabsoo bilisummaa Oromootti. Sadaffaan haala amma keessa jirru
kan addaan hin bahni. Gama biraatiin, adeemsa QBO keessatti gaheen OPDO bifa
diinummaa, firummaa fi amma ammoo kan ifa hin ta’iniin kanaan ibsamuu danda’uu
dha.
Akkuma beekkamu OPDOn waggoota 25 duraatiif dhaaba maxxantuuf ergamtuu alagaa
ta’uudhaan Qabsoon Bilisummaa Oromoo akka laamsha’u godhaa turte. Adeemsi
maxxantummaa kunis suuta suutaan geeddaramaa dhufee farra qabsoo bilisummaa
Oromoo irraa gara deeggartuu QBOtti ol siquun tumsa kennite. Akkuma waggoota
muraasa dabran keessatti arginetti falmiin ummanni keenya mirga isaatiif godhu
too’annaa isaaniitii ol taanaan qabsoo of duubatti deebisuu irra qabsicharraa humna
horachuudhaan dhaaba siyaasaa aangoo biyya bulchuu tahuu dandeessee jirti. [In
short, OPDO went from being a parasite/servile party to a quasi-resistance party and
now to a semi-governing party].
Mee dhimmoota asii olitti ibsaman kanneen tokko tokkoon adda baasnee gadi
fageenyaan haa ilaallu.
1. Baroota Farra QBO (Tool of Repression)
OPDOn bara 1990 ifatti haa hundhooftu malee karoorri jaarmaya siyaasaa kana ijaaruu
kan bubbule. Yaadni dhaaba maxxanaa akkasii Oromoo irraa ijaaruu jalqaba baroota
1980moota keessa gaafa ilmaan Oromoo Shaabiyaadhaan booji’amanii gara Tigraay
fidaman, Dhaabbata Warraaqsa Dimokiraasummaa ummata Itoophiyaa (Ethiopian
People Democratic Movement) jedhamutti makaman irraa kan eegale ture. Dhaabni kun
dhaaba gara boodaatti gara Dhaabbata Warraaqsa Dimokiraasummaa Ummata

Amaaraa (Amhara National Democratic Party- ANDM) kan geeddarame amma kan
naannoo Amaaraa bulchu kana.
Kaayyoon, tarsiimoonii fi akeekni OPDO hundeeffameef inni bu’uuraa maal ture isa
jedhu ibsuun barbaachisaadha. Ilmaan Oromoo booda OPDO bu’ureessuu keessatti
hirmaatan mooraa booji’amtoota waraanaa (POW) Eritraa keessa turuu mannaa sirna
abbaa irree Dargii gombisuu kan filatan ta’us dhaaba booda OPDO ta’e kana dhaabuun
hawwii isaanii hin turre. Namoota kanneen gurmeessanii, dhaaba haaraa OPDO
jedhamu uumanii jalatti isaan ijaaruun pirojaktii waloo Shaabiyaa fi Wayyaanee ture.
Akeekni ijoon isaanis Qabsoo ummata Oromoo tumsuuf yookaan deeggaruuf osoo hin
ta’in dhaaba maqaa Oromoo qabu kan isaan jalatti gurmaa’ee dantaa isaanii Oromiyaa
irratti eegsisuu danda’u ijaaruu dha.
Ilmaan Oromoo kun mooraa booji’amtoota waraanaa keessa yeroo turanitti filannoo
saditu kennameef. Filannoon tokkoffaan gara Suudaniitti baqatanii achirraan gara biyya
biraa deemuu, lammaffaan gara qe’ee ofitti deebi’aniii galuu yommuu ta’u sadaffaan
immoo dhaaba siyaasaa barbaadanitti dabalamanii sirna Dargii kuffisuu irratti
qabsaa’uu ture. Ilmaan Oromoo sirna Dargii irratti qabsaa’uu filatan 300 ol ta’an ABOtti
makamuun filannoo isaanii ture. Haa ta’u malee, dhiibbaa Shaabiyaan Dhaaba
Warraaqsa Dimokraasummaa Ummatoota Itiyoophiyaa (EPDM kan EPRP irraa fottoqee
too’annaa ABUT/TPLF jalatti gurmaa’etti) akka makaman godhaman. Yeroo murtiin
ilmaan Oromoo kun ABO dhiisanii akka EPDMtti makaman godhaman sana
Shaabiyaanis ta’ee Wayyaaneen ABO waliin hariiroo gaarii qabu turan. Osoo hariiroon
gaariin suni jiruu maalif dhaaba Oromoo biraa kan ABO fi masaanuu ta’u bixxiluun isaan
barbaachise?
ABOn yeroo sanitti humna guddaa qabaachuu baatus dhaaba walaba ture. Dhaaba
sabboontota ummata ofiitiif of kennaniin dhaabbatee fi namoota quuqama saba ofii
qabaniin kan hoogganamu ture. Kanaafuu, ABO akka salphaatti harka micciiranii
dantaa saba ofii akka gurguree kan jara kaanii bakkaan gahuuf akka hin sarmine sirriitti
beeku. Dhugaa kana immoo dhaabbileen lameenuu (Shaabiyaa fi Wayyaaneen) jila
isaanii erganii qorannoo godhanii waan jala muranii dha. Maarree, Itoophiyaa kufaatii
sirna Dargii booda uumamtu keessatti maqaa Oromootiin dhaaba isaaniif ajajamu waan
barbaadaniif OPDO hundeessan.
Haaluma karoora Shaabiyaa fi Wayyaaneetiin OPDO bara 1990 ifatti hundaa’udhaan
Wayyaanee masaktee Oromiyaa seente. Bara 1991 surni dargii kufee, mootummaan
cehumsaa yeroo dhaabbatu san jaarmayaalee Oromoo shantu hirmaate. Isaan keessaa
afur dhaabbilee walabaa QBO geggeessan yommuu ta’an, OPDO dhaaba

walabummaa hin qabneefi maxxantuu diinaa turte. Gama biraatiin, hooggansii fi
miseensonni OPDO gaafasii uummata isaaniitiif naatoo qabaatanis, sana biras dabree
saba isaaniitti siquuf fedhii qabaatanis jaarmayni keessatti gurmaa’an walaba waan hin
turiniif yaadni isaanii kuni milkaa’uu hin dandeenye. Fakkeenyaaf, yeroo dhaabbileen
Oromoo shananuu bara 1991 keessa tokkummaa uumuuf waliigalanii turanitti, warri
OPDOs mamii malee erga fudhatanii booda, dhiibbaa Wayyaaneetiin Kumaa
Dammaqsaa waliigaltee san mallatteessuu irraa of qusachuun isaa ni yaadatama.
Kana jechuun garuu ABO fi dhaabbileen biroo tooftaan isaan yeroo sana hordofan
dogongora hin qabu jechuu miti. Yeroma sana osoo diinni maandheffatee OPDO
guutumaan guututti hin dhuunfatin tooftaalee garagaraa fayyadamuudhaan Wayyaanee
hoongessuun danda’amuun ni mala ture. Ta’us garuu har’arra dhaabbannee yoo
madaallu, hireen tooftaawwan sunneen milkaayuu f qaban baay’ee xiqqaa akka ta’e
hubachuun ni danda’ama. Kana jechuun gama tokkoon dhaabbileen QBO gaggeessan
akkasumas dammaqiinsi ummataa guddaa waan hin turiniif, gama biraatiin immoo
yeroo sanatti humni Wayyaaneefi Shaabiyaa deeggarsi isaan biyyoota alaatii argachaa
turan ol’aanaa waan tureef mooraan qabsoo Oromoo tooftaawwan aadda addaa
kanneen akka hawwataanii yookin dhiibbaa irratti uumanii gara ofiitti makuu/deebisuu
dandeessisu hin turre jechuunis ni danda’ama. Sababa kanaafii kanneen biroo irraa kan
ka’e OPDO bara 1992 irraa kaasee dhaaba maxxantuu Wayyaaneen bifa al
kallattaawwaa ta’een dantaa isii Oromiyaa keessatti itti galmaan gahattu taate.
Haaluma kanaan, OPDOn dhaaba siyaasaa Wayyaanee bakka buutee Oromiyaa
bulchitu ta’uu eegalte. Yeroo kana keessatti, hariiroon OPDOn QBO waliin qabdu
guutumaan guututti kan diinummaa ture jechuun ni danda’ama. Yeroo kanaa kaasee
hojiin ijoon OPDO hojjachaa ture sabboonummaa Oromoo laamshessuu, busheessuufi
qabsaawota onnee guutudhaan bilisummaa biyya isaaniitiif falman adamsitee diinaaf
laachuu ture. Kana malees diinni maandhee isaa Oromiyaa keessatti gubbaa hanga
jalaa diriirfatee, cancala hannaa babal’ifatee Oromiyaa hannaan akka onsuuf balbala
kan saaqe ture. Yeroo kana keessatti hojiin ijoon OPDO hojjachaa turte hojii diinummaa
hamaa farra Qabsoo Bilisummaa Oromoo ture jechuun ni danda’ama.
Haa ta’u malee adeemsi diinummaan OPDO bifa garagaraatiin itti fufus Oromiyaa
bulchuun isii wantoota boodana qabsoo bilisummaa Oromoo fayyadaanis osoo hin
yaadin akka dalagdu godhee jira. Kufaatii Sirna Dargii booda sabbonummaan cimaan
waan dhufee tureef Oromoo fi saboota biroo akka duriitti guutumaan guututti
cunqursuudhaan qofa bulchuun hin danda’amu ture. Sabboonummaa baay’ee lelisaa
ture laaffisuuf akkasumas sirna haaraa ijaaraa jiran uummata biratti fudhatama akka
argatu godhuuf hacuuccaa qofas osoo hin ta’in sossobbiis itti makanii faaydaarra

oolchuun dirqama ture. Gama biraatiin Wayyaaneen ABO waliin wal dorgomuuf
akkasumas qalbii uummata Oromoo hamma tokkos ta’u gara OPDOtti garagalchuuf
wantoota uummata Oromoo hawwatan tokko tokko kara OPDOtiin hojitti hiikuuf
dirqamtee turte.
Gama biraatiin, uummata Oromoo ABO irraa fageessuuf OPDOn ajandaa ABO waan
fudhatte of fakkeessudhaan uummatatti dhihaatuuf yaaliin isiin goote isii fayyadee ture.
Keessattuu, sabboonummaa Oromoo guututti ukkaamsuu waan hin dandeenyeef
sabbonummaa qal’aa isaas taatu miidiyaa fi dhaabbilee garagaraatiin sadarkaa
mootummaatti geggeessuun faaydaa qaba ture. Fakkeenyaaf, yakka sirna Wayyaanee
keessatti ummata keenya irratti raawwatamu tuquu baatanis kan Moototni durii
raawwatan ummata barsiisuun sabbonummaan daran Oromiyaa guutuu akka walgahu
godhe. Kana caalatti ammoo, dorgommii kana keessatti wantoota sadi gurguddaatu
dhalate; bulchiinsi Oromiyaa ni ijaarame (bureaucratization), qubeen barachuun ni
dhufe (mother tongue literacy), akkasumas bulchiinsi mootummaa naannoo Afaan
Oromootiin ta’uun, ummanni keenya magaalatti akka galuuf haala mijeesse
(urbanization). Jijjiiramoonni sadeen kun (bureaucratization, mother tangue literacy &
urbanization) walfaana (simultaneously) deemuun cehumsa haawaas-diinagdee fi
siyaasaa (socio-economic and political transformation) guddaa Oromiyaa fi Oromoo
keessatti uume. Haalli kunis sabbonummaa ni finiinse, Oromoonis yeroo duraatiif akka
dhuunfaatti mala – bulmaata (beaurocracy) ofii akka qabaatu godhe. Kun ammoo OPDO
irrattis, QBO irrattis jijjiirama guddaa fide.
Gama OPDOtiin, hawaasni jijiiramee, sabboonummaan walgahaa deemuun;
akkasumas hireen barnootaa kan afaan ofiitin baratan babal’achuun dhaloota diddaa
uumaa waan dhufeef sirnichi akka duriitti cunqursaa deemuu akka hin dandeenye
hubate. Kanaafuu, keessattuu filannoo bara 2005 keessaa sabbonummaa busheessu
irraa gara ofitti hammatanii dhaadhessuu fi sabboontotas ofitti qabachuu (co – optation)
tooftaan jijjirame. Namoota sabaaf quuqaman kan dura maqaa dhiphummaa fi ABO
jedhuun afaan qabsiisaa fi hiree hooggansaa dhoowwataanii turaniifis hireen saaqamuu
eegalte. Wayyaaneen ofiif jecha OPDOtti lugaama furuuf dirqamte. OPDOtis ofiif jecha
ummataa fi qabsoo Oromootti siquu filatte.
2. Baroota OPDO Fira Qabsoo Bilisummaa Oromoo Itti Taate (OPDO – Ally of
Resistance)
OPDOn ifatti fira qabsoo bilisummaa Oromoo kan taate bara hooggansa Obboo
Lammaa Magarsaa ta’uu namuu ni beeka. Jijjiiramni bulchiinsa Lammaa jalatti
muldhate bubbuluu isaa armaan olitti tuqeen ture. Dhiibbaa jijjiiramoota sadan armaan

olitti kaafneen OPDOn sabbonummaa Oromoo kan sirrii (mainstream) akka madaqfattu,
sabbontotaa fi Oromoota baratan of irraa fageessuurra akka ofitti hawwattu (cooptation
over exclusion); akkasumas sabboontota ishee keessa jiraniif karaa akka saaqxu
dirqamte. Keessattuu, bara Obboo Abbaa Duulaatii fi Obboo Alamaayyoo Atoomsaa
hojmaatni kun baldhinaan muldhachaa ture. Baroota san keessatti 2005 – 2013 OPDOn
QBO diinomfatuu irraa gara sossobuutti of ceesifte.
Jijjiiramoonni sadan asii olitti ibsaman kunneen OPDO keessatti qofa osoo hin taane
ummata Oromoo bal’aa birattis jijjiirama hawaasaa fide. Afaan ofiitiin barachuun
dhaloota Qubee uume. Bulchiinsi Oromiyaa (bureaucracy) jiraachuun Oromoo fi
Oromiyaa walitti hidhee dantaan nam – tokkee fi kan sabaa akka wal simatuufi walitti
hirkatu godhe. Ummanni keenya magaalatti galuun qunnamtii isaa cimsuu qofa osoo
hin taane, Oromoon warroota biroo keessattu kan isa cunqursan waliin wal bira of
qabee roorroo isarra jirtu sirritti akka hubatu godhe. Waan duras beekamu caalaa
hiyyummaanis ta’ee rorroon kan biraatiin wal biratti of qabanii yoo of madaalan irra
namatti dhagayama. Kunis miirri sabboonummaa uummata keenyaa akka daran olka’u
godhe.
Fincilli barattootaa gubannaa bosona Baalee bara 2000/01 irraa eegalee qabsoon
laafinna jaarmaya siyaasaatiin laamshayaa turte, bifa sochii hawaasaatti (social
movement) deebitee dagaaguu eegalte. Adaduma dhaloonni qubee jalaan dabalamaa
lakkoofsaan baldhachaa deemeen, qabsoonis finiinte. Bara 2000/1, 2004 (mormii
Finfinne), 2006 (Fincila Diddaa Gabrummaa), jechaa deemtee bara 2013 mormii
Maastar Pilaanii dhoosuun bakka har’a geenyeen ni fullaafte.
Jijjiiramni ummata Oromoo keessatti dhufaa deeme akkuma qabsoo keenya finiinsaa
deemneen OPDOnis amala, tooftaa fi filannaa ishii waliin gituudhaaf jijjiiramuun
dirqama itti ta’ee ture. Haaluma kanaan sadarkaa qabsoon bilisummaa Oromoo bara
2016 geesse keessatti OPDOn filannoo lama qofa qabdi turte. Takkaahuu akka Muktaar
Kadiir godhaa turetti gara duubaatti deebitee farra QBO ta’uudhaan warraaqsa
ummataatiin dhiqamtee kufuu ykn tooftaa fi hooggansa qabsoo bilisummaa Oromoo
cinaan hiriiree, uummata of cinaan hiriirsuun as baasuu qofa ture.
Filmaatawwan dhiphoo jiran lameen keessaa tokko filachuun dirqama ture. Yeroo kana
ture OPDO hoggansa siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo cinaa dhaabbatu kan as
baasuu dandeesse. Yeroo kana ture kan Obboo Lammaa Magarsaa as bahuu danda’e.
Kanaafuu akkuma suuta suutaan farra QBO irraa gara uummata sossobachuutti of
ceesisaa dhufte, bara 2016 irraa eegalee gara firaa fi tumsituu qabsootti ceete. Lubbuu
ofii dheereffachuufis taatu OPDOn hooggansa Obboo Lammaa jalatti waggaa tokkoof

(2017) tumsa QBO ta’uun faaydaa guddaa buuftee turte. Faaydaan kunis
sabboonummaa Oromoo dhugeeffachuu (legitimizing Oromo nationalism) irraa hamma
Poolisiin Oromiyaa gara Qeerroo akka goru gochuun, xiqqaatus saamicha Oromiyaa
keessatti geggeeffamu balaaleffachuun qabsoo ofdura furgugeessuun danda’amee
ture.
OPDOn QBOtti firoomuun qabsoo bilisummaa Oromootiif qofa osoo hin taane isheefis
bu’aa guddaa buuse. Yeroo duraatiif hoogganaan dhaaba isaanii akka hooggana
Oromootti laalamee saba keenyaafii fi kanneen biraatiinis dhaggeeffatamuu fi
kabajamuu eegale. Kun ammoo jaarmaya balfa hamaa irraa ka’e, kan akka OPDO
kanaaf akka lammata dhalachuuti. OPDOn humna ummataatiin guutamtee dhaaba
ajandaa dhuunfaa isaatiif ishee hundeessee akka barbaadetti ergataa turetti akka
mataa raaftuu fi dura dhaabbattu onnachiise. Adeemsa keessas, taaytaa dhaaba biyya
bulchuu (EPRDF) fi kan Federaalas akka dhuunfattu taasise. Kanaafu, firummaan
takkaahuu tumsi OPDO fi QBO jidduutti bara dabre uumame gama lachuu kan
fayyadee fi humneesse (mutually beneficial and reinforcing) ture yoo jenne dogongora
natti hin fakkaatu.
3. OPDO: Paartii Biyya Bulchu (Governing Party)
Bara 2018 kana keessa OPDOn taaytaa EPRDF fi mootummaa Federaalaa hoogganuu
harkatti galfattee jirti. OPDOn taaytaa biyya bulchuu (governing party) taate tun fira moo
farra QBO taati laata? Kun gaafii guddaa mooraan QBO sirritti itti yaaduu, qorachuu fi
tooftaaf tarsiimoo madalawaa itti baasuu qabuudha. Torbanoota dabran kana keessa
marii fi falmiin godhamaa jirus gaafii kanaaf deebii barbaaduu irraa kan ka’eedha. Gariin
OPDOn amma guututti Wayyaanee jalaa bilisoomtee, fira QBO ta’uu bira dabartee
hooggansa qabsootuu taatee jirti jechaa jiru. Kanarraa ka’uudhaanis, QBO tooftaa
OPDO mormuu irra gara guututti deeggaruu fi daran humneessuu deemuu qabdi yaada
jedhus dhiyeessu. Gariin ammoo, saneen sanuma jedhu. OPDOn yoomuu fira qabsoo
hin taatu, ammas afaaniin malee gochaan farruma qabsoo bilisummaa Oromooti kan
jedhanis jiru. Tarsiimoon QBOtis, fakkeessaa OPDOtiin osoo hin sobamin ishii fi
Wayyaanees waliin mancaasuun warraaqsa kana galmaan gahuun dirqama kan
jedhanis jiru. Kan sadaffaa akka durittis farraa miti, akka dhaadheffamtuttis firaa miti,
kanaafuu yoo tolchitu jajjabeessaa yoo balleessitu qunxuuxaa deemuu qabna yaada
jedhu dhiyeessu.
Waan hundaafuu, OPDOn sadarkaa biyya bulchuu irra geesse tun fira moo farra
qabsoo taati gaafii jedhu debisuuf wantoota murteessoo ( determining factors ) armaan
gadii kanneen ilaaluundhaan deebii isaa tilmaamuu ni dandeenya jedheen yaada.

A. Umamaa (Nature) fi Dantaa OPDO
Rakkoon OPDO guddaani fi hamma hanga ammaatti ofirraa buusuu dadhabde dhaaba
biraa irratti maxxantee dhaabbachuu ishiiti. Kun ammoo ilaalcha siyaasaa (ideology),
tarsiimoo, caasaa fi madda humnaa mataa ishii ummachuuf akka rakkattuu fi dhaaba
haadhoo (mothership) kan taate ABUT/TPLF irratti akka hirkattu godhee jira.
Hoogganaa akka Obboo Lammaa jalattuu ilaalchaan gama qabsoo Oromootti as
siqxee, deeggarsa ummataa guddaa horattus har’as sadarkaa ofiin dhaabbachuu bira
gahuu hin dandeenye. Kun ammoo tarsiimoo fi imaammata walabaa baafattee socho’uu
ishii dhoorga. Walabummaa kana kan dhabduuf Wayyaaneen humnaan caaltee, huutee
waan qabduuuf qofaafii miti. Maddi humnaa, keessattuu waraanaa fi tikaa OPDOn
fayyadamtu kan dhaaba haadhoo waan ta’eef, haadhoo san irraa cituun, humna ishii
dhabsiisee dhabbilee ishiin faallaa jiran jalatti na kuffisa jettee sodaatti. Kanaafuu,
haadhoo san irraa addaan cituun ykn haadhoo san ajjeesuun, akka ofittis du’a muruutti
ilaalti. Hoogganoonni dhaaba kanaa sadarkaa sadarkaadhaan jiranis dhaaba haadhoo
(ABUT/TPLF/EPRDF) waliin ta’uun yakka hojjataniiru, biyya saamaniiru. Haadhoo irraa
addaan cituu isaanii balaa fi kasaaraa guddaadhaaf nu saaxila sodaa jedhu qaban.
Qabxiilee armaan olitti kaaseef fakkeenyi guddaan waan walgahii EPRDF kana baatii
Muddee 2017 keessa godhamee san ilaaluu ni dandeenya. OPDOn humna warraaqsa
ummataatiin ADWUI/ EPRDF keessatti ol’aantummaa horachaa dhuftee turte. Garuu,
TPLF jalaa bilisa of baasuu ykn ammoo ABUT/TPLF dhabamsiisuu irra
araarfachuudhaan nagaya buusuu filatte. Sababnis, ABUT/TPLF irraa yoo cittes ta’ee
yoo kuffifte boru ofii itti aanuu dhabuu ishiif humna, caasaa fi tarsiimoo mataa ishii kan
balaa irraa ittisee fi utubee ishee tursuu danda’u waan hin qabneefi. Kanaafuu,
ejjannoolee bara dabre gaafa qabsotti makaman qabatan hedduu laaffisuu
(compromise) gochuu filatan. Kanaan ammoo haaromsa gadii fagoo dhaaba isaanii
dhiisuun, hooggansa jaarmaya haadhoo fudhachuun filannoo bayeessa itti fakkaate.
Jecha biraatiin, haaromsaan jaarmaya bilisa ta’e ta’anii as bahuu irra, maxxantummaa
sadarkaan ishii xiqqo ol-siqe ta’uu filatanii jiru.
Kun hariiroo OPDOn QBO waliin qabduuf maal jechuudha? Akka bara dabreetti
ejjannoo cimaan firaa fi tumsa qabsoo ta’anii deemuu hin barbaadan; hin danda’anis.
Yoo karaa sanitti deebina jedhan taaytaa sadarkaa EPRDF fi Federaalatti arganne
dhabna jedhanii yaadu. Gara farra qabsottis hin deebi’an. Garas deebi’uun deeggarsa
ummataa dhabsiisuu qofa osoo hin taane jaarmayuma keessattu gaaga’ama hamaa
akka isaanirratti uumu sirriitti beeku. Ummataan deebi’anii tufamanii, keessi jaarmayaa
jeeqamnaan taaytaa Federaalaa fi EPRDF sanis dhabuuf deemu. Kanaafu, OPDOn

amma booda karaa QBO fi Wayyaanee jiddu galeessa (middle ground) hordofuu feeti.
Ejjannoon boru OPDOn qabachuuf jirtu kan murteessu cimina mooraa Qabsoo
Bilisummaa Oromootifii adeemsa Wayyaaneeti. Kana jechuun mooraan qabsoo
bilisummaa Oromoo kan Wayyaanee yoo kan caalaa adeemu ta’e OPDOn suuta
suutaan ejjannoo jiddugaleessaa irraa gara guutumatti QBOtti makamuu filachuu
dandeessi.
B. Dantaa, Humnaa fi Tarsiimoo Wayyaanee
Sadarkaa amma irra jirtutti, Wayyaaneen humni ishii haphachaa dhufee jira. Humni ishii
kan ummataatiin (People Power) caalamus, kan OPDO akka caalu garuu sirriitti beekti.
Humna diinagdee guddaa horattee jirti. Kanaafuu, tarsiimoon ishii baasu humnaan
deemtee humna hamma hafeef qisaasuu irra tooftaadhaan duubatti deemtee (tactical
retreat), humna qabdu qusachaa diinagdee horatte tikfachuutu ishiif filatamaadha.
Kanaaf ammoo OPDOn walitti bu’uu dhiiftee, taaytaa siyasaa kenniteef humna tikaa fi
waraanaa dhuunfattee turuun dantaa diinagdee ishii tiikfachuun tarsiimoo ishiiti.
Sababni isaas, akkuma armaan olitti jenne, OPDOn ol-aantummaa TPLF kan jibbitu
ta’us guututti irraa fottoquu ykn ABUT/TPLF dhabamsiisuu dantaa ofiitiifu hin
barbaaddu. Sababa kanaaf walgahii guyyaa 17 fi kan san boodaa keessattuu
fuulleeffannaan guddaan ABUT/TPLF ejjannoo fi tarkaanfilee OPDO kan dantaa
diinagdee ATPLF miidhan qeequun akka jijjiraman dhiibbaa gochaa, taaytaa hooggansa
Paartii fi kan biyyaa ija dura qabuu kan filatteef.
Gara fuulduraattis, TPLF amma booda gara hooggansa siyaasaa fuulduraatti dhufuu hin
barbaaddu. Duubaan dhokattee humna tikaa fi woraanaa caasaan xaxxee qabuun
dantaa diinagdee ishee eegsisuu barbaaddi. Sochii fi imaammata qoqqoodama
diinagdee (economic redistribution) fidu kamiiyyuu humna tikaa fi woraanaatiin shira
xaxxee laamshessuu yaalti. OPDOdhaan taaytaa siyaasaa siif kennine sirraa fudhanna
jettee dorsisuun yaalii jijjiirama diinagdeef godhamu akka hin fidne dhoorgiti. Filannoon
bara 2020 kan baroota dabree irra xiqqo banaa akka ta’u ni hayyamti. Guutumatti
walabaa fi kan waldorgommii qabu yoo ta’e OPDOn takka na ganti ykn ni moo’amti
jettee waan yaadduuf hin hayyamtu. OPDOn QBOtti hamma tokko firoomuun akka
sossobdu ni jajjabeessiti, garuu ammoo guututti akka itti makamtu hin feetu.
Wayyaaneen dantaa fi tarsiimoo armaan olitti eerree kana hojitti hiikuuf humna
barbaachisaa kan OPDO caalu ammas ni qabdi. Kan ishii rakkisu humna ummataati.
Humna ummataa kana ammoo yoo dandeesse OPDOtti fayyadamtee mala
hawwannaatiin (co – optation) laamshessiti. Maarree akka dantaa, humnaa fi tarsiimoo
Wayyaanee kanaan OPDOn akka duriitti guutumatti farra QBO ta’uu baattus gara

Oromoo goruu irraa garuma Wayyaanee jallachu akka filattu dirqamti. Kana hanqisuuf
humni Oromoo jabaachuunii fi tarsiimoo haala yerootiin wal madaaluun masakamuun
dirqama.
C. Dantaa, Humnaa fi Tarsiimoo QBO
Akeekni QBO mirgaa fi aangoo abbaa biyyummaa saba Oromoo mirkaneessuudha.
Kana jechuun qabeenya ofii saamamuun hafee, misoomfachuu fi fayyadamuu,
eenyummaa ofiitiin boonuu fi guddifachuu, mootummaa naaf ta’a jedhanII filataniin
buluudha. Kana argamsiisuuf karaan jiru ammoo takkaahuu mootummaan amma jirtu
dirqamtee gara sirna dimokraasii fi walqixxummaatti akka ceetu gochuu ykn
fonqolchanii mootummaa ummata kanaaf ta’u dhaabuudha. Sadarkaa amma jirutti,
QBO humna takkaa agartee hin beekne horattee jirti. Mootummaa Wayyaaneetiin cinatti
humni dhiibbaa guddaa uumuu danda’u yeroo ammaatti kan ummata Oromooti.
Qabsoon Uummanni Oromoo gaggeessaa jiru hamilee, gurmaa’innaa fi jabina guddaa
kan qabuudha. Humna kanatti fayyadamuun OPDO fi sirnicha irratti dhiibbaa uumuun
yoo danda’ame ceehumsi walta’iinsaa (negotiated transition) Paartii biyya bulchuu fi kan
mormiituu jiddutti akka uumamu gochuudha. Didamnaan ammoo, sirnicha amma jiru
diiganii haaraa ijaaruudha. Lamaan keessaa kan filatamu kan duraati. Cehuumsa
nagayaa fi waliigaltee gochuuf ammoo OPDOn taaytaa qabachuun fayda qabeessas
danqaas ta’uu danda’a. Kan fayyadu yoo OPDOn fedhii ishii kan ummataatiin wal
simsiiftee gara cehuumsaatti dhiibaa gooteedha. Yoo kun ta’uu baate immoo OPDOn
taaytaa amma horatteen mirqaantee gara fuula haaraya sirna abbaa irree Wayyaaneetti
of ceesisuu dandeessi. Kanaafuu Tarsiimoon QBO hordofuu qabu, dantaa fi humna
OPDO fi TPLF armaan olitti dhihaate walbiratti madaalanii tarkaanfii akkamii yoo
fudhanne kara akeeka barbaannuu nu geessa kan jedhu murteessuudha.
Akkuma armaan olitti jenne, OPDOn biyya san gara sirna dimokraasii dhugaatti
ceesisuuf fedhiis, humnas hin qabdu. Fedhii kan hin qabneef akka jaarmaya walabaatti
waan hin jirreef filannoo walabaatiin ishiinis, haadhoonis (mothership) moo’amanii
kasaaruu waan danda’aniifi. OPDOn hooggansa Lammaa jalatti akka dhaaba walabaatti
Oromiyaa keessatti osoo dorgomtee moo’achuu malti. Garuu, ABUT/TPLF/EPRDFfiin
alatti waan of dandeessee jiraattu itti hin fakkaatu. Hamma tokko ilaalchi isii kuni
dhugaas qaba. Osoo OPDOnuu Oromiyaa keessatti harka wayyabaa argattee, filannoo
bilisaatiin EPRDF Tigraayiin alatti hireen moo’achuu ishee xiqqaadha. Kana jechuun
OPDOn minority Paartii taati. Kun ammoo dantaa dhaabaa qofa osoo hin taane kan
namootaas miidhuu mala. Gara biraatii, murni OPDO kan dantaa sabaa dursuu fi
filannoon bilisaa dantaa sabaatiif barbaachisaadha jedhee amanu osoo as bahees

haala amma jiruun milkaayuu hin danda’u. Akkuma walgahii guyyaa 17 OPDOn
jaarmaya dhiibbaa dhaaba biraa jalaa bilisa hin baaneefii, bahuuf fedhii hin qabne waan
ta’eef, murni tarkaanfataan ishii keessaan burqu hedduu osoo hin deemne sakaalama.
Akkuma walgahii guyya 17 san irratti ta’e jechuudha. Sakaallaa san irra aanuuf ammoo
madaalliin humnaa gara Wayyaaneetti daba. Murni akkasii akka milkaa’uuf madaallii
humnaa gara QBO jallisuuf humna ummata Oromoo jabeessuun dirqama.
Kanaafuu, OPDOn qabsoo Oromoo gara goolabbiitti dhihachaa jirtu kanaaf ammas fira
taatee itti fufuun akka tumsitu yoo barbaanne, falli jiru dhiibbaa daran irratti cimsuudha.
Kanarratti bara dabre deeggarree cimsine, baranas deeggarree cimsina yaadni jedhu
akka ka’u beekamaadha. OPDOn bara dabreef tan baranaa adda adda. Bara dabre
OPDOn Paartii jijjiirama barbaaddu fi sirnicha mormu taatee (resistance party) turte.
Barana gara Paartii biyya bulchuutti (governing party), jijjiiramtee jirti.
Amaluma siyaasaattuu Paartiin biyya bulchu akkuma aangoo dhuunfateen imaammata
ofii hojitti hiikuu malee jijjiirama bu’uraa (fundamental change) hin barbaadu. OPDOn
ammoo dantaaf uumama ishiitirraa kan ka’e erga paartii biyya bulchu taatee jijjiirama
bu’uraa hin barbaaddu ykn hin dandeessu. Kanaafuu, bara dabre yeroo Paartii jijjiirama
barbaaddu taatee turte san ishii deeggaruun humna biyya bulchaa jiru (status quo)
laaffisuuf nu gargaara ture. Jechuun bara dabre OPDO deeggaruun ishii cimsee,
mooraa qabsoo yabbisee kan sirnichaa (status quo) waan laaffisuuf tooftaa bayeessa
ture. Baranas OPDO cimsuun faaydaa ni qaba. OPDOn Paartii biyya bulchu taate kan
cimtu garuu deeggaruunii miti. Dhiibbaa alaa cimaa itti uumuudhaan gama tokkoon
tarkaanifii jijjiiramaa bu’uraa fi saffisaan fudhachuuf akka dirqamtu gochuu, akkasumas
tarkaanifiin jijjiiramaaf ishiin fudhattu barbaachisaa fi filannaa biraa kan hin qabne akka
ta’e waahillaan ishii ADWUI/ EPRDF keessa jiran akka amanan dirqisiisuuf fayyada.
Akkuman asii olitti ibse Paartiin biyya bulchu kamiiyyuu dhiibbaa ummataatiin maletti
dantaa saba bal’aa (mass) irratti hin fuulleeffatu. Hawaasa kamiiyyuu keessatti, Paartii
dhufaa dabraa kan harka micciiruu danda’u humna of qopheessee jiru (establishment)
kan jennuuni. Fakkeenyaaf, Baarak Obaaman kan filame tumsa (alliances) qaamota
jijjiirama barbaadanii (progressive forces) kanneen akka ummata gurraachaa,
dubartootaa fi hojjattootaatiini. Haa ta’uu garuu, akkuma filameen imaammata warra
injifannoon isa gahee irratti hin fuulleeffanne. Inumaatuu dantaa warra gaafa filannoof
dorgomu abaaraa turee (Wall Street, etc) saniif dursa yennaa kennu argame.
Imaammataa fi fuulleeffannaa isaa jijjiirsiisuuf humnoonni jijjiirama barbaadan akkuma
gaafa isa filchiisanii sanitti duula banuu qaban ture.

Baaraak Obaamaan Dantaa ummata hiyyeessaatiif xiyyeeffannaa akka kennu kan
godhe, duula /sochii (movement) “We are 99%’’ jedhu ture. Ummanni gurraachi gaafa
inni filamu gammachuu guddaa qaba ture. Injifannoo seena qabeessa argameenis
gammadee dhiichise. Yeroo dheeraafis Obaama qeequun, laaffisuudha ilaalcha
jedhuun caldhisee ture. Boodarra hifannaan sochii “Black Lives Matter” jedhu kan roorro
poolisaa irraa dhalate garuu gaafiilee mirgaa fi dantaa gurraachaa hedduu of keessatti
qabate santu dhiibbaa uumee akka Obaamaa fi bulchiinsi isaa ummata gurraachaaf
akka xiyyeeffannoo kennu dirqisiise. Qabxiin ani kaasuu fedhe, akkuma agartan sirna
dimokraatawaa keessattuu, mootummaan dantaa saba/gartuu tokkoo hojitti hiikuuf
namni yookin Paartiin isaan jaalatan taaytaa qabachuun qofti gahaa miti. Dhiibbaa
walirraa hin cinne uumuutu barbaachisa. Akkuma har’a masaraa Minilik keessatti ta’aa
jiru, Obaaman baroota dura filame san hayyoota, artistootaa fi qabsaa’ota gurraachaa
walitti qabee, kabajaa kennaafii ture. Masaraa Mootummaa Ameerikaa (White House)
kan ummanni gurraachaa gabra ta’ee ijaare keessatti, gurraachi pirezidaantii ta’ee,
hayyootaa fi artistoota sanyii isaa kabajaan affeeruun tarkaanfii seena qabeessa ture.
Haa ta’uu ammoo, gaafii diinagdee, siyaasaa fi jijiirama seeraa ummata gurraachaatiif
homaa faaydaa hin buufne. Inumaahuu, gaafii isaanii ni haguuge.
Kanaafuu, namas ta’ee paartii nutti aanu tokko gaafa taaytaaf warreen biraatiin
dorgomu deeggaruuniif akka olbahu harkisuun barbaachisaadha. Wanti uummata
keenya birattis mul’atee ture kanuma jechuunis ni danda’ama. Akkuma paartiin yookin
namni sun taaytaa too’ateen garuu duuba goranii mormiidhaan dhiibbaa itti cimsuun
paartii/nama sanis ni cimsa, dantaan keenyas akka galma gahu gargaara.
Goolabbii
Barruu kana keessatti hariiroo OPDOn waggoota 28 dabran kana keessatti QBO waliin
keessa dabarte bifa dimshaasha ta’een agarsiisuu yaaleen jira. Hariiroon kun
diinummaa irraa adeemsaan gara firummaatti ce’ee yeroo amma haala ifa hin ta’in
keessa jira. Sadarkaalee lamaan, diinummaa fi firummaa irratti namoonni hedduun
waliigalu jedheen yaada. Kan sadaffaa, kan reefu itti seenne waan ta’eef wal mormiin ni
jira. Gaafa hariiroo sadarkaa lammaffaa, jechuunis firummaatti, seennus bifuma
walfakkaataadhaan garaagarummaan yaadaa mul’atee ture. Ammas taanaan OPDOn
paartii maxxantuu irraa gara biyya bulchuutti ceete tun, fira moo farra QBO taati gaafii
jedhuuf yeroon deebii ni kenniti.
Qaamota/ namoota dhuunfaa OPDOn kaleessa gantuu waan taateef har’a hin
jijjiiramne, borus hin jijjiiramtuu jettaniif dhaamsi ani qabu yoo jiraate, ammaaf hiree
kennuufiin gaariidha kan jedhuudha. Akkuma haallii hawaasummaa fi siyaasaa jijjiramu

dhaabnii fi namni siyaasaas jijjiirama. Kanaaf ammoo jijjirama OPDO keessatti filannoo
2005 booda dhufe ilaaluun waan danda’amu natti fakkaata. Hunda caalammoo jijjiirama
hoggansa Obboo Lamma Magarsaa jalatti argamerraa yoomuu taanaan, bifa kamiinuu
jijjiiramni dhufuu akka danda’uu ragaa guddaadha jedheen yaada. Qaamoleen jijjiirama
OPDO keessatti argamee fi Oromoon masaraa Minilik seenuu isheetiin akka malee
mirqaantanis tasgabbiidhaan waan hunda ilaaluun barbaachisaadha yaada jedhun
qaba. Jijjiiramni OPDO keessatti dhalate kan fedhii jaarmayaa fi hooggansa saniin
dhufe osoo hin taane kan cehuumsa siyaasaa (political transformation) Oromoo
keessatti dhalatee fi tarsiimoo QBO yeroo irraa gara yerootti fooyyeessaafi itti
fayyadamaa dhufeen kan dhugoome akka ta’e irraanfatamuu hin qabu. QBOtu humna
Wayyaaneen qabdu haphisee OPDO akka of ilaaltee gara uummataatti hirkattu isii
dirqisiise. Kanaafuu bu’uurri jijjiiramaa kamiyyuu ciminaafi laafina qabsootiin kan
madaalamu ta’a. Yoo qabsoon laaffate fedhiin OPDOs ta’e humni jijjiramaaf ittiin
onnattee sochootu gadi bu’a. Yoo wanti isii duubaa dhiibu hin jiraatin waadaa sabaaf
seente guutuuf hin dirqamtu.
Walumaagalatti bu’uura madaallii asii olitti ibsuuf yaalerraa ka’uudhaan OPDOn
jijjiirama dantaa Oromoo saffisaan eegsisuu danda’u dhugoomsuuf fedhii fi humna ni
qabdi jechuun rakkisaadha. Kanaafuu Qabsoon keenya galma ka’ameef bira akka
gahuuf ammas tooftaan masakame ciminaan finiinee akka itti fufuu qabun amana.
Tarsiimoon qabsoo keenyaas waqtaawaa, tarsiimawaafi haala yeroo wajjiin kan wal
milu godhuun barbaachisaadha. Hunda caalammoo tarsiimon baafannu dantaa,
humnaa fi tarsiimoo humnoonni sadan wal dura dhaabbachaa jiran (antagonists),
jechuunis, TPLF, OPDO fi QBO sirritti xiinxaluu irraa ka’uu qaban jedha.
Dabalataan, sirna siyaasaa fi diinagdee dantaa saba keenyaa eegsisutti cehuuf OPDO
irratti dhiibbaa gochuun barbaachisaa ta’us gahaa miti. Paartiin mormituulee hojii
guddaa hojjachuu qabu jedheen yaada. Dhimma kanarratti barruu koo itti aanuun itti
deebi’a. Hammasiifu warri dheerinni barreeffama kanaa duugda isin kute, na of kolchaa
isiniin jedha.
Jawaar Mohaammad
Caamsaa 3, 2018

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Oromiyaa: Moving Towards the Ultimate Victory

  By: Itana Gammada   In this era of pain, suffering, physical, and material destruction, …

Yaada kanaaf deebisaa kenni