Oduu Haaraya

Hamzaa Booranaa; Dhimma Saba keenyaa dhimma dhiigaaf lafee keenyaa akkamitti dhiifna?

Barruu Dheera 2 ffaa Qabadhee dhufuu kootif Durse dhiifamma Gaafadha ,

Obsan Dubbissa

RDH maalif hamma ammaatti gargaarsa gahaa Hawaasa ishee irraa dhabde gaaffiin jettu deddeebitee kahaa jirti anis qabxii kana irraa mee xinnoo haa ibsuu:

Akkuma beekamu miidiyaan kun kalattii lama qabdi, dhimma Amantiifi dhimma Saba keenyas qabannee sochoona. Kun ammoo akka hin gargaramneef karaa hedduu saaqe.

Leellistoonni dhimma amanti xinnaa hamma sadarkaa sheekaatti maaliif dhimma amantiifi siyaasaa wal keessa laaqxa ? Lamaan kessaa tokko filadhu!, amantii keenya maqaa hin yakkiin, akkamitti namni hordofaa amantii kana hin tahiin Sagantaa miidiyaa Islaamaa irratti dhihaata ? jechuun duulli bifa kanaan deemaa ture murna hawaasaa hubbannoo baldhaa hin qabne hedduu nurraa gaga’eera. Gama kaaniin dhimma amantii keenyaa akka nuti dubbannu kanneen hin barbaadne qaamni biraas jira.Oromoo amantiin waliitti buusuuf sochootu kan jedhus xiqqoo hin turre. Propogaandaa kana sodaatanii kan nurraa fagaatanis laayyoo miti. Amantiin kun kan keenya. Akkamitti dhiisnaa? osoo maqaa Amantiitiinn namni keenya ajjeefamuufi hidhamuu akkamitti caldhiifna? Qaamonni tokkummaa uummataa hin barbaadne osoo hordoftoota amantaa biraa obboleewwwn keenyaa waliin walitti nu buusuuf shira guddaa xaxanii socho’aniitti osoo laalluu akkamiin callisna? Sababa Mootummaan wayyaanee harka isaa dhimma amantii keenyaa keessa galfateef, kana irra darbuunis sababa hordoftoota amantaalee biraa waliin walitti buusuuf socho’eef, addabaabaayiittis baanee Miidiyaa keenyaa RDH’nis gaaffiin keenya gaaffii seera qabeessa gaaffii mirga amantaa dha malee gaaffii Mootummaa Islaamaawaa dhaabuu miti jechuun falmanneerra. Kana gochuu keenyaan ammoo shirri jarreen xaxan guutummaatti fashalaa’eera.

Dhimma Saba keenyaa dhimma dhiigaaf lafee keenyaa akkamitti dhiifna? gama hundaan mirgii keenya kabajamuudha qaba. Akka sabummaa keenyaatti mirgi keenya nuuf kabajamee akka amantiitti ammoo amantiin keenya yoo sarbamne ammas kunis rakkoo biraati. Kanaaf hundi wal hin rukkutu hunduu sochii gaaffii mirgaati, hordoftoonni Amantaa kirstaanaa lakkoofsaan hedduu ta’an sagantaa RDH gubbaatti beekumsa isaanii dhangalaasaa turan, diinni gargar nu fageessuu yaala, nuti ammoo garaagarummaan amanti miidhagina keenya malee madda rakkoo keenyaa miti! jennee walitti dhiheenyaan hojjanna. Obboleewwan keenya Kirstaanaas miidiyaa Amantii dhaabbattanii mirga saba keenyaafis akka falman ni jajabeesina. Amantii isaanii barisiifachuu mirga guutuu qabu nuus akkasuma., Ahbaashii humnaan mootummaa wajjiin taatee duula nuratti labsitee, nu cuuphuu ishee balaaleffanne malee, manneen barnoota isaanii keessatti yaada isaanii barsiifachuu hin mormine. Rakkoon Obboleewwan keenya Kiristaanaas nu ilaalata, biyya san wajjiin qabna, dhimma isaanii ni dubbanna, jarris dhimma keenya irraa akka dubbattan ni afeerra. Biyya waliin qabnu keessatti akkamitti fidamaa? Rakkoon Hawaasa keenyaa furmaanni maali? Diinni karaa hedduun walitti nu buusuuf deema, akkamitti irra aanna? Mariiwwan jedhan daangaa, gosaaf Amantii kamuu tarkaanfane ni marsiifna.

Kallattii biraatiin deggersa dhabuu keenyaaf sababa kan tahan keessaa Obboleewwan Amantii kanaa kan wajjiin hordofnu kan lakkoofsaan muraasa hin tahiin sadarkaa dhuunfaa hamma garee ijaarratanii yeroo nuti beelawaa dararamaa sagantaa dalagnutti duula maqaa balleessuu nurratti banuu isaaniitiin. Ani akka nama dhuunfaatti dhimmota maqaa balleessi akkasiif bakka kennuun deebii hin kennu. Namoota Na Abaara turnitu jira , dhaaddannoon ajeechas laafa hin ture. Garuu Duuli Qindaawwan sun Summii hamaa lafa keessati gad dhaabus Qaamon Hawaasa keenya irra hedduun kan gamma toora Whatsapp jiru cichoominna hooji keenya ilaalun Duuli sun Duula qajeela akka hin ture mirkaneefachu dandahaniiru .

Kan biraa ani nama ifatti mul’adhee hawaasa keessa socho’u miti. Osoo akka namoota biratti iffatti bahee muldhadhee rakkoo jiru ibsuu nan dandaha ture garuu ani akkiif bakki jiraadhu nageenyummaa kootif mijataa wanta hin taaneef dhokkadhee hooji koo hojjachuu qofa irrattin ciche. Waggoota 7 tahaniif yeroo 10 oliif mana jireenyaa koo jijiiraa jiraachaan jira . Mana koo keessaa bahee hin beeku hiriyyaa qaamaan wal qunnamee waliin haasahu hin qabu. Uummanni keenya fuula koo arguu barbaada. Gaafin hedduus naaf dhihaataa anis bar akka dargaggoo tokkootti osoo suuraan koo maxxansee natti tola ture garuu kaayyoo qabna , kaayyoo keenya galma osoo hin gahiin karaatti hafuun hin barbaachisu , nageenyummaa keetif enyuyyuu caalaa xiyeeffannoo kennuutu barbaachisa. Gaazexeessaan anaa wajjiin waggaa 4 oli hojjate na arkee hin beeku. Hundi jaraa na arguu barbaadu, guyyaan muldhadhus fagoo natti hin fakkaatu. Qabsoon miiran hin taatu, tasgabbiif xiinxala gad fagoo barbaada. Kanaaf nafsiyyaa kee if keessatti ajeessuutu barbaachisa.

Kalattii biran ammo gargaarsi RDH akka gabaabbatu kan taassise ifatti deggersa nama gaafachuu dhabuu dha jedheen amana. Deggersi akka nu barbaachisu nin amana garuu nama gaafachuu nin qaanfadha. Akkan nama dhiphiseefi rakkisetti natti dhagahama. Kanaafis yeroo tokko lama qabeenya qabu gurguree itti xuruuradheen jira. Ani akka kootti kan yaadu maalo Oromoon wan ani hojjatta jiru kana arga hin jiru? yoo arga jiraate maalif nutti caldhisaa? gaafa hoojii keenyatti amane nu haa gargaaru jedheen amanan ture. Garuu uummanni keenya akka isa gaafatu barbaada . Nama gaafachu irraatti muuxxannoo dhabuun keenyas nu miidhera .

Waa hundaafuu barruun dura bareesse hawaasa koo bira naaf dhaqqabuu isaatiif na hubachuu keessaniif nu jajabeessuu keessaniif hedduu isin galatoonfachuun barbaada. Ani hardhas boorus ilma sabaati. Sabni keenya bakka na barbaadu kamittu argamuuf qophee dha.
Gaazexeessitoonni RDH’s akkasuma.

Haalli keessa dabarsine hadhaawadha. Hadhaan kun ammo boodi isaa mi’aawaa akka tahu abdiin qaba. Hundi keenya jabaachuu qabna yoo jabaanne gahee keenya akka dhuunfaatti kan baanu yoo taate tabbi nuti hin baane hin jiru.

Bu’aa bahii walxaxaa RDH dabarsitee as geesse dhagahuun akka hedduun keessan gadditan argeera. Hamilee nutti hortaniifis galatoomaa. Gama biraan ammoo kan yeroo dheeraaf cabuu fi dhabamuu keenya hawwaa turan gammachuu isaanii keessoofi ala kanattis ibsataa jiru.

Obboleewwan saniifis ammas waan cabne hin seehina okkolaa fi gabaabina argame, Oromoo keenyatti himannee Oromoo keenya irraa deebii eeggataa jirra. Fedhii Rabbiitiin ni deebina. Dhugaan hawaasa keenyaa nu wajjiin jiraataa ture ammas inuma jiraata hin cabu isaaniin jenna.

Oromoo Koo amma haalli fayyaa koo waldhaansa fudhataara waan taheef haala gaarii irra jira. Bakkuma jirtanitti Rabbii keessan na kadhaa.

Obboleewwan nuuf tumsuuf jecha hardhaafi kaleessa sochii jalqabuuf karoora guddaa qabaachuu keessan nuuf ibsitan hedduu hedduu galatoomaa jechuun barbaada. Dhugaa Rabbii Comment 1500 oli ilaaleen jira. Ergaawwan Whatsapp 500 oli keessumeseera. Messenger gubbatti ergaawwan 400 oli tahan keessumeesera. Jaalalliifi kabajni uummanni koo anaafi Miidiyaa RDH’f qabdan guddaa tahuu hubadheen jira. RDH’s akka duratti deemuuf hawwiin fedhii isin qabdan hedduu haamilee kan namatti horuudha. Oromoon miidiyaa hedduu qabaachudha qaba. Obboleewwan hooji miidiya gubba jiran kan karaa haqaan dhugaa hawaasa keenyaa roga hundaan baasuuf socho’an jajjabeessuun barbaachisadha.

Oromoon RDH 100/100 gama Gulantaa itti aanuutti guddisuuf tarkaanfachiisuuf akka fedhii qabu hardhas kaleessas argeera. Hooji kana bifa qindaawaan qaama tarkaanfachiisuti barbaachisa waan taheef osoo qaamni ijaarame tokko as gad bahee gaaridha. Hamma hammaatti Obboleewwan xiiqaawoo kan rakkoon keenya isaan madeesetu akka dhuunfaatti sochii gubbaa jira. Biyya keessaa gareen Ustaazotaafi hayyootaa osoo dhimma kana itti gaafatammummaa fudhatani itti seenan yaadni jedhus hedduu dhihaataa jira. Nuus deebii isaanii ilaaluun kan hawaasa keenya beeksifnu taha. Obboleewwan ammas gargaarsa gochuu barbaadan kalattii whatsapp gubbatti obboleewwan ijaaraman jiru waan taheef achittis dabalamuu ni dandeessu.

Kutaalee Oromiyaa keessatti koreen ijaaramee gargaarsi aanalee fi magaalota hedduu keessatti tumsi RDH akka taassifamu yaada kaasuun obboleewwan wal ijaaraa jiran akka jiranis hubbanee hedduu gamdneerra . Yeroo dhihoottis RDH Laakofsii herregaa bankii Oromia international bank , OCB Bank hooji gamta Oromiyaa , Bank Daldalafi Awwash banks akka isin beeksinuuf obboleewwan sochii gubbaa jiranis agarree hamileen nu kaate jirti.

Rabbi Gaditti Oromoo osoo qabnuu abadan hin kufnu !! Miidhamni keessa dabarre laaftuudha. Qeerroon keenya lubbuu isaanii qaalii deebii hin qabne Oromoof Oromiyaaf kennaniiru, hedduun miilaf harka, ijaafi qaamaa isaanii biro dhabaniiru.

Gulantaa kanaan yoo ilaallu teenya kun hedduu laaftudha. Wanti hanqate jiraatus gammachuu hawaasa keenyaa hardha argaa jirru arguuf carra argachuun keenya laafa miti. Kan carara kana hin argatiin hedduutu jira wanta taheef.

Miidiyaan RDH Rabbi jalatti gargaarsa Uummata Oromootiin kayyoon keenya Baldhaaf dheera galmaan gahuuf, koree Boordii hayyootaatiin utubamtee fedhii Rabbiitiin gara dhaabbataatti ni guddatti!!

Yaa Ummata keenyaa tokkummaa Jabeessaa !

Milkii hardha argame tikfannee wanta nu hafe argachuuf qaroominaa fi abshaalummaan duratti tarkaanfachuutu barbaachisa.

Oromoo koo naa jiraadha !! Ulfaadha !! Dagaagaa !! Muldhadha !!

Obboleessa keessan Gaazexeessaa Hamza Borana

Galatoomaa!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. abdallahmuhe@gmail.com

    Hamza galatoomi garuu fayyitee haalli fayya keeti akkami ?