Oduu Haaraya

HAR’AAWUU DHALATTEE : HAR’AAWUU NA OOLCHITE

 

Har’aawuu Oromoon Wal qabatee  ol ka’ee  kan Farraa fi  Gufuun Keessa hin jirre waan dalaguufitti ka’e akkuma  jedhe sanitti  Galmaan gahee kunoo As nuuf  Baase  .

 

Duraan  Dursinee Faaruu honga hin qabne Rabbii keenna guddaaf galchina

  

Waan itti kaani kana milkiin nu muudee galmaan nuuf gayee oromoo gammachiisee dinaa fii nyaapha oromoo naasisurratti.

Eegasii Nabiyyii keennarratti Rahmataa fi Nagaya buufna.

Eegasii gootota Oromoo kan haqaan oromoo bilisoomsuu fi Oromiyaa walaboomsuf qabsoo  hadhaawaa godhanii eega Rabbiitii sadarkaa amma jirru tanaan nugayan hundaaf Rabbiin haa araaramu warra  isaanirraa Rabbitti hin amaninillee seenaan hin dagatuu  akka fakkitti    garii isaanii maqaa kaasun nugammachiisa: kan akka: Leenjisoo diigaa,  kan akka: Daadhii tarree,  kan akka: she/ barruu, kan akka:  bakara waaree, kan akka: harqaa buxee, kan akka: Imaam/ Muhammad Ali walloo, kan akka: Imbiraa xuur/ Iyaasuu Muhammad Ali , kan akka  sulxaan Nuhoo Daadhii tarree, kan akka: Haaji/ Adam saaddoo, kan akka: Qaadi/ Ahmad dirree, kan akka: J/taddasaa birruu, kan akka: J/waaqoo guutuu, kan akka/ Huseen bunee, kan akka:  konoreel  Mahmuud  Bunee, kan akka: Haaji/ Is’haaq Daadhii tarree, kan akka: konoreel / Ali cirri, kan akka: konoreel / Ali Umar Agaa,  kan akka: konoreel/ Haaji/ Umar Qeebaloo, kan akka: Haaji/ Abdullaa Ganamoo, kan akka:  Tilmoo Ali, kan akka: Maammee Harqaa, kan akka: Abdurrahmaan maammee, kan akka: kan akka: Jaarraa Abbaa gadaa, kan akka: Haaji/ Huseen suraa, kan akka gootichi hiriyaa hin qabne: Hasan juuree, kan akka: Siraaj Haaji Is’haaq kan akka Tafarii Bantii ,  , kan akka haaji/Hasan Ibraahiim (elemuu qilxuu) , fikkf kan hafanis eessa  eessa maqaa dhahee keessaa bahuu dandeessaa , fakkeenyumaafi malee .

akkasuma kan isaan fakkaatan hedduu warra balbala bilisummaa biraan  oromoo gayee wareegaman hedduu  dhabne Rabbiin  Isaaniif haa araaramu jechaa   , akkanuma  yeroo Rabbi kadhannuu,    garee biraa tan farra bilisummaati fi gufuu qabsoo oromootti nyaqarsa  taatee jirtu Abaarasa irratti roobsuu dagachuu hin qabnu .  isaan cubbuu kun akka fakkitti doofaa dabeesa gantuu  gadi galtuu Biyya Oromiyaa gurgure  goobanaa daacee jedhamee kan  beekkamuu fi bitamtoota warra garaa wayya qoonqoo  isa jala deemtuun jalqabee  hanga Abbaa  cubbuu  dabeesticha bitamaa guddaa  Abbaa hongoo fi fafaa  kan waggaa 23 ol  carraa oromoon tattaafattee as baaftu guutuu jala miliqsee hongoon bira dabarse kan bilisummaa oromoon dhiigan fiddee hogganaa dhugaa seehee itti keennate dabarsee bara 1991, 1992, 1993 walirraa qaanfii takkaan malee diinaf gurguree  Oromoo fi oromiyaa gabrummatti uf duuba deebise akkasuma bara 2000- 2004- 2006 walirraa carraalee orommon argate jalaa balleese  kan Ar’allee oromoo burjaajessee akka gabrummaa jalatti waggaa dhibbaatam kan  biraa dhaalchisuuf ykn dararuuf olii gadi batachaa jiru maqaan isaa Leencoo Lataa jedhamee kan beekkamu Abaarsa guddaa irratti roobsuun dirqama yammuu tahuf fi kan yeroon wajjiin itti nu gaafattuudha .

Gootichi gootota dhaale  kan faana gameeyyotarra deemaa jiru kan qabsoo oromoo bakka isiin itti awwaalamte dhaqee qilxibsee baasee akka  qabsoon kararraa baddee fi wanti takka akka lafa hin jirre adda baasee ummata keessa baheen gahe ,  oromoon yeroo isaati fi human isaa akkasuma qabeenna isaa bilaashumatti gubaa jiru oromoo hubachiisee gootummaa daangaa hin qabneen sodaa malee Oromotti gadi bahee sagalee olfuudhee lallabee: yaa oromoo qabsuun kee kararraa baduu qufa osoo hin tahin imaahuu maqaa isaatin mooraa isaa keessan gabrummaa irra hamaa simudataa jiraa beeki ka’ii ,  iyyii bakka jirtaniin hula dhadhahaa  ,  qabsoo kee kararratti deeffadhu jedhee bal’innaa fi gootummaan beeksise, kan osoo isa Rabbiin nuuf godhee akka qabsoon teenna deemaa hin jirre hubachuu baannee wagga 100 ol teennee osoo  eegnuu gabrummaan nyaatee nu fixu !!!  akkasuma osoo inni akka qabsoon deemaa hin jirre nu hubachiisee namuu addeelluma jiruun tattaaffii mijjate gudhuu baannee miidiyuma Ar’a itti gammannu kanaahuu banachuu hin dandeenne, gooticha Oromoo Bergaader Jeneraal / kamala galchuu galatonfachuu fi du’aa’ii godhuuf qabna  akka gaaritti.

 Eega kanaa wanni ilmaan oromoo hundaan jennu Gammannee Gammadaa baga Rabbiin ar’a tattaaffi ilmaan oromoo tan milkiin muudamtee galma geettu nuhundaan gahe akkasuma gaafa oromoon bilisummaa isaa gonfatee ayyaaneffatulleen nuhaa gayu .

Eegasii wanni nu hundi beekuu qabnu oromoon doqnaa miti, dabeesaa miti, muyaa miti, sodaataa miti, gowwaa miti, maali ree maaf gabroomee gabrummaa jalaa bahuu dadhabe yoo jettan? Qabxiilee kanneen kaasuu nu freesias .

1-   Angoof bolola hin qabu kanaaf  jiruu isaa laaftuu amanteeffatee  taa’a.

 

2-   Walii galtee fi walmarii hin qabu, akkasum: waliif obsuu fi waliif irra taruu hin beeku, akkasuma diina ykn nyaapha isaa kan isa duguuguf deemu fi fira isaa kan isa jiraachisuuf carraaqu addaan baafatee  hin beeku, rakkoon oromoo isa kana .  Amma ammo miidiyaa kanatti fayyadamuun waan kana hundarraa ni muuxata kan jedhu abdii qabna.

 

 

3-   Miidiyaan kun miidiyaa duraa waan taheef Deegarsi ummata oromoo Biyya keessa fi Biyya alaa Jiran keessaafuu warroonni beekkumsa gahaa qabanii fi Qabeenya gahaa qaban dabalatee jaarmayoonni oromoo cuftuu deeggarsa karaa hundaan godhuufiin dirqama keenya kan yeroon ittiin nu gaafattuudha .  Kanaafuu akka gaaritti carraa baniinsa isaa kanatti fayyadamuun akka Aalamarratti of beeksifnu dhaamsa  kooti .

 

4-   Yeroo miidiyaan kun oromoof kan duraati jedhu nun ajaa’ibinaa, wanni kana nu jechisiise midiyoonni asdura oromoon banate hundi isaa Raadiyorraa jalqabee hanga tilvizoona gahutti  rakkoon isaa dhoortoo kadhatamee  yeroon isaa daqiiqaa 30 kan hin caallee fi sunummaanuu Torbaan keessatti marra takka ykn lama qofa oromoo bira gahuu . kana males karaa Miidiyaalee Adunyaan itti gargaaramtu akksuma  akka miidiyaa walabaatti Adunyaa irratti beekkomsa argatee saba isaa fi adunyaa irratti dabarsaa jiruu miti . kan inni darbuunis karaa Intarneetaa fi waraabbi isa akka leenjiitti darbuudha . Isa kana qofa osoo hin taane ergaan inni oromotti dabarsuuf dhaabbate cufti ergaa oromoo dhamaasu malee kan oromoo kaasuu miti .

 

5-    Waa’ee Miidiyaa kanarraa waa dabatanii dhumuu miti . Haatahuu ti  miidiyaan saba isaaf hojjatu guyyaa keessaa  kan argamanis jiru . kan sabboontotaa dhugaa warraaqtota sabaaf dhaabbatan hamma dandahan qabeenya isaanii fi sabichaatiin waa hojjataa jiranis jiru .  Haatahuutii isaan kunuu  harka namaa jala qabatanii  kan hojjataa jiranii fi miidiyaa  namaa irratti irkatanii  rakkoo sabaa isaa irra gahaa jiruuf hojjataa jiraniif  dhaamsa gabaabduu ergaa of qeessaa qabdu  mammaaka  kanaan  goolabaaf .  ( Namni  Okotee Namaatti NYaatuun Hudha Gahee  Hin Arraabu ) jedhan manguddoonni teenya . kanarraa kaaneeti  yaada kana kennuu dandenye .

 

6-    Waa’ee Miidiyaa kanarraa kan sabni kiyya beekee wallaluu hin qabnee  Warra waggaa 30 ol qabsoo oromoo hoogganaa jirra jedhan kan akka  Leencoo  Lataa  Umrii kiyya guutuu qabsoo oromoo keessatti fixe jechuun  qaanyii takka malee odeessaa jiruu fi biyya keessaas tahee alaa fakkaattoonni akka isaa biyya keessaa fi biyya alaa jiran  amaluma akka isa kanaa qaban hedduudha .  Isaannan kunniin Miidiyaa walaba kana  1  Mitii Miidiyaa  60 ol banuu dandahan . baay’inna saba oromoo miliyoona 62 n wal qixxeesanii . Keessumattuu  jaroonni kun wanti isaan saba oromoo irratti hin dalagin kan hafanis waa takkaa lamaa miti .  Biyya maallaqatti Gurgurataa turanis ammas ittuma jirani .  Osoo  saba oromoof kan yaadan tahee  Qabeenyuma biyya teenyaa saamaa turanii fi saamsisaa turaniin miidiyaa banuu dandahan . kana males Kanuma ummata oromoo irraa maqaa deeggarsa qabsoo bilisummaaf jecha sabboontonni dhugaadhaa godhaa turanii fi itti jiran  saniin miidiyaa tokkoo mitii miidiyaa  50 ol  kan adunyaa irratti dhageetti fi fudhatama qabu banana .  kana qofaa deeggarsi warra dhihaa irraa argatan qofaan Tola  banuu warra dandahanii  . isaaniifuu dalaganii isaanuu  tola banuu ykn  gad furuu fii dandahan . Kan Waraana oromoo irratti dalaganii fi Mooraa qabsoo keessatti dalagaa turan kan qabsaa’otarratti hojjataa turan waan dubbatanii dhumuu miti . kan jara tanaa  waan dhumaatii miti OSOMAA Arguu huuba wajjiin jette sareen .  Isaan kun Guyya takka  sabaaf osoo dhaabbatanii miidiyaa saba isaaniif banan turan .  kana kan dhugoomsu  Hujii jaraati .

 

7  .  Sabni oromoo akka hin bilisoomnee fi  tokkummaa isaan dheerke  Warra FUULA LAMEE ykn Arrab lamee  Warra gaafa fedhe Amaaraa fi Tigree   , Gaafa Fedhan immoo OROMOO  Tahantuu nu awwaalee oromoon  bilisummaa mitii  diiggamsa jala turtu nu gochaa turantu  har’as nu keessa jira .   Isaan kun kaayyoo fi akeekni isaanii kan biraa  qabatanii maqaa oromootiin  daldalachaa  nu keessatti    Harcaatotaa fi gantoota akkanuma boodeessitoota  anatu beekaa fi  yaanni kiyya kana tahuu qaba   kan jechaa turan harcaatota  murna leencoon barsiifaman karaa nutty cufaa ture , ammas itti jira . kana hubannee  jaraa fi fakkaattota akka isaanii irraa Gurra keenya cufatuun  abaarsaa irratti darbataatuma  deemuu qabna .  kun kanaan osoo jiruu akkuma ammaan tanaa kanati namuu bakka jiruun ol kaanee harka wal qabannee  wal dhageettii fi  wal kabajaan  wal jala yaa’uun hayyootaa fi gootowwan teennas jajjabeeffannee  kan karaa irra maqes gorfataatuma  kan dide   deebii isaaf tahu kennuuf  akka abbootaa fi akaakayyoota teenyaatti wareegamaaf uf qopheessuun nurra jira . 

 

Mee gara yaada miidiyaa isa jalqabneetti  haa deebinu .Diiggamsaa malee tokkummaan akkanuma nama sabaaf Miidiyaa banu ykn hojjatu maaf dhabne ?  kun hoo  maaf tahe  ?Miidiyaaleen jiran hoo akkamitti hubataa jirraa ?  Miidiyaaleen maqaa sabaan hojjataa jiran  akka silaa barbaachisutti maaf hin dalagne  jenne irraa wal mari’achuuf ani akka kiyyatti Kan natti mul’atu  waa lamaaf  ~~~

 

1.ffaa: isumaahuu diina gabroonfatatu ijaare taha kun wama gabroonfataa tajaajilu qofarratti waan hundaahee ergaa isaa oromotti buufuuf yooyyuu Alba’uuf qophaahe inni kun  oromoo rakkisuu malee kaasuuf carraa hin qabu.

 

2.ffaa: namoota oromootu sabbontota kan tahan rakkinnaa fi dadhabbinnarraa kan ka’e dhoortoo kadhatee takkaa gabroonfataa kalee kan ar’allee oromorratti deebi’uuf dhidhiitatu jalatti cinaa galee ijaare taha yoo kana tahe gabroonfataan kale kun yeroo daqiiqaa gabaabduu tana oromoof laatu ulaagalee hamtuu ulfaattu irratti bulfata ulaagaleen sun isitu ergaan haqaa akka miidiyaa kanarraan gama oromotti hin geenne dhoorga

Kanaafuu midiyaa oromoon bilisummaa fi walabummaa taa’ee qabeenna isaati fi beektota isarratti irkatee, sagantaa umma isaati fi biyya isaa tajaajilurratti hundeessee, yeroo gayaa fudhatee banate isa kana qofa waan taheef akka gaaritti deeggarsa gayaa argachuu qaba.

 Kana  Biraan galanni inni dacha Bergaader  Jeneraal Kamaal Galchuu  kan ummata oromoof karaa bane Adunyaa irratti  akka waamaman kan godhee  fi  Mooraa kijibdootaa Biyya alaa  jirtuus tahee Warra Biyya keessaa maqaa oromootiin   daldalataa jiran  keessa seenuun oliif gad hargufee akka isaan qullaa taa’an ummata oromoof ibsee . kana  qofatti yoom dhaabe  ummata oromoof akka wanti takka hin jirre  saba oromoof himun mala akka dhawatan akkasuma yeroon osoo nurra hin kunne   daddaffitti  mariidhaaf karaa banuun teennee irraa haa mari’annu fala haa barbaadannu wanti karaa ummanni eegaa jiruun   cufaa akka isaan kijiba duwwaa  irra jiranii fi  yeroo gara yerootti gabrummaa ummata oromoo dhaalchisuuf  Rafaniituma akka waan hin garree fi hin dhageenyeetti  ilaalanii erga hirriba quufanii ka’anii  Mirgi saba oromoo sarbame jichuun taa’aniituma Ibsa  fuula dhibbaa tamsaasuun kanumaan  gurra ummataa  duuchuun  qofti gahaa miti jennaan warra  kanarra jiraniin .  kana malees  karama miidiyaa  isaaniituun Erga wanti darbe darbee  akka waan boolla keessaa  bahaniitti wacuuf  bu’aa ummata keenyaaf kan fidaa hin jirre tahuu  akka hubatuu qaban akkanuma Wareegama gootoowwan teenya kafalanii asiin nu gahan bilaash taasisuun dhaloota dhufanitti karaa itti golgoleessuun  hafuu kan qabuudha .

 

Walumaa galatti yaada koo gara goolabuutti deemaa jiruuf dhaamsaa fi wal hubannoo gabaabduu tanaan isiniif dabarsa . Wayyaaneen murna laafaatti, akka qoosaatti isa harka duwwaa itti dhaqeef Aangoo keennituu miti. Dhaaba nagaahaa fi seera beektu akka hin taanes gochaaleen gara jabinaa ilmaan Oromoorratti waggoottan 22n darbaniif hojjette raga guddaa dha. Fuunduuraafiis hanga rukutamtee Oromiyaa keessaa hin baanetti murna yakkoota adda addaa saba Oromoorratti hojjeechuurraa duubatti hin deebitu. Murna waggootan 100n dhufuufi uummata Oromoorratti karoora baafattee hojjeechaa jirtuu dha. Silaa jarri kun  kana hubatanii, warra isaan dura “karaa nagahaatin qabsoofna” jedhanii harka wayyaaneetti kufanii boodarra hidhaatti tortoran, ajjeefamanii , Biyya irratti dhalaterraa ari’amanii  fi bakka buuteen isaanii dhabamerraa barachuu qaban turan. Beekaan namarraa barata wallaalaan ammoo ofirraa barata akkuma jedhamu san jechuu dha.  Dubbiin Akka gaafa Aangoo ufumaa itti darasanii amaanaadha hanga waggaa kanaa jedhan san jirti natti hin fakkaanne . yoo  duraanumaa wajjiin hojjataa jiran tahe malee . kanaafuu  Dhaamsii fi fedhiin Oromoo yeroo hunda tokkummaa dha. tokkummaa diina keenya nurraa Jilbiiffachiisuudha . . Tokkummaa mooraa qabsoo Oromoo daandii injifannoo qabsiisu ta’uu qaba.

 

 

Eega  faaruu Rabbii keennaati !!! Rahmata  Nageenyi Rasuula keennaaf !!!

Kanarraa ka’uun Galanna dargaggoo fi shamarran oromoof hundaaf  haagahu

 

Kan akka: johar Muhammad

Kan akka: Sa’id Muhammad

Kan akka: Muhammad Adeemoo

Tan akkan: toltuu tufaa

Tan akka: Faaxumaa Ali fi kkf cufaaf

 

Iznii  Rabbiitin  oromiyaan  ni bilisoomti !!!!!!!!!!!!!!!!

 

BY   Bosona Oromiyaa @gmail.com

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …

One comment

  1. Waan hunda dura galanni rabbiif haa gayu.Gadaameysi harmee Oromoo kaleeysa J/J/A/Gadaa ,J/Elemoo Qilxuu fii knn biroo nuuf arjoome,kunoo arraas qaroolee akka keessanii kana nuuf arjoomaa jira.Hujii yeroo dhihoo keessa jalqabdan kattiis baga milkooftan.Rakkoo miidiyaa kanarratti hojjachuun waan hundaa ol barbaachisaadha.Aniis carraa kanaan wanni isiniif dhaamuu barbaadu ji’a march 7/3/2014 yaadannoo Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa tiifii J/Shaazalii Gaatur M/d godhachuuf qophii keenya xumurree jirra.Kuniis carraa OMN tv kanaan kan walsimatte waan taheef mee yoo isiniif mijjaawe qophii kana akka asumarraa suduudaan nuuf dabarsitan maqaa jaallawwan wareegamanii fii maqaa ummata bal,aa Oroiyaatiin isin gaafanna.Haalli jennu kun yeroof kan ulfaatu yoo tahellee irratti waliin dubbanna, nuqunnamaa.Tel,00967736253796-Email bakakaa12@yahoo.com-Waaqni isin waliin haa jiraatu Jabaadhaa!!!,mul,anni qeeyroo ganamaa qabsoo walirraa hin cinneen nidhugooma!!!.Nagayaan jiraadhaa.