Oduu Haaraya

Gurguddoon Oromoon hariiroo Toophiyaa waliin qaban taliila gochuu qabu

Daddaaqinni tokko tokko karaa sirrii jalqaban irraa Oromo maqsuun haafa Nafxanyaa tuffachiisaani jira. Eegeetu rakkisaa jira yoo tahe of irraa kutu dha. Itophiyaan gola barbaadde qabaachuu dandeessi. ISAPA, ADWUI, EPP hundi jaarmota Itophiaati. Oromoof hundi saanii meeshaa ukkaamsaati. Qabattee kana irratt, eenyuu Oromoo xaxaa hin bahamne keesa akka galchu hayyamamuu hin qabu. ABUT Dargiin akka kufu erga baree Tigray alatti kan dorgomuu dandeessisan boojuu waranaa Kibbaa, Amaaraa fi Oromoo keessaa jaarmaa isaan toohataman ijaaree. Akkasitt ADWUI tolchuun maqaa saatiin aangoo qabate. Humnaan of filchiisaa hanga yoonaa aangoo irra jira. Jara ummatoota biraa keessaa ijaare Gargaartota jedhee moggaase. Kurnan sadii darbaniif ABUT hirree cimaan hunda saanii kan ADWUI keessa jiranis hin jirres masakaa ture. Seenaan duubbee saanii fi jireenyi tajaajiltummaa waloo ABUTii qaban gola fulduratt uumamu, EPPf walitt isaan hidhuuf deema. ABUT balleessaa sabootaa fi sabaawotaa keessatt tolche hunda isaanitt dhimma bahuun dhaqabsiise. Nama waan tahaniif miseensoti OPDO tokko tokko, ADWUI keessa walqixxummaa sobaan jiraachu yeroo nuffan ummata ofiitt baqachuun didhuu dandahan. Isaanis dhiibbaa qabsoo dargaggoo Oromoon ADWUI keessatt taheen OPDOn ABUTn bakka buhuu dandahe
Maqaa ABUT baaseef OPDO dhiisee ODP tahe. Amma ADWUIn hafee, Gargaartuu dabalatanii gola EPP jedhamu taana jedhaa jiru. Oromoo sossobuuf “E” duraa dhossanii qaata “PP” qofa agarsiisuutt kahanii. ABUT murtoo kana keessatt qooda hin fuddhu jedhe. Dhaba inni ijaare jigsuun maal fida laataa? Jarri Gargaartota jedhaman nutis Mummicha Ministeera tahuu ni barbaanna waan jedhaniif gola haaraa keessatt akka baqan hayyamameefii jedhamee. Ergi ni fanfanamu tahe ADWUItt maltu isaan hidhe? Afaan kaa’aamoo ulee dha laata? EPPn karaa tokkicha waajjjira MMitt geessu akka tahu yaalamaa jiraa laata? Waan taheefuu, EPPn dhalachuun Oromoo ni galchamoo hin galchu kan jedhu bakka dhaabbannee ilaallu irratt hirkataa. Haala duree malee Itophiyummaa kan fudhatan ni dhiba taha. Kanneen Itophiyaa yoo taane, dhoofsisaa booda jedhaniif dhimma saanii mitii. Isaaniif abbaa biyyummaan Oromoon Oromiyaa irratt qabanii fi mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu waan dhoofsisaa dhihatan miti. Dhaaboti EPP tahan, dhaabota Itophiyaa, ulee ABUT turanii. Garuu OPDOn Garee Lammaan hogganamee mormii Oromoott yoo dabalamu kan of jijjiire fakkaatee ture. Qabsoon Oromo erga aangoo irra baasee booda garuu, hirree Habashaa Oromiyaa irratt jabeessuutt bobbahe. Isa aangoott fiduuf kan miidhamaniif humna hiruu fi beenyaa baasuun hafee, ijoollee Oromoo biyya Amaaraatt ajjeefamaa, itt roorrifamaa jiraniifillee hin dhaqabneef. Kanaaf EPP ijaaruun saa Oromummaa lagachuu fi Itophiyaa Dullatii jabeeffachuu saa agarsiisa.
Oromoo irraa kan eegamu tukkummaan jaarmaa cimfatanii rakkina abdattuun Nafxanyaa, akkasumas EPPn itt fiduu dandahu irra haanuuf sonaawuu dha. Ummatooti kibbaa Oromiyaa waliin kufan, akka waliin kahanii mirga ofii irraa hamaa ittisuuf harka wal qabachuun qaama tarsimoo Oromoo tahuu qaba. Oromoon waraana isaan eegutt, Abbaa Duulaa tokkoon bobbahuun filmaata biraa hin qabu. Hogganooti dhaabota Oromo wareegammi kanaan dura tahe akka hobbatii dansa qabaatutt ammas kennanii waan injifannoo argamsiisu qofa irratt xiyyeeffachuu dha. Sirna Gadaan, Yuba fi Lubaatt wal qoodanii bobbahuu dha. Raabaa fi Dooriif Qeerrantii fi Qeerroo jabeessanii hoggansa kennu malee jari qophee dha. Gita bittuu malbulchaa fi amantee utuu hin tahin, ummatooti empayeritt suduudaan wal arganii hariiroo saanii egeree irratt murteessuu akka dandahan ifaja’uunis tarsiimoo saaniitt yoo qabatan gaarii dha. Waan halleefuu hariiroo Itophiyaa waliin qaban irratt garlamee tahuun moo’amuu waan fiduuf, utuu hin daddaaqin ejjennoo ofii taliila gochuu dha. Ummatoota biraa waliin walqixxummaa, bilisummaa fi obbolummaan jiraachuun Oromoof anjaa qaba. Garuu durfannoon dura of tahuun dha. Oromiyaan haa jiraattu!
Barruu Duubaa: Maqa balleessaa fi arrabsoo Badiin Amaaraa Washingon DC jirtu 11/23/19, san duras Finnoota adda addaatt Oromoo fi sabboonaa saanii Jawaritt buufatte raga bahuu duuba, Oromoon of kabaju kamuu, hanga isaan jecha maqaa saaniitiin saba Oromoo irratt godhame kana balaaleffatanitt dhaabota maqaa Itophiyaa qaban kamiinuu hariiroo uumuu hin qabu.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …