Oduu Haaraya

Haalli Yero amma Motummaan Sa’udii keysatti argamu firaa fii diinallee hin gammachiisu.

Hegeree Oromiyaatiin

Duulaa Amerkaan “daa’ish yk Motummaa khulafaa slaama” irratti gadgeysaa jurtu Irraa Motummonni Arabaa Shan walliin qooda fudhachuu fulbana 22/2014 Presdentiin Amerkaa Obaamaan ibsanii jiru. Warreen akka angsafatti duula kanarraa qooda fudhachaa jiran keysaa Sa,udii Arabiyaan sadarkaa duraatti mil,aataa jirti.

Sa’udiin duula warra Isalaama “Sunnii ” Amerkaa waliin taatee irratti hojjachuuf (waraanuuf) ni dirqamte warreen ja’an hedduudha. Sababni isaas Dhaabbanni Daa,ish ja,amuun beekkamuu kuni guutuu daangaa gara kaaba Iraaq fii Sa,udii dhunffatee waan jiruuf wayta haalaa mijjeyfate Sa,udii weraruu hin olu ka ja,uu shakkii guddaa qabaachuu isitiin alatti , ummanni isii harki guddaan Dinaggeyiin ” Daa,ish ” cinaa dhaabbachaa waan jiraniif ja,an keysa beytonni haalaa Sa,udii fii Ummata Isii.

Gara biraan warri Sa’udiin deggaraman “Iraaq fii Suriyaa , Lubnaan ” keysatti dadhabaa dhufuun isaanii dura dhaabbattota Sa’udii fii warra dhihaa tiif karaa saaqaa dhufee kuni hedduu Motummaa Sa’udii gar malee yaaddeysaa jira. Ammallee Mormitonni Shii’aa Huusii Ja’amuun bekkaman Magaalaa Mummitti Yaman San’aa dhunffatanii waan jiraniif haalli Sa’udiin yero ammaa keysatti argamtu firaafii diinallee hin gammachiisu jechaa jiru Hayyoonni Siyaasaa , warreen “Huussii” kunnen guutuu Yeman gaafa dhunffatanitti “Naanno khamiis Musheet , Jiizaan , Najraan ” Lafa Yamaniirraa Sa’udiin humnaan fudhatte , deffachuu qabna jechaa waan jiraniif , Ammallee hojjattota biyyota alaarraa Sa’udii hujjif dhufan keysaa warra akka Ethiopia fii Oromo ,Somaalee ” Huussii ” waliin hidhata qaban jechuun dharaan yakkitee reebaa waan jirtuuf , waggaa dhufuu haalli Sa’udii akkam tahaa laata ? Kan ja’utuu keysa beytota haala Sa’udii Arabiyaa yaaddeysaa jira.

Akkuma yaadatamuu dhinenya kana Sa’udiin waggaa 84ffaa isii kabajachaa jiraachuun isii ni yaadatama. Waggaa 85ffaa hoo haala akkamiin kabajachuuf teysi gaaffii arifachiisaa kana Debisaa isaa yeroof bira tarkaanfachaa , Rakko biyyota Ollaa Isii Iraaq , Suriyaa , Yeman Irraan daangaa isiitti qaxxaamuraa jiru kana akkamiin dura dhaabbachuu dandeyuf teysi.? ” Waggaan dhufuu nama Eegaa jiruuf boru ganama tahuu dandeyaa ” ja’amitii ree Manguddon Oromo wayta makmaaku.!!!

Xiinxalaa Siyaasaa Arabaa , Barreysaa fii Gaazexeysaa Obbo Gammadaa Sute . Fuulbana 25/2014 Kaayroo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …