Oduu Haaraya

Guyyaa Gootota Oromoo 2013, Magaala Bern, Switzerland

Magaala Bern, Switzerland keessa tti sabboontonni Oromoo gaafa 13.04.2013 Guyyaa Gootota Oromoo 2013 yaadatanii oolaniiru. Guyyaa kana qabsaawota Ooromoo mirga uummata Oromoo fi Bilisummaa Oromiyaaf jedhanii luubbuu isaanii wareeganii darban yaadachuun sagantichi erga banamee booda itti aansuun faarruu alaabaa oromoo, seenaa Guyyaa Gootota Oromoo wal barsiisuun, akkasumas guyyaa walakkaa ol walaloota fi weedduulee, akkasumas geerarsoota gootota Oromoo faarsan wal dhageessisuun kabajameera. Akkasumas nyaata aadaa oromoo, fi “coffee ceremony” oromoo, … fi kkf saganticha irratti dhiyaataniiru. Weedduu, geerarsa fi sirbootni gootota Oromoo faarsan sagalee fi viidiyoon dhiyaataniiru.

Qabsaawaan ni kufa, qabsoon itti fufa!

Gootota Oromoo yoomuu ni yaadanna!

IUOf!

Deeggartoota fi miseensota ABO biyya Switzerland

 

http://www.youtube.com/watch?v=XkmHx1rdbK4&list=UU2H4kLtBU1Oc36vNVdJ7GCQ&index=1

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …