Oduu Haaraya

Guyyaa hardhaa Lola bakka Qilisaa jedhamut gegeeyfamet Ilmaan Oromoo Poolisoota liyyuu Haylii Somaale 7 Ajeeysaniiru .

lola liyyuu
Ummata keenya kan har’a Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddee keessatti madaaye.

Odeeyfanoo Dabalata Aana Sawweena irraa
Feb 22/2017 #RDH

Guyyaa hardhaa Lola bakka Qilisaa jedhamut gegeeyfamet Ilmaan Oromoo Poolisoota liyyuu Haylii Somaale 7 Ajeeysaniiru .

Ilmaan Oromoo Guyyaa hardhaa liyyuu haylii Poolisii 2 irraa Xiyitii 600 oli Akka irraa hiikatan maddeen keenya dubifne nuf himaniiru .

Akka maddeen keenya bakka qabsoo irraa nuf himanit Yeroo amma Reenfa ilmaan Oromoo 12 arganiiru . kan biras kan reenfi hin argamin hedduun kan jiruuf ummani Reenfa ilmaan keenya harka Woroota Ogaaden jiru fuudhachu qabna jechuun ammas wol dura dhaabata akka jiran bekkameerra.

Gamma biraatin Ilmaan Oromoo 14 madawaniiru . yeroo ammat madoon keenya Aanaa sawweena Ganda Haxaawwii Maybaasi Hadaa irraa gamma buufata Fayyaa Aanaa Sawweenat fe’amaniiru .

Ilmaan Oromoo Wereegaman keeysa kan maqaan nu dhaqabe

1/ Nuuri Umar (Abba Cafii )
2/ Kiyaar Abdullahii
3/ Huseen Ibroo
4/ Shekh Abdii Abdullahi Tanbiyuu

Ummanii Oromoo Lola gubbat argame laakofsaan 100 kan hin caalef Rasaasa gahas kan hin qabneef jari ammo gamma mootummaatin deegarsa cimaa wanta qabaniif Meeshaf Rasaasa gaha harka kan qabaniif Ummanii Oromoo bakka huundan jiru akka dirmatuuf Qabsaa’on waamicha dhiheeysaniiru .

Qabsaa’on akka jedhanit nut kan jiru haala akkan suukaneeysa keeysadha Rasaasas fixaneera humnii diina nut jabaata jira nut kan Daanga irrat dhumaa jiruf ummata Oromoofidha kanaaf ummani Oromoo huundu gahee issaa bahachuudha qaba jechuun dhaamsa isaani Raadiyoo Daandii Haqat himaniiru .

lola liyyuu1
Ummata keenya kan har’a Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddee keessatti madaaye.
lola liyyuu2
Ummata keenya kan har’a Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddee keessatti madaaye.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …