Hamma hin jirree bookkisa dullacha

Gidduu kana gara Awaasaa kanaa dullachi Tigree adeemsa seenaa hin hubannee fakkaatu tokko Oromoon isuma Yohaannis arraba irraa cire sana se’ee farra Oromummaan yoo bookkisu dhagahame. Oromiyaan erga koloneeffamtee kaasee sochiin gara bilisummaatt Oromoon godhu hundi beekaa haa tahu wallaalummaan kanuma isee keessaa bahanii diinaaf ashkarummaa bulaniin hankaaffamaa yoona gahe.

Oromoo uumaan waan itt bobaa’an hunda akka keessa hin deebi’amnee fi shafisaan hojii irra oolchuun beekamu. Akka loltuutt janna kumi gad hin qabne. Kanaaf koloneeffataan loltummaan madaqfachuuf isaan keessaa madaqfachuuf durfannoo kennaa. Duula keessaa fi alaaf Oromo irratt utuu hin hafin kan hiriirsu caalaatt jaruma akkasiitii. Garaa guuttannaan kan ajajaman hojii irra yoo oolchan aadaa fi seera safuu akaakilee saaniillee kan dagatan hedduu dha. Kan dur “garbicha abbayyee” jedhanii dhaadatan amma” garbicha abaluu” jedhanii maqaa kan isaan bulchuun dhaadachuutu boonsaa taheefii.Qabasaawoti farra kolonii tahan tokko tokko galtoota diinaan itt bobbaafaman ilaaluun Oromoo” akka gabbistuu humna koloneeffatuutt ilaalu. Si’ana kanneen diina tajaajilutt qaana’an lakkofi saani guddataa jira. Barri Oromoon hoomaan diinatt buluuf gara mooraa saatt girrisan dur hafe. Faarrri jiru humnoota bilisummaaf tumsuun ummata hacuuccaa jala jiru aangessuu dha. Sochiin bilisummaa Kallacha qabsoo saa ABOn eegalame lafa Oromiyaa qofa utuu hin tahin sammuu diinaan dhiqame bilisoomsuu dabalata. Hanga kan surriin faalame jiranitt Oromiyaan bosona abbaan fedhe soma waraanaa keessaa muratu taatee hafti. Kanaaf yeroo dhaaba diinni maqaa Oromoon ijaare yaadannu kun irraanfatamuu hin qabu. Lammii ofii joonjessaa keessatt dhiisuun ofii qaanii tullachuu taha. Dhaabi diinaa eenyummaa saaniin akka wal hin gitne guyyuu itt himuu dha. Kan gooftaan salphisett dabalanii soqoluu fi abaaruun sabichaaf bu’aa hin qabu. Kan tarkaanfatooti yaadan akka sanatt ta’uu qaba. Tarkaanfatummaan dhuunfaa gita tokkoo yk gola tokkoo miti; murannoo abba abbaa yk murnootaa jireenya hundaa keessaa babahanii jijjiiramaa hawaasaa wayyeessuuf ijaajjani. Dhoofsisi ni dandahama taha, garuu kaayyoon sabichaa dhoofsisa keessa hin galu.

Ijoolleen Tigray Oromiyaa kan qabate tooftaa abboolii see jijjiirattee yoo tahu tarsiimoo muummicha garuu akka turett dhiistee. Qabsaawota Oromoo sabboonoo turaniin dirree lolaatt qubaa wal haqabaatan malee ergama saani isa guddaaf akka barbaadanitt galmeessuunii hin milkoofne. Haa tahu tuqaa jabaa fi laafaa Sochii Bilisummaa ummata Oromoott quwaachuuf saaqaa kan argatan yerosi. Sun dursanii akka itt fashalsiisan karoorfachuuf isaan gargaareera. Akeeki bu’uuraa Oromoo keessaa namoota sossobanii hawwachuu yoo tahu sunis akka abboolii saanii ifatt ashkarummaaf miti. Garuu maqaa Oromummaan dhaaba fakkeessaa, kan saaniin walqixxee fakkaatu uumuunii. Lookoon itt hidhaan akka isaan se’an dhokataa utuu hin tahin kan hundi arguu dandahu ture. Akkasitt jaarmaan Oromoo sobaa, DhDUO (OPDO) Hidhamtoota waraanaa dhandhooname. Amaaraafis “Jaarmaa Demokratawaa Ummataa” biraa itt ijaaranii hogganummaa ABUTn (TPLF) kan amma biyya bulcha jedhamu ADWUI (EPRDF) uumame. OPDO jechuun Tigree fuuloo Oromummaa kaawwatee Oromiyaa bulchu jechuu dha. TPLF kan humna tarkanfataa of fakkeessee dhufe keessisaa bulchoota empayeritt darban hunda caalaa duubatt harkistu akka tahe bulee of saaxile.

Kanneen miseensa OPDO jedhaman akkuma galtuu durii ashkaroota gooftaa bulani malee Oromiyaa kan iddoosan mitii. Namooti Oromoo tokko tokko baasanii OPDOn ashkarii dha jechuuf mamii qabu turani. Kanneen biraa garuu irrabuusa ”Maxannee” jedhu kennaaniifi turan. Amanamummaan saa itt fufuu mirkaneeffachuuf tibba tibba OPDOn walgahii gooftoliin dura taahaa tahanitt “gimgamaa”f waamama ture. Miseensoti OPDO hanga hardhaatt gamagama kanaan arrabsamaa, itt dheekamamaa, doorsifamaa, itt ori’amaa, ari’amaa, dhabsiifamaa fi hidhamama jiraatan. Gidduu kana beekaa haa tahu utuu hin beekin hariiroon koloneeffataa fi OPDO gidduu bora’uun galma koraa keessa dhimmiste. Dullachii Tigray tokko Awaasaatt hogganoota maxxannee saa galma tokkott dachaasee yoo dheekkamuu fi itt kakatu dhagahme. Machaaye taha malee akkas uggee tuuta kanniisaatt hin bu’u.

Moo’ummaa Oromiyaa heeran beekne jedhan irra tarkaanfate. Ibdi saa OPDOn utuu hin daangahamin ummatichatt utalee. Kan nama dhibu jalee saatt dheekkamuu saa miti. Oromoo futirichoo hidhaa natt kennaa jechuu saatu Oromoo waliin aarsee kaasee. Kan walgahanuu itt qasa’aa hursanii. Sochiin bilisummaa Oromoo hamajaajii Oromoo akka itt gaggeessu sagantaa qabaa. Kakawisuun namichaa wanti saganteeffame lafa irraa harkifamuun haaraa fakkaate malee qaamumaa roorroo koloneeffataati. Gochi saa maalummaa EPRDF addaababayitt saaxile Oromoo bu’aa mamii kennaafii turan rifachiisee malee kan maalummaa saa beekan hin dinqisiifne. Dullachichi, OPDOn roobootii Adda Bilisummaa Tigray Addeetitt tumame malee angoo Oromo akka hin taane kan ciicataniif mirkaneesse.

Jarri dorsifame galtuu haa tahan malee maqaa Oromummaan itt dhaadatame. Gabaatt baasanii Oromummaatt qoosuutu nama finiinsee.Nuti walqixee dha jechaa hoogganoota DhDUOtt akka ijoollee dheekamuun miseensota hagam tuffataniituu? OPDOn dhaabota biyya bulchan keessaa akka tokko tahett himamuufiin, isa “Gowwoomsaa Indaaqqoo teephaan kuffisanii” jedhan sana jechuu dha. Amma sossobaan dhossaa sun dhoohee bakka guutee hedduu qaanessee. Hamaa dhufaa jiru ofirraa faccisuuf qophii dha? Oromoon qaaniin du’a caalti jedha.

Teknoolojiin si’anaa Shashamannee taa’ani kan diinqa Awaasaa hasaasamu nama dhageessisaa. Dullachi Wayyaanee sana dagachuun yk maal abbaasee taati jechuun hogganoota maxxannee goleett galchee bookkise. Lafa saba keessanii dabarsaa kennaa yk isinin agarsiisa jedhe. Filmaati du’a hin olle du’a boonsaa du’uu yk miillatt kufuu dha. Walqixxummaan dhaabota ADWUI fakkeessan hafee, sobaa tahuun afaan bulchaa Oromiyaa isa dhugaa irraa dhagahame. Kana booda silaa hin qaana’anii nut dhaaba keessan jedhanii Oromoott dhaquu laata? Hariiroon waggaa digdamii shaniif shaakalamaa dhufe hardha akka tasaa bahe hundi dhagahuun sabboonota waliin aarsuu dandaha taanaan akka hin caamne qixuma sanatt eeguu dha. Sanatu yartuun namatt taphachuu irraa ittisaa. Kanaaf baraan tasummaan tuttuqaa diinaan weraruu irra dursanii itt yaaduun of cimfachuu dha. Yeroof “Qeerroon mataa tuutaa hin jarjartu suuta” Gaddisaa waliin jennuu laata? Garuu hamma yoomiitt haa harkifannuu?

Mootumaan Habashaa erga dhuma Jaarraa 20faa gara heeduu galtuu Oromoo meeshaa godhate kan Oromiyaa fi saboota biyya biraa dhiitaa fi gadi qabaa as gahe. Oromoo kan tahan hanga diina saba ofiif hirree tahu dhaabanitt tuffii halagaa jalaa birmadoomun hin jiru. Habashaan dur walqixxummaan hafee maqaa dhahuufuu Oromo ciigahu, amma yero barri isaanitt badu jalummaa abba tokkoota kana akka waan Oromoon Habashaan walqixxee Itophiyaa bulcha tureett hodeessaa jiru. Empayerri addunyaa darban hundi dantaa ofiif ummata koloneeffatan keessaa raayya guddaa hiriirsaa turani. Fakkeenyaaf yero Britanian Xaaliyaa cabsee Haayila Sillaasee aangoott deebise qondaalota waraana yartuuf malee kan adda lolaatt bobbaase biyyoota kolonii ofii fi kanneen biyyoota Awuropaa keessaa ture. Isaan keessaa biyyoota akka Sudaan, Kongo fi Asiya dhahuun ni dandahama. Xaaliyaaniinis Habashaa kan ari’e harka caaluu Eertranota, Somaalota fi Libiyaanota bobbaaseetu. Jarri sun maqaa ummata ofiin utuu hin tahin abba abbaan qooda fudhatani. Biyyooti saanii hamaaf haa tahuu tolaaf itt hin gaafatamani; Biritaniyaa fi Xaaliyaas waliin bulchan jechuun kolfa taha. Qoodi abba tokkoonni Oromoo taphatan jedhamuus sanumaa.

DhADUO fi miseensoti DhADUO amma jiran uuman adda. TPLF DhAdUO ijaaree godaa hanga gubbaatt boojuu hamileen cabdee ofiif kan Shabiyaan kenneef itt naqe. Hedduu fixee isaan hambisuu saaf boojuun sun akka Waaqaatt sodaataa fi sagadaafii jiraatani. Boojuun, garri caaluu annisaan dhumee keessa keessaa tufamaa hardha gahani. Amma xinnoo qofti gubbaatt hafanii jiru. Kan gidduu kana dheekkamsi dullachichaa itt anga’es isaanuma. Barbaachisummaan saanii raawwachuutt jira. Biyyas afaniis waan barataniif sichi jabbiin gayyaa kan isaan barbaachisu itt hin fakkaanne. Hedduun miseensaa OPDO dargaggoo dhihoo madaqfamanii. Gidiraa angafooti dhandhamatan hin argannee. Kanaaf surrii dhiqaan saanis adda. Akka angafoota saanii qofa utuu hin tahin yoo fedhan sammuu yaadu xinnoo hin dhabani. Sossobaa fi uleen kan sarmanii fi hin sarmine jiraachuu haasaa dullachichaa irraa heduun ni dandahama. Jara sarmuu diddan itt fakkaatett dullachichi kan yeelalee.

Miseensoti OPDO garri caaluu ayyaan laallattumaan haddheeffamu. Ayyaan laallattumaan gar lamaan ilaalamuu dandaha. Tokko carraan ruuchoo guuttachuu nan darbin jedhee kan itt duudee. Kaan rakkina ummataaf falli achiin argaminnaa jedhee karaa gabaabfachuu itt goree. Walabummaatt karaa gabaabaan hin jiru dafqanii dhiiganii babanii bira gahama. Garuu karaa jalqaban irraa muuxannoo gowwummaa saanii itt mullisu ni argatu taha. Keessummaan abbaa biyyaa irraa qabeenyaa fi ulfina mulquu qofa utuu hin tahin enyummaa saa haquunis akeekaa saa tahuu ni hubachiisa. Sun gara sochii jaalbiyyummaati isaan sherersu hin dandahu taanaan homtuu hin dandahu. Danbooba cimaa akka sibiilaa, kaasaa saba ofiitii dudhama fi kaayyoo Oromummaaf kutannoon bobbaanaan Wayyaanee hafee gaarriyyuu isaan dura dhaabbachuu hin ugguu. Lubbuu ofii caalaa kan nama mararu hin jiru. Garuu gara fedheenuu duuti hin oolu. Garuu kan bahuu hin oolle birmadummaa gatiin hin argamne biqilchaa du’uun salphina dhuma hin qabne keessa jiraachuu irra maqaa qaba. Kan Itophummaaf gororanillee dura of tahaanii milla ofiin yoo ijaajjaan ulfina argatu. Yoos qofa dhaggeeffatamu. Dullachichaa fi hiriyooti, injijjii qabsoon bilisummaa itt naqee harcaasaa dhufan, boquun dhiitahu, garaan afuufamuu qofa utuu hin tahin addunyaa irraa dhageettii fi ulfina kan argatan kaasaa hedduu keessaa tokko yerositt duubbee jabaaf amansiisaa qabaachuu dha.

Tuttuqaa diinana danfuu utuu hin tahin waan tahu malutt dursanii sonaan qophawuutu kan miidhaman irraa eegama. Dullachichi quufee bulgahuun nama rifachiisuu hin qabu ture. Oromoo fedha keenya dura dhaabbatu “Likki innasgabbaalle” jechuun maal jechuu dhaa? Awwaaressee lafaan walqixxeessuufii laata.? Likkiin itt galamu maaliin dhahama laata? Ummaticha gad ciree kan saan wal qixxeessuufii laata? Kanaan duras hileefii hin beeku, amma meeshaa shaffisiisu argatee laata? Gorsa Gooftaa Isaayyas Afawarqii dhagahee angoo 39 haquufii laata? Hacuuccaa nutt jabeessuuf wanti isaan kanaa dura hin tolchin hin jiru. Haa tahu malee akka isaan warraaqsa Oromoo qubaa tokko duubatt deebisuu hin dandeenye dargaggoon Oromoo mirkaneessitetiifi. Afrikaan kan dhaloota itt haanuuti; qoodi gadamoojjiini kan darbe keessa deebi’anii ilaaluun madaluu malee, wanti ofii roga dhabsiisan tarkaanfii fi wal qayyabannoo dhaloota egereett darbee gufuu akka tahu gochuu mitii. Waa’ee Empayer Itophiyaa bosostee gadooduun yaada duubatt hafaa dha. Garaa garummaa malee Afrikaanoti hundi kuukkii kolonummaa keessa deebi’anii ilaaluu qabu. Hogganoota, biyya, ummataa fi ofii saanii akka addaanjiro walirratt hin hirkanneett ilaalan utuu hin tahin, ummati AfriKaa fulduratt bahee akka fedha saatt waldiyyaa saa ijaarrachuu dha. Darabee saanii kan biraa darbanii too’achuu fi garbbomfachuuf gaggabuu irra, murnooti bilisummaa ummata keenyaaf qabsofne jedhan, “bilisummaa” argame sana akkamitt akka ummataaf tursan beekuu qabu. Bu’aa wareegama kumootaan argamett roorrisuun sabicha gidiraa arge sanaaf qofa utuu hin tahin qaabannoo jaalbiyyoota boqotanii jeequu fi salphisuu taha. Balleessaa darbeef gaabbanii gocha fokkuu irraa of qoqobuun, ajjeechaa dhuma hin qabnee fi hidhaatt nambiyaa guuruu dhiisuun beekaa tahuu dha. Sana gochuun eenyuun tajaajilu, eessas gahuuf? Sun maqaa saanii Kuwisling (“Quisling”), Mussolinii fi Hitler waliin gataa kosii seenaatt ergaa. Of sirreessuu baannaan bubbeen ummatootaa mal fiduu akka dandahu isaanuu beeku. Bookkisi dullachaa waldhabdee turett waa hin dabalin malee hariiroo dhaloota egeree godinichaa irratt goodanisa dhiisu hin dhabu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Bitootessa 2015

Source: gubirmans.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabeenya Oromoo Dinquu moo Alamuddiintu saamaa jira?

Aalamuddiin warqii Gujii, Shaakkisoo baasee akka fedhetti osoo gurguratuu ; ummata naannoo sanii gargaaruu mitii, …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *