Oduu Haaraya
derreedhawaa

Guyyaa har’aa wayta Oromoon Finfinneetti of mul’isu ilmaan Oromoo Dirre Dhawaatti ilmaan Nafxenyaatiin tumamaa oolan.

Yahyaa Bashiiriin

Reebicha har’aatiin namni lama du’ee lama mana waldhaansaa jiru. Rakkoon kun waan har’a jalqabe osoo hin taane kan turee dha. Poolisiin Dirre Dhawaa ABN waliin akka hojjetu deddeebi’ee himamaa ture. Ilmaan Nafxanyaa ganda Addis Katamaa Poolisii Dirre Dhawaa abdachuudhaan joollee Oromootti roorrisaa jirti. Fakkeenyaa guyyaa har’aa Habashoonni kun wal gurmeessanii ganda Addis Katamaa irraa ka’uudhaan ganda Oromoon galtu Qafiiraa deemuudhaan ‘’Dirre Dhawaan keenya qofa, maal fiddu?’’ jechuun itti roorrisaa turan. Wayta joolleen Oromoo ofirraa dhorkuuf sossootu Poolisiin Dirre Dhawaa ilmaan Nafxanyaa irra goruun joollee Oromoo rasaasaan reebe. Guyyoota muraasa duras haala kanaan nama Oromoo sadi ajjeesan.

Oromoon Dirre Dhawaa dirmannaa jabaa barbaada. Mootummaa Oromiyaatti akka hin iyyanne Oromiyaa jalaa baasan. Federaalatti akka hin iyyanne ABNiin toyatamee nama keenya fixaa jira. Habashaan lafa Oromoorra teessee wayta kanatti Oromoo doorsisuu fi ajjeesuun Oromoo cufaafuu salphina. Warri mootummaa dafanii caasaa poolisii magaalaa sanaa hin sirreessan taanaan, isaanis akka qaama diinaa tahanii Oromoo irratti duulaa jiranitti fudhachuun sabni kun of ittisuu qaba.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …