Oduu Haaraya

Hamzaan Maalif badee ture ? Imalii Gaazexeessummaa koo ni goolabama moo itti fufa ?

 

Jalqaba Hawaasa koo kan ani akkaan kabajuufi jaalladhu kan toora irraa baduu kootiin na iyyaafataa turtan hundaafi, wantan akka tasaatti badee isin dhiphiseef dhiifama isin gaafadha. Eyyeen anis kan fagaadhe jaladhee miti, wanta na dirqetu na dirqe malee Oromoofi Oromiyaa guutuu biyya koo yaadu irraa hafe hin beeku. Guyyoota kana akkamiin akkan dabarse Rabbii fi anatu beeka. Fageenya koo kana keessatti akkan hedduu isin jaaladhu bare.

Dhimma adeemsa hojii keenyaafi dhimma dhuunfaa yeroo heddu ibsuu hin jaaladhun ture. Hardha garuu akka gurraa fi qalbiif ija keessan naa kennitanii na dhageessanin barbaada.

Mee Waa hundaafu obsaan dubbisaa!

Anaaf gaazexeesummaan oggumma barnootan argatanii oliidha . Gaazexeessummaan anaaf dhugaa hawaasaa dubbachuu, dhibee hawaasa qooddachuu , Ambasaaddera hawaasa ifii tahuu, gaafa inni rakkatu wajjiin rakkachuu, gadda isaa qooddachuu, gammachuu isaa qoodachuu …. anaaf gaazexeessummaan waa hedduudha.

Eeyyeen ani gara gaazexeessummaatti kanin seene barnootaan miti. Kaanin itti seene, miidha, hiraarsa , cunqursaa, dararaa hawaasa kootu xiiqii, kutannoofi murannoon akkan gaazexxessaa tahu na taassise malee dameen barnoota ani baradhe damee barnootaa qabeenya uumamaati.

Gaafa qabsoon hawaasa Muslimaa jalqabamtu, qaama qabsoo san jalqabe irraa nama tokkon ture. Sochii sana keessatti jalqabaa hamma hardhaatti shoora koo taphataan ture. Dubbiin jabaatee jennaan biyyaan bahe. Obboleewwan keenyas mana hidhaatti darbamani. Yeroon biyya ambaa dhaqqabu gumaachi koo maal tahuudha qaba jedheen dedebi’ee if gaafadhe. Yeroon bitaaf mirga koo ilaalu miidiyaaleen dhimma qabsoo Hawaasa Muslimaa sochoosan, midiyaaleen sagaleefi barruus afaanuma Amaaraa qofa natti tahan. Maarree Uummanni Muslimaa harki 50 oli kan Afaan Amaara hin beekne Ummata Oromootti , kanaaf hanquu guddaa uumame kanaaf fala barbaada Namoota heddu oliif gad barbaadee Nama dhaabbataan wanta kanaaf furmaata kahun dhabe. Obboleewwan BBN fi Fithiih Raadiyoo gubbaa hojjetaniin walitti dhihaadheen Afaan Amaaraa jara wajjiin hojjachuun jalqabe. Akkasummas namoota DY/ Sagaleen keenya haa dhagahamu kadhachuun barruun isaan Afaan Amaaran bareessan Afaan Oromoot hiikuun dhiheessafii nuuf maxaansa jechuun isaan kadhachaan ture. Yeroo sanatti namnii Afaan Oromoon Odeefannoo maxaansu tokkos hin ture , Kanarra kahuun Qabsoon Hawaasa Muslimaa kunu maalidha ? Koreen akkamitti filamani ? Akkamitti jalqabe ? Mootummaan Tarkaanfi akkamit fudhachuu Eegale ? Maqaan koree eenyufaadha ? ….. Gaafiwwan Heddu hawaasaf iffa hin tahin Afaan Oromoon Bareesun dhiheessu jalqabe . Barruu dheeraa gamma DY Sagaleen Keenya Haa Dhagahamuun bahu hunda hordofaa teessoo hin qabu waanan taheef, lafa gangalachaa gara Afaan oromootti hiikuun bareessa inbox ergaafii nuuf maxaansa hawaasa nuuf hubachiisa jechaa ture , jarris wanta barreessinu kanas ni shakku waan taheef nama biraan ilaalchisaa maxaansaa bahan. yeroo hedduu barruu sa’a meeqa dadhabnee bareesinu hin maxansani ture , kana jechuun koo komiif osso hin taane saniinis haamilen koo cabaa hin ture xiiqayye akkan hojjadhu na godhee malee .

Kanaan duras Hojiin dhimma Afaan Oromoon kun na waliin deema. Gaafan Boorana irraa Finfinneetti galus fiilmiin dhimma islaamaa irratti rarra’an kan akka Arrisaalaa , Umar Almuktar , Seenaa Ayyuub , Yuusuuf … hundi Afaan Amaaraan jiru. Kanummattuu oromiyaa keessati gurgurama. Hin tahu jedhee Afaan Oromootti deebisee Directera tahe hojjachaan ture. Kinoo hamma hardhaatti Oromiyaa guututti wal dhaqqabeera.

Duuba Sagantaan Raadiyoo akkamitti hojjatama kan jedhu ilaaluun jalqabe. Obboleessi tokko akkamit sagaleen akka PC gubbaatti Free Softweer waraabamu na agarsiise. Anis sanuma kahumsa godhee Raadiyoo BBN Afaan Oromoo tokko jedhee oduu Afaan Oromootti hiikee waraabuu jalqabe.Wantan waraabuun hojjatoota BBN’f erguun jalqabe. wol galteen mindaaf sagantaa goones hin ture Ani fedhii kootinin hojjedha. Guyyaa hojii humnaa hojjetaa maatii koo qarqaara. Galgala ammoo Oduuwwan Afaan Amaaraa irraa Afaan Oromootti hiikuun, nin waraaba , Adobe Audition gubbaatti akkamitti edit godha kan jedhu if leenjisaa akkamitti sagantaan mix taha akkamitti finalize taha kan jedhu galgala guutuu You Tube irruma ta’aan bula. Guyyaan hoojii galgalli Raadiyoo yoo baayyate sa’a 2 yoon rafedha . Bakkan sagalee itti waraabu hin qabu. Namoonni ani wajjiin galu lammiwwan biraati. Kanaaf yeroon waraabbii yeroo hirribaa wanta taheef, mana gubbaa baheen biinbiin osoo na nyaattuun waraaba. Nan yaadadha Laptop wanta bitadhuun dhabe liqiin laptop dadhabduu takka bitadhe gaafas, chaarjeriin yoo xuqame sagantaa guutuu qabatee bada.Yeroo heddu sagantaan ani beekumsa malee dhama’aa hojjataa ture narraa bada ture. Sababa kanaanis hirqifadhre boheera. Haa tahutii akkasitti rakkataa sagantaa guyyaa jalqaba Bitootessa 10 2005 / March 19 /2013 keessaa daqiiqaa 9 dhiheesse. Sagantaa sagaleen dhiheessuu dura yeroo muraasaf oduuwwan Afaan Amaaraa gama Afaan Oromootti jijiiruun akka uummanni keenya wan qabsoo kana irra deemu hubachiisuun yaala ture. Hoojiin kun garuu gama hawaasa keenyaa dammaqsuun milkaa’us gareen biraa ammoo Afaan Oromoon hiikuu koo kana kanneen hin jaallatiin dhiphummaa qabda, goosummaatu sitti jira, goosummaan hamtuudha jechuun hedduu na qeeqan. Kan hamma hardhaatti sababa saniin na cufan jiru garuu wanti nama gammachiisu jarri sunis turtii muraasa booda Afaan Oromoo maxxansuu jalqabaniiru.

BBN Afaan Oromoo gubbaatti rakkachaa sagantaawwan koo cimseen itti fufe. Baatii muraasaa booda hoojii wajjiin deemuu wanta na rakkiseef Obboleewwan BBN gubbaa jiran doolaara 200 si gargaarra nan jedhani hooji koo kanin dhaabbataan doolara 450 naa kaffalamaa ture dhaabee, hawaasni keenya miidhama guddaa wanta qabuuf garanatti fulleffadhee yeroo guutuu kennee kutanonof murannoon hoojiitti cichuun Obboleewwan biras gurmu taasifatu jalqabe . Wagga 1 fi Baati 5 booda Jara wajjiin deemun jabaatee Sagantaawwan dhimma Oromoof Oromummaa irratti hojjadhuuf seenaa fokkkataa atseewwan Oromoof Muslima irratti hojjetanii dhiheessuun koo obboleewwaniif hin taane ture irra deddeebiin xalayaa akeekachisaa na bareessaa turan. Obboleewwan akka na gargaaraniif siif qacarra baajata ni baafnaaf jedhanii anis biyya irra gama Keenyatti obboleewwan ergan dabarse booda kaffaltii sanis obboleewwaniif raawwachuu waan didaniif, obboleewwan wajjiin biyya ormaatti rakkadhee asiifi achitti osoon cinqamuu anis mana hidhatti darbamee baatii 1 booda hiikame . Sagantaan BBN Afaan Oromoo yeroo dhumaaf kan dalage July 22 / 2014 ttidha . July 25 hamma August 25 Mana hidhaa ture bahe .

San booda miidiyaa amma jiru kana Raadiyoo Daandii Haqaa – RDH November 27 2014 hundeessinee hoojitti seenne. Qabsoo gama dhimma Amantaafi sabumma gegeessaa jirru cimsinee daran baldhiifnee itti fufne. Sochiiwwan kana kan gegeessaa ture bifa jaarmayaan osoo hin taane akka dhuunfatti asiif achi fiigaa obboleewwaniif gargaaarsa mindaaf akkasumas baasiwwan adda addaaf wanta nu barbaachisu barbaaduun gateettii koo gubbaatti kufe (yeroo jalqabnu akkasi hin turre gareen nurraa fottoqe akka hoojin sun gateettii koo gubbaatti kufu taasisse). yeroon kun anaaf yeroo akkaan jabaata ture Baati 8 guutu rakkane hamma sadarkaa waan nyaanuf dhugnu dhabnutti . Hoojin gargaarsa barbaadu anaaf haarawa ture Qaamon gateetti koo irratti dhiisani deemanis ittumma cichee obsaan injifannee bira dabaree asi geenye jira .

Sagantaa qindeessuuf hojjachuun , oduu qopheeysun obbolewwan muraasa wajjiin kunis anuma ilaallata. Sochiin kun hundi akkaan ulfaataa ture. Yeroon Oromoon keessa dabarse hedduu akkaan ulfaata tahuu wajjiin hojjicha daran itti gaafatamummaan dachaa tahe oli deeme. Qophiiwwan dhimma Amantiif Sabummaa wal cinaa akka walitti hin buune if eeggacha gegeesuun ammo daran ulfaataa ture. Gargaarsi gama mallaqaan jiru hedduu laafaa ture. Obbolewwan minda malee hojjatu jechu ni dandahama yeroo hedduu liqiin tarkaanfataa yeroo garee whataspp irraa obboleewwan keenya biyoota Araba keessa jiran nu gargaaran bakka buusaa deemaa asi geenye. Namoonni akka dhaabbata guddatti nu herregu. Kan deggersa nu gaafatus tokko lamaa hin ture. Namoon keenya hooji keenya dinqisiifatu malee harka issa diriirse gumaacha taasisu hin barbaadani , ani ammo kadhaa nat fakaata , kalattii wa gaafachu kanaan muuxxannos hin qabu ,Imalli hojii kun sadarkaafi beekumsaaf umrii koo wajjiin heddu natti ulfaate dhibee akka sukkaaraf dhibee akka dhiibba dhiigaaf na saaxile. Ergaawwan whatsapp fi telgram irraa hordofuun page gubbas hordofuuf yaada hawaasaa keessummeessuu, bilbilaan kutaale Oromiyaa jiran hundatti bilbiluun rakkoolee jiran hordofuun bilbiluu, oduu bareessuu waraabuu, edit godhuu, sagantaa dalaguu kun hundi namoota halaalaa ilaalaniif laafaa fakkaata. Yeroo qophaahee dhihaatu garuu nama oggummaa kana qabuuf ulfinni isaa maal akka tahe dhiisaa. Sagantaawwan Afaan Oromoo 600 oli dalagneerra. Afaan Amaaras namoota jarri kun hoojii biyya diiguu hojjata jiru, goosummaa faarsu jedhuuf rakkoon saba Oromoo maal akka tahe hubachiisuuf sagantaa Afaan Amaaraa 120 oli dalagneerra. kana huunda meesha gaha malee hojjatta ture .

Waa hundaafuu imala kana hunda gargaarsa Rabbii fi obsaan akkasumas deggersa Obboleewwan muraasaan as geenye jirra.

Rabbiif haa galatu kaleessa qabsoon kutannoof murannoon beekumsa Gaazexeessummaa malee itti seene, aarsaa hedduu kaffalameen gaaffiin hawaasa Muslimaa koreen mana hidha bahu hamma mummicha minsteraa wajjiin mariachuun deebin isaa kalattii furmaata argatutti ceete arguun hedduu na gammachiisa. Wanta keessa dabarre tokko tokkoon wanta beekuuf kan fayyaa koo na dhabsiise kan maatii ijoollee koof biyyaaf fira fiixa koo irra adda nu kute isadha.

Qabsoon Hawaasa Oromoos gulantaa guddaa gubbaa dhaqabdee jirti. Rabbiif haa galatu gama kallattii kanaanis sochiin Team RDH taassise laafaa miti. Boor gaafa bakka geenyu wanta kana kana jennee dubbanu hedduu qabna. yeroo Raadiyoo Daandii Haqaa dhagahuun yakka tahe namoon hidhaman hedduttu ture , dhimma issa dubbachuun hedduu rakkissa ture , Hardha garuu hawaasni keenya rakkoo isaa eessattuu afaan isaa saaqqatee dubbachuu sadarkaa dhaqqabe gubbaa gahuu arguun anaafi garee keenyaf Oromoo maraaf wanta nama gammachiisudha. Akka kaleessa nuti dubbannuuf sana miti hardha eessattuu dhimma isaa dubbachuu dandaha. imala kana keessatti woreegamnii Hawaasnii Oromoo kafalle kan kana jedhamuu mit , lubbuun Qeerroo hedduu darbeera .

Anis hawaasa Sagalee dhabeef sagalee tahun qaba jedhe imala hadhaawa Rabbii koof jedhe hoojii , barnoota , maati , Fayyaa koo hunda boodatti darbee hamma dandeettuu kootii wantan gumaachuu dandahu gumaachuuf carraaqqaan ture .

Ani akka nama tokkootti hedduu xiiqawaadha. Kutannoofi murannoo jabaan qaba , dhugaafin jiraadha , dhugaafin du’a. Sagalee koo gad qabe yoon dubbadhe kan dhugaa hawaasa koo dhoksen natti fakkaata .Haamileen koo yeroo kamuu Tokkoodha . oli hin kahu gadis hin bu’u , maalif akkan hojjadhu wanta beekuf . kaleessa gaafa Namni Tokko Qoftii like fi share godhus tahe hardha kumaan share godhus Ana biratti tokkomma , wantii guddaan na dhiphiisu Nama meeqatu dhagahe kan jedhu osso hin taane Ani maal hojjadhe kan jedhu qofa wanta taheef Haamileen koo Achumma jirti , xiyeeffannoon koo hojjachuu qofa irrattiidha . Dhugaa Saba koo Dubbachuu koo qofan ilaala . Ani nin dalaga Rabbiin koo Hawaasa koo bira akka dhaqabsuun kadha ture .

Duuba haala kamii keessattuu imala waggoota dabran 6 kana keessatti yoon dhugaa hawaasa koo dhoksee jiraadhe Rabbiif hawaasni koos dhiifama naaf haa godhanuun kajeela. Yoo wanta dandahu hamma beekumsa kootii gumaachee jiraadhe tahu Rabbiin milkii hawaasa koo yoomuu na haa agarsiisuun hawwa , mindaan ykn jazaan guddaan Rabbi irraaayi.

Yeroo ammat Miidiyaalen biyya keessa jiran dhugaa hawaasaa dubbachu jalqabuun anaaf hedduu gammachuu natti uumee jira. Eyyeen akka Raadiyoo Daandii Haqaatti kana arguu keenyaaf gammachuu gudda qabna. Wanti guddaan dhugaan Oromoo yeroo kamuu muldhachuu qabdi akkasumas cunqursaan Amantii dhaabbachuu qabdiin ejjennoo keenya maraadha. Hawaasni keenya yeroo hammaatti kutannoof murannoon qabsaawaa jira.Nus yeroo ammaa kanatti dhugaa jiru dubbachuu keenya irratti kan nu ukkaamsuu barbaadu akka jiru dhoksu hin barbaadu. Diina fagoo osoo hin taane, manuma keenya keessaa yeroo dhugaa dubbannu yeroo maaf dubbatta biyya diigaa jirta jedhamu irra dhaqqabeera. Nuti biyya diigamtu arguun hawwii keenya miti. Dhugaan Oromoo yoomuu biyya diiga jennee hin amannu. Biyyuma keessaa Mootummaaf obsuutu barbaachisa kaleessas du’aa turre du’a kana hedduu hin dhaadhesinaa kan jedhus tokko lamaa miti hamma Abba Gadatti.

Imala qabsoo darban keessatti guutummaan guutuutti diinaan wal falmaa turre. Hardha garuu Obboleewwan wal jaalannuuf wal kabajnuuti Afaan walitti deebi’unis argameera. Kun ammoo ana biratti hedduu jabaata. Kanaaf dhaabbattani waan deema jiru xiinxaaluun gaaridha jedheen yaada.

Waa hundaafu anis akka nama dhuunfatti imala waggoota 6 kana keessatti kufaa kahaa asi geenyerra. Dhibeenis keessa koo laaffisaa deemaa jirti. Oggeeyyiin fayyaa waggaa sadii duraa kaasee baatii 1 fi 2 boqqonnnaa fudhachuu qabda jedhu, ani baatii miti guyyaa takkas qalbiin too osoo Oromoon du’uu boqqonnaa fudhachu hin dandeenye. Maaykii kana qabadhe dhugaa Oromoo lallabaan du’a jedheen murteesse. Kanaafis yeroo hedduu of wallaaleen Hospitaala ciisaan bahe. Yeroo hedduu qofaa koo jiraatuu wajjiin hoojiin liqinfamee beelawew kufaan ture. Dhibeen sukkaaraa tun hamtuudha. Namni na bira jiraate na tohatu jiraatuu dhabuu wajjiin dawaas sirnaan fudhata hin turre . Wanti na cinqu sagantaa qofaa miti mindaan hojjataa, kiraan manaa, baasiwwan hunduu baatiin yoo dhufani anuma ilaallatu. Hoojin Sagantaa direct godhuuf wanti hunduu anuma irratti rarra’u. Wanta kana ifirraa hirdhisuuf yaaliin ani hin godhiin hin jiru. Hayyootta biyya keessaf alas heddu dubbiseera Garuu milkaawuu hin dandeenye. Kana hundaaf rakko gudda kan tahe studio dhaabbata dhabuudha. Hojjettoota hundaan kara internetaa qofaan wal qunamna, anaaf ammoo kana hunda hogganuun heddu ulfaata ture. Yeroo waggaa 7 dhaqqabuuf sirnaan boqodhe rafee hin beeku. Kunis dararaa gudadha. Ijoolleen dhalatte hamma gurguddatanii abbaa yoom dhufta? jechuun jeequmsa xiinsammuu namatti kaasa , cinqamni Abboofi Ayyoos nama darara.

Waa hundaafuu imalli kun haala kanaan yoo itti fufame hawaasa koon tajaajila osoon jedhuu ifii koos dhabuufin jira. Akka karoora kootti haala kanaan ammaa booda itti fufama jedhee hin yaadu. Miidiyaan kun qabeenya hawaasaati. Gamma institution / dhaabbataatti jijiiramee Finfinnee galee hawaasa isaa tajaajiludha qaba. Miidiyaan kun Hamzaa wajjiin akka hin duune hojiin irratti hojjatamuu qaba jedhen amana. Hamzaan Kufee kahee obboleewwan if qaban muraasa wajjiin asiin geenye jirra. Oromoo koo !! Miidiyaan kun qabeenya kooti yoo jette atumti biyyatti galfadhu guddifadhu. Lakkii imalli hammaa ammatti gootan gahaadha Rabbiin kanuma barakaa haa godhu yoo jettanis nuuf gammachuudha.

Anis yoo xinnaate ijjoollee koof maatii koo torbee tokkoof yoon arge natti tola . Barnoota koos hedduu itti fufuun barbaada.

Imalii Gaazexeessummaa koo kan gulantaa jalqabaa kana fakkaata.

Akkuma isiniin jedhe imalli itti aanu Miidiyaan kun gateettii koo irraa buhee gama dhaabbataatti jijiiramee yoo deeme na gammachiisa.

Dhumma irratti Qaamota imala kana keessatti osso na hin hifatin nu cinaa dhaabbacha turani galatoonfachu barbaada

Jalqaba Rabbii koo kan imala Qabsoo ummata koo keessatti shoora kana akka taphadhuuf dandeetif obsa naaf kene galatoonfachuun ana irratti dirqamaadha .

Itti aansuunis haadhaafi Abbaa koo kan akka ilma sabaaf yaadu ilma dhugaa dubbatu godhanii na guddisaniif hedduun isaan galatoonfadha. Haadhaaf Abbaan koo Hojjatoota mootummaati. Abbaan koo Ijoolummaa irraa akkan waa dubbisu na jajabeessaa ture. Hojii humnaas na hojjachiisaa ture. Yeroo sanatti hameenyattin fudhata ture. Garuu obsan hardha qabuuf Ijoolummaa kootti jireenya cimaa keessa darbuun koo na gargaare jira. Abbaan koo waggoota 40 dhaqqabaniif raasa Goodina Booranaa keesssa aanaafi gandoota hedduu keessa naannawuun Ogeessa fayyaa Beeylada tahuun hawaaaa tajaajilaa ture. Gandi Booranaa isa hin beekne jira jedhe hin amanu. Haati koos sadarkaa waajjira Qonnaatii , Itti Gaafatamtu dhimma Dubartii hamma haadha Seera taatee Goodina Booranaa Aanalee heddu keessatti tajaajila jirti. Ijoolummaa irraa haala gaarii qabaadhee akkan guddadhuuf hedduu naratti ifaajaniiru. Abbaan koo Hojii Qofat amana dubbiin kaadire / waltajjii OPDO Issatti hin tolu , bakka magaala keessa tahe isaani wajjiin wolgahii taahu Baadiya deeme Loon Boorana Dhibaman woldhaanu filata , Siyaasa OPDO Dur gegeessan sun Hin jaalatu , Haati koos Dhugaa irratti cichuun beekamti Maati kana giddu bahe anis Rabbiin umrii isaanii naf haa tursu.

Manguddoota Boorana Aadaf duudha safuu Barsiisani nu guddisani dagachus hin dandahu , Qabsaa’ota kaleessa Roorro didan falmii mirgaaf Qabsaawwani woreegaman huundas Qabsoo keessatti jabeenya wanta nuuf tahaniif isaanis Rabbiin haa Araramuuf jechuun barbaada .

Akkasummas Haadha Manaa koo rakkoo hunda keessatti kan na wajjiin dhaabbatte , miidiyaa kanaaf yeroof qabeenya ishee hunda dabarsitee kan naaf kennite na wajjiin dhaabbachuu qofa miti, itti gaafatamummaa abbummaa koos narraa fudhattee ijoollee koo bakka lamaan keenyaa buutee guddisaa jirtus hedduun galatoonfadha. Dhugumatti maatii RDH hunda irraa galata qabdi. Isheef ijoollee koos Rabbiin haa tiksu.

Akkasumas Gaazexeesitoota RDH Imala jalqaba irraa kaasanii mindaa maleefi mindaa quufsaa hin taanen nu wajjiin dhaabbata turani, kan hin dadhabne , kan hin hiifanne , Abu Mrwan Mohammed , Bakkalcha Barii fi Ka’ab Isma’iliin hedduu galatoonfachuun barbaada. Osoo Obboleewwan akka isaanii nu bira hin jiran tahee imalli kun daran cimaa ture.

Akkasummas obboleewwan kutaa teekinkaafi hoojiwwan biroos nu gargaaraa turtan duratti tarkaanfachuu dadhabdanii karaatti haftani hundi galatoomaa. Obboleewwan garee Whatsapp gubbat deegarsa RDH taassisaa hamma hardhaatti nu wajjiin jirtaniif kan nu jalaa haftan hundis galatooma jechuun barbaada. Xaari fi ifaajee keessan malee asi dhaqabuun heddu jabaata ture. Akkasumas Ulmaa’onni Hayyoonnni / Activistooni / sagantaa RDH irratti dhihaatuun ibsa adda addaa kenbaa turtan hundi galatoomaa jechuun barbaada. Hawaasni keenya Kan waggoota 6 darban odeefannoo nu kennuun nu wajjiin hiriiraa tures galatoomaa jechuun barbaada. Kan yeroo odeefannoon dogongoraa nu dhaqqabu nu qajeelchaa turtanis galanni keessan nu biraa guddaadha. Kan yeroo nuti jabaannu haamlee nutti hortaniif kan yeroo nu laafnes nu goorsitan hundi galatoomaa jechuu barbaada.

Imalii keenya itti aanuu maal akka tahu qabu kan murteesu deebi hawaasa keenyati. Ammas ani akka nama tokkotti Obboleewwan RDH biroos yeroo kamuu caalaa imala itti aanu irratti bakka barbaadamnetti dhihaannee itti fufuuf qopheedha.

Imalii Gaazexeessummaa koo ni goolabamma moo itti fufa ? RDH Itti fufti moo Asumma irratti Imalii ishee goolabamma gaafi jedhuuf deebi Hawaasa keenya irraa Eegna .

Oromoo koo naa jiraadha !! Ulfaadha !! Dagaagaa !! Muldhadha !!

Obboleessa keessan Gaazexeessaa Hamza Borana

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

JUXTAPOSING DEMOCRACY WITH THE GADA SYSTEM OF THE OROMO PEOPLE

  Part III By Odaa Hora   Where Democracy does departs from Gada?     …

Yaada kanaaf deebisaa kenni