Oduu Haaraya

Gareen maqaa qabsootiin biyya alaatti wal kolaasaa baate, haarayatti duula walirratti banaa jiru

Dhakaa bu’uuraa haqaan kaa’ame haqanii balleessuun waan hin malleedha.

Ebla 4/2019 Sabbataa

Murna dulloomee shiraan haaromee qabsoo oromoo jallisuuf deemu kaayyoon jaallan wareegamanii isaan hin dhiisu.

Ji’a bitootessaa gaafa 21 gamoo kaliisaa finfinneetti argamu keessatti Obbo Galaasaan HD Hayyu Duree ABO ofiin jechuun akka qopheesse ni yaadatama. ABOn ummatni beeku tokkicha isa Jaal #Daawud_Ibsaatiin durfanu kan waraana fi deeggartoota hedduu qabuudba.

Kun immoo ayyaan laallattuu fi fakkaattuu sagaagaltoota siyaasa waan hinaafsiseef carraa argatan hundatti ABO diiguuf ijibbaataa jiru. ABOn bara dhaaba tahe as bahee kaasee dadhabsiisuu yoo dandahan immoo balleessuuf shirri xaxamaa ture hedduudha. Yeroo ammaa kanas haalli itti deemamaa jiru kanuma. OPDOn erga ABO araaraan dahattee diiguuf saganteeffattee bubbuleera.

Innis maqaa koree araaraa jedhuun waraana hiikkachiisuu deeggartoota adamsuu fi waajjiraalee dhaabichaa cufuu erga hojii duraa godhattee bubbulteetti. Haa tahuu garuu kanaan milkaahuu waan hin dandeenyeef amma iimmoo jaarmiyaalee ABOrraa fofoxxuqan qabattee ummata oromoo burjaajeessuu akka filannootti qabttee deemaa jirtu walgahii Obbo galaasaan maqaa hayyi durummaa ABOtiin magaalaa sabbataatti taa’amuuf deemu kanarra baruun salphaadha.

Gochaa farrummaa duula diinummaa ABOrratti geggeeffamaa jiruu fi geggeeffamuuf deemu qeerroo,qarree fi ummatni keenya magaalaa sabbataa fi naannoo ishee akka shira kana fashalauun dirqama keessan tahe hubattanii walgahii kana fashaleessuuf dhiibbaa gochuun dandeessan hunda akka gootan jabeessinee dhaammanna!

Gadaan Gadaa Xumura Garbummaa!
Injifannoon Ummata Oromoof!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …