Oduu Haaraya

Harargee Lixaa Magaalaa Biyyoo Karaabatti hidhaan hammaate.

OMN:Oduu Caamsaa 24,2016 Mormii jiraattota godina Harargee lixaa magaalaa Biyyoo Karaabatti dhiheenna kana geggeeffameen wal qabatee, ammayyuu namoonni duuchaan qabamanii hidhamaa jiraachuun himame.

Kana males sa’aatii murtaayeen alatti namoonni magaalattii keessa socho’uudhaafis rakkataa jiru.

Godina Harargee lixaa magaalaa Biyyoo Karaabaatti mormii tibba kana geggeeffamee tureen, wayta ammaa kana namoonni hedduun, humnoota tikaa mootummaatiin duuchaan qabamanii hidhamaa akka jiran himame.

Kana males namoonni baayyeen ammas qabamiinsaaf barbaadamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen qe’ee isaanii dhiisanii baqataa jiranis hedduudha.

Jiraattuun godinichaa tokko akka nuuf himanitti, tibba kanarraa jalqabee mormiin godina Harargee lixaatti bifa haarawaan eegalee ture.

Mormiin karaa nagaatiin geggeeffamaa jiru, qondaalota mootummaa biyyattii bulchaa jiruun ammoo bifa jijjiratee hidhamiinsaa fi biyya irraa baqachuun jabaatee jira jedhan.

Akka isaan jedhanitti wayta ammaa kana daa’imman umriin ijoolle ta’an waliin qe’ee isaanii irraa baqachuu nuuf himanii, haalli jireenya isaan hedduu yaaddessaadha.

Akka jiraattuun godinichaa tun jedhanitti, ammayyuu magaalaa isaanii keessaa dargaggoonni hedduun qabamanii hidhamaa jiru.

Rakkoolee jiraattota magaalaa Biyyoo Karaabaa irratti raawwatamaa jiru ilaalchisuudhaan qaama dhimma kana itti iyyatan dhabanii rakkoo hama akeessa jiraachuullee ni dubbatu.
Kana males sa’aatii murtaaheen alatti anmoonni magaalaa keessa socho’uudhaaf dhoorgamanii jiru jedhan.

Haaluma wal fakkaatuun, achuma godina Harargee lixaa aanaa Doobbaa araddaa Madda Bilisummaa jedhamu keessaattillee namoonni hedduun hidhamaa akka jiran himame.

Akkasumas reebichi hamaan jiraattota muudataa akka jirus himame. Jiraattoonnis badii tokko malee hidhaa fi reebichi nurratti raawwatamaa jiru nurraa haa dhaabbatu jechuun ammas mormii isaanii dhageesisaa jiru.

Usmaan Ukkumeetu gabaase.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …