Oduu Haaraya

Gareen bara dheeraa maqa qabsootiin ummata keenyatti qoosaa baate tokkoomne jedhu..

GAREELEEN ABO TOKKOOMAN!

Namoo Daandii

 —Adda Bilisummaa Oromoo keessatti kanneen jalqaba bara 2000tti– jechuun bara 20001 adda ba’anii turan “ABO-n Shanee Gumii” jedhamuun waamamuu fi kan “ABO Qaama Cehumaa” jedhamuun waamamu, adda addummaa gidduu isaanii jiru furachuun deebi’anii dhaaba tokko ta’uu isaanii, torban dabre, BERLIN, GERMANY keessatti walga’uun ibsa baasaniin beeksisanii jiran.

Addi Bilisummaa Oromoo  eega mootummaa Cehumaa Itiyoophiyaa keessaa ba’ee booda, yeroo jalqabaatiif, bara 2001, gurmuulee  kana lameenitti adda ba’uu dhaa booda ka murnawwan ka biroon illee uumaman. Bara 2008 immoo, Adda Bilisummaa Shanii Gumii jedhame irraa immoo, kan “Adda Bilisummaa Oromoo Jijjiiramaa”  jedhamuu fi Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamu adda of baase. Waggaa afurii booda,  bara 2012 — murni “ABO jijjiiramaa” jedhamu deebi’ee murnoota ka biraatti qoqqoodamee  murni tokko, kan Jeneraal Kamaaliin hoogganamu “ABO”n ana jedhee labsate. Kaan Gurmuuu qabsaa’otaa ofiin fi ABO Koree Yeroo jedhame. Bara kana jalqaba irra immoo kan hoogganoota ABO durii fi dura    ABO jijjiiramaa keessa turan Adda Dimookiraatawa Oromoo yokaan ODF jedhamu hundeeffatanii beeksisan.

Gaaffii fi deebii guutu dhaggeeffadhaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Kan of si barsiise arabsoo kanaaf si geesise warruma ati afaan itti bantu kana. Isan akka kee kana yeroo dardaraa matii guratee hin baqqane barii.