Oduu Haaraya

Gucnii kee hin dhaamnee

 

Gucnii kee hin dhaamnee

Xamborii kee xiqqashoon daamootiin kee diqqayyoon
Kan dukkana roba kessa gaafas calaqqisttee
Dhimimissaa cimaa kan caaltte hundaan
Samiif dachii dhiphatte kan fokaftee hikttee
Daandii manii guddaa karaa haaqaaf yaalttee
Kan atii egalttee kan atii irra marmaartee
Xonboora qabattee ofii keef gubatte
Kan nuuf ibsee taatee.

Karaan kee gaafasii gucnii atii qabsiiftee
Hindhaamneem amma iyyu akkaan karaa
qabatee karaa base ifee gaée mulatee

Eyyeen eyyeen bara sanaam bara seenaa sana
gaafa waatoo jalaa warri jabaan galee
gadaa maseennu dhabee
gaafa wajabillii abbale
ana hanyaatuun ana hanyaatuun time
bore dhaan garmaamee
lencii marsee hursee
walwaamee walwaamee
gadaan orom cimee
bara dacheen dhipdhatte
gaafa waaqniis gumgumee
jaarraa oromoon wal waamee

eyyeen gucnii kee
amma iyyu ni ifaa yoom dhaamee

gaafa dinnii nusaamee
gaafa onneen gotaa ititee
qeerroon ajjesse ofiis dhumee
bara sana bara gucni kee dhamsamuuf addaamamee
kan adamsamme
eyye bar asana bara gammeen caamee
dhignii bishaan taée lafeen muka taée
lafeen muka taé foniis biyyeetti dachaé
gotnii oromoo garmaamee
jaaleen abshiruu abshiruun abshiriin
walwaamee walyaamee
wal irraa garmaamee
waliin garmaamee
dhaamsaa gadaan hingeddarre
dhalootatiin dhaamee
eyyen gaafa gucii qabatee sana
gaafa bara senaa qabu sana
gaafa karaa baaftan sana

yaa guca jabaattu
kan umurii dhaan dheerttu
oroom ormaa taé
siúmaan ormoomee
gadaa yoom nu dhumee
bara rorro guddaa
bara lolli muddaa
gaafa gotnii didee
dina qawween shidee
baddaa harargetti dhumee
kurriin irra garmaamee
tullu dhimtuun dimee
oromoon dhunfatamee
baá ,dhiáa kaabaa kibbaan gaámee
gucnii kee sun kunoo nutti fullaatee
kan harkaan qabattee
bara koo san gaú baattu
gucnii kee hindhaamnee

aniis gichiillaan kee
kunuunsa irra hin dhaabnee
hangaasiisuus baadhu mukulkullii cimee
irra dhibamee qabatee calaqqee baraketiin
abdii egaretiin tiksaaúmaan jira
egaree kangaée bilisummaaf jira
eyyeen gucni kee hin dhaamnnee

siniin dhaadhana malee akkamiin hirraanfanne
gumaa qabsaaótaa maaliifs dagannaa
atii gotootnii koo abbaa seenaa guddaa
guca ofi qabsiiftte harra dhalootatu barbaadaa
yoo galmaan gaáannee
ekaraa ketuu gammaddaa
atii ituu kunuunsituu waliin kuftee
kaatu mormatti hidhattee
mormakettii kudhaamattee itu ittiin jorttu
dhugaaf mana baatee ittiis waregamtee
kaayyo ishe ganamaa
dhigaaf lafeen tursitee
baáa dhiáa kaabaaf kibbaa
niyaadanaa malee
sinfaarsiina malee
singarmaamna malee
maqaa kessan kaafnnee
asxaafi mallatto kessan tullu irra dhadhaabnee
gumaa kessaniif boree baafna malee

gucni kee kalessaa inni atii qabsiifte
amma iyyu hin dhaamnee kunoo daran mullattee

akkamittii dagannaa gucaa ayyaantuun qabattee
daandii waayyuun saaqamtee
nijabesinna male akkamiin laaffifnaa

hindaamneem gaaf sanaa
gaafa gudaan jigee
gaafa cidaan kufee
gaafa umamniis dhigee
bara dacheen dhigdee
gadaa waaqniis gaddee
gaafa dhallii namaa garaa jabaate
saba Kenya fixe
saba nagaan olee galu
dinni hamtuun gaafa abiddaan waxaltee
rasaasaan akooftee gaafa nutti jabaattee
hindhaamneem gaafasu gucnii kee

WBO kallacha koo wabiin oromiyaa
Wabiin ormaanotaa,wabii oromotaa
Onnatee anaannatte
Lamii isaaf birmatee
Mudhiitti hidhatee
Geraree bookkissee
Haqee dina baáa dhorkee
Gaafas ega gaafii seenaa hojjatamee

Gaafa gaalluun raga himee
Eyye gaafa atii gucaa qabsiiftte sana
Guca hindhaamnee sana
Gaafa siqeen garmaamtee
Gaafa bokkuun waliin dhaabbattee
Gaafa wenniin korrisse
Gaafa jawween sikse
Bineensii bosonaas oromo waliin tumsee
Lenciifi qeramsii tokkumaan gaafa dina isaanii facciisee
Gaafa umaaf umamnnii daba dinaaf birmatee

WBO jabessudhaaf hamlee horatee
Niyaadannaa male gaafas,
Niyaadannaa male gaafas gad dhaabbatte
Gaafa dinni qaanoftte
Bara rorroon dhaámtee
Gaafa WBO n dhaadhatee
Gaafa lagnii qallee gammadde
Yaa laga galletti kan gammachu himtte
Kan ammenyas himttee

Niyaadanna malee akkam hiraanfannaa
Galmaan genya malee akkamittii gannaa

Inni atii taatee ,inni atii taatee
Jaalalli haanga hinqabnnee
Inni atii nuuf kennitee
Isin isiin anii hinjadhu tokkumaa
Kessanttu hunda irra moátaa
Isiin siin hin jadhu tokkumma ketuu hunda irra moáta
Isiin baayyataniis anaafo tokkumaa
Kanaaf namtokkee gonee siin dhaadannaa
Kaayyoo oromummaafi nama tokko taatanii
Gurmmu abbo xabbo gucaa qabsiiftanii
Guca bilisummaa daandii nuuf saaqxanii
Utuun kana beeku
Utuun kana dhagaúu
Ani dhallii kee boqqodhee
Akkamiin taá ree
Atii dabartu ille ekaraa keetu jira
Ayyaana ketu dhufee naan jadhaa adaraa
Halkan naan hin raffissu haabjjuun natti wacaa
Sagalee shaffee tiin hindhaamsiitee gucaa
Hindhaamsitee guca koo jadhee nahaamaccaa
Xomboora koo essa gotee jadhee nagaafataa
Akkamittiin akkam karaa kiyyaa cufuu yaaltaa?
Karaa qajeelaa anii siif saaqee kalessaa
Itti fagdaa jannaan najalaa dhiphiftaa?
Akkamitti dhiga koo bilaashattii dhiftaa?
Ani dukkana roba kessa sif qabsiisee kalessa
Harra jaarraa kettii maaltu dukkanessaa?
Moo nahiraanfatte Elemoo taú koo
Nadagatte laata Taaddassaa taú koo
Moo nijijjirtee ree karaa kiyya dhiftee.
Yoo kana hintaanee
Yoo kaayyo koo hindagannee
Gucnii koo maaf dhaama ree?

Gaafa jadhee sagalee goota guddaa
Sodaachisaan yemmu ekaraan kee nattii dubbattu
Dacheen natti dhiphatte
Dhaabiin nadhoorkattee
Haangafatuu buée laata jadheen sagal ofbiradhee
Abshiir gaachana koo
Abshiir gaachana koo
Gala egaree koo
Omaa hinshakkiin
Daamootiin kee Abadan hindhaamnee ifaa dha
Karaa kee qajeelaan maniin bilisummaa dha
Waan atii jalqabdde galmaan siif gaáata
Yaaddannoo bara baraan cidaa sifdhaabbataa
Gucnii kee hangaée adhunyaaf mullattaa
Abshiir abbaa gucaa yomiyyu yomiyyu
Gucnii atii qabsiftee karaan kee qajeelaan mamiin bilisumma dha
Waan atii jalqabdee galmeen isaa oromiyaa dha
Yaaddanno bara baraa cidaatu siif dhaabbataa
Gucnii kee hangaée adunyaaf mullattaa
Maqaan oromiyaa adunyaatii himataa.

 

 

 

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …