Oduu Haaraya

Girmaa Xurunaa hidhuu mitii ajjeesuunuu yakka inni ilmaan Oromoo irratti hojjateef adabbii gahaa miti.

Obboleeyyan keenya Girmaan faan ajjeechisan boolli haa lakkaawu. Kan hiisisan manneen hidhaa Qilinxoo hamma Zuwaay dhiphisanii jiran. Ta’us ilmaan Oromootin qabamuun isaa ergaa jabaa dabarsa. Saba kana irratti yakka dalaganii bahuun amma booda akka hin danda’amne ifatti agarsiisa. Ijjifi harki Oromoo bakka mara jira…amma ammoo tokkummaan waliin tarkaanfataa jira. Oromoo irratti yakka hojjannaan gonni itti dhokattu, eeggusi si baasu kamuu akka hin jirre Bombaa irraa hubadhu.

Ammaa warri isa bobbaasu gara ederaalaa fudhanna jedhanii wixxifachuun isaanii hin oolu. Kun gonkumaa hayyamamamuu hin qabu. Yakka kan hojjate irra jireessatti Oromiyaa keessatti ummata Oromoo irratti. Kanaaf ammoo aangoo dhimmicha ilaaluu ( jurisdiction) kan qabu mana murtii Oromiyaati. Kanaafuu Poolisiin Oromiyaa akkuma qabe, yakkicha qoratee mana murtiif dhiheesuu qaba malee federaalaaf dabarsee laachuu hin qabu. Yoo dadhabdan Qeerrootti himaa, isaani kan Agaazii dhiisii magaazii hin sodaanne!

Ijji Qeerroo Qara!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …