Oduu Haaraya
asma

Gorsa namoota dhukkuba ‘Asmii’ qabaniif dhukkuba COVID-19 ilaalchisee.

Dr. Gurmeessaa


Namoonni kanneen dhukkuba dabalataa qaban dhukkuba COVID-19 kanaaf haala addaan saaxilamoo akka ta’an beekamaadha. Namoonni dhukkuba asmii qaban ammoo keessumatti addatti hubamu. Haala kana ilaalchisee dhabbanni fayyaa biyyyolessaa biyya ingilaandi, dhukkubsattoonni dhukkuba asmii qaban yoo xiqqaate torbanoota kudha lamaaf akka manaa hin baane, nyaata bitachuuf illee akka hin baane, yoo danda’an namni akka bituuf, yokaan manatti akka ajajatan, xalayaa fi ergaa gabaabaa ittiin ga’eera.
Biyya keenya keessatti ammoo haala kanaan haadholii fi abbootii akkasumas obbolaan keenya dhukkubsattoota dhukkuba asmiif ergaa dabarsuun waan ulfaatuuf haala kanaan nuuf haa qaqqabubqaba. Namni tokkollee ta’u yoo mana turee lubbuu ofii baraare waan guddadha.
Namoota dhukkuba asmii qaban keessaa ammoo addatti dhukkuba kanaan miidhamu jedhamee kan yaadamu, kanneen qoricha walitti fufiinsaa akka fudhatan ajajamanii fi kanneen sababa dhukkuba asmii kanaaf waggaa tokkoo asitti hospitaala ciisanii yaalamaniidha. Namoonni akkasii yoo danda’ame [osuma mootummaan akka ala hin baane hin dhorkiin illee] tasuma gadi ba’uu dhiisuu qabu.
Fayyaan Faaya
© Dr. Gurmeessaa1,1 tn

Check Also

Iitawuu/dhiita’uu hiidda dhiiga lukaa

Maaltu dhibee kanaaf nama saaxila? 1. Saalan dubara ta’uu, 2. Furdina garmalee, 3. Ulfaa’uu, 4. …