Oduu Haaraya

Gareen tokko ka’ee olola feesbuukiitiin “sartifikeetii Oromummaa” namaaf kennuus ta’e namarraa mulquuf aangoo hinqabu

Addisu Aregga

(Gareeb maqaa qabsootiin bara 28 Asmaraarra kora guddaa, kora xiqqaa, guyyaa WBO jechuun hawaasa Oromoo diigaa baate yeroo ammaa biyya keessatti dargaa qindeessite amala sii oofa jirtu jedhu)

Olola jibbiinsaa dhuunfaadhaan tibbana narratti oofamaa jiru tuffadhee bira darbuu yaadeen ture. Ta’us ololli narratti oofamaa jiru karaa qindaa’een waan itti fufee jiruuf yaada gabaabaa kennuun barbaada.

Anaaf Oromummaan Oromoorraa dhalatanii, Oromoodhaaf waan tolu hunda hanga humni ofii danda’een gumaachanii, Oromoodhaaf afaaniin otuu hintaane gochaan waa gumaachanii darbuudha! Oromummaa olola sobaatiini namaaf kenuus ta’e namarraa mulquun hindanda’amu. Gareen tokko ka’ee olola feesbuukiitiin “sartifikeetii Oromummaa” namaaf kennuus ta’e namarraa mulquuf aangoo hinqabu. Nama garaagarummaa yaadaa waliin qaban yaada isaa yaada caaluun falmuu malee olola sobaa qinda’aa banuun olola jibbiinsaa oofuun duubatti hafummaaadha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …