Oduu Haaraya
abo galaasaa

(Garee ABO Galaasaa Dilboo) ****** Waamicha Walgahii ****** Oromoota UK keessaa jiraattan Maraaf 


========================================
Ummatni Oromoo Abbaa Biyyummaa isaa deebisee gonfachuuf qabsoo hadhooftuu geggeeffataa jiraachuun ifa dha. Kaayyoo xaliila ta’e  kana qabatee ummata qabsoo isaa finiinsaa jiru cina dhaabbachuuf dhaabbota siyaasaa Oromoo hiree ofii ofiin murteeffachuutti amanan 

waliin tokko ta’uun yoom iyyuu caalaa amma hojjechuu dhan qabsichi fuulduratti akka tarkaanfatu taasisuu barbaachisaadha.

 

Dhimma kanaa fi kana fakkaatan irratti, ibsa kennuu fi marihachuun barbaachisaa waan ta’eef, ummatni Oromoo biyya UK keessa jiraattan 

Hundi  walgahii Hayyu Dureen ABO Jaal Galaasaa Dilboo irratti ibsa kennannii fi ummata marihachisan kana irratti akka argamtan kabajaan 

afeeramtaniittu. Oromootni biyyoota Awurooppaa keessa jiraattanii fi dhimma arman olitti tuqatamekana irraa qooda fudhachuu feetan hundi 

walgahii kana irratti akka argamtan kabajaan isin afeerra.

Guyyaan: 08/04/2017
Sa’a: 12:00 – 17:00 waaree booda
Bakki walgahii: Resource For London
356 Holloway Road, 
London, N7 6PA
Buses: 4, 17, 29, 43, 153, 253, 259, 263, 271, 393
Underground station: Holloway Road Station (Piccadilly Line).

Koree Qindeessituu

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …