Oduu Haaraya

Gandummaan Faallaa Oromummaa ti

Guyyaa: 09/19/2014

Duraan dursee barreeffama gabaabaa kana akkan dhiheessuu kan nataasise  yeroo ammaa kaana vedio Obbo Daniel Dafaa Dr. Mararaa Gudinaa qeequudhaan dhihessee waliin walqabatee yaadota deemaa jiran dha.

Namoonni bayyeen quuqama garaa keessaa utuu qabanii Oromummaa diigaa, qabsookeenya gufachiisa jachuun yaada kennuu irraa of-qusatu. Akka ilaalcha kiyyaati dhugaa dubbachuun fi bakka haqni jalate jiru calisanii bira darbuun dhibdee jiru furuu hin danda’u. Akkaataa itti rakkoo keenya dhiheefannu fi akkata itti walqeeqnutu rakkoo fida malee rakkoo jiru ifa baasaanii muli’isuun mataa isaatti rakkoo miti. Wali-irratti dhukubaa fi gadoo qabatanii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin milkeessuun hin dandaa’amu.  Kanaafis garaa keessatti jibbaa qabatanii  yeroo wal-argan qofa sirba: ‘Tokkumaa   Tokkuuma   yaa ilmaan Oromoo tokkumaa’ jedhu sirbuun essaanuu nama hin ga’u.

Vedion Obbo Daniel Dhiheessee kun kan yeroo isaa eegatee miti inni jedhu akkuma jirutti ta’ee garuu qabiyyee ergaa isaa garuu gadii fageenyaan hubatumuu waan qabu natty fakkaata. Akkaataa hubannoo kootti bareefamaa fi yaada (comment) adda addaa dhimma kana irratti dhihaatan yoon ilaalu qabiyyee ergaa Obbo Daniel irratti  nama  xinxaala kenne hin argine.  Dr. Mararaan waaggoota dheeraan dura maqaa xureessii fi duula gandaa fi amantii ilmi Oromoo tokko ka biraa irratti gaggeessuu hin dandeenye bane ture. Namani kun hara’a gaggeessaa dhaaba siyaasaa Oromoo tokkooti. Hogganni dhaaba siyaasaammoo waan hojjatef itti gaafatama fudhachuu qaba. Waan ta’ee kun badii dha yookaan sirii ture jechuu irraa eegama.

Egaa wanti nama dhibuu gochaan Dr. Mereraa yeroo sanaa, akkamitti akka bira darbame ifa miti. Inumaayyuu namoonni yaadaa deggeersa Dr. Meraraaf kennan hedduun isaanii maalumaaf Dr. meraraan xuqama jechuun duula gandaa  tokko (Wallagaa) irratti bananii jiru. ‘Warraa sanaa’,’ isin’ jachi jedhuu deddebi’ee mula’ata.  Kanarraa ka’uuniis  warri Dr. Maraa yaadaan deggeraan ( keesumaa biyyaa alaa kana keessatti ) irra caalaan isaanii Oromummaa qofa irraa kaa’anii dagaru jachuuf nama rakkisa.

Haala walfakkaataan  gannoota dheeraaf Gaggeesitoo ABO duraanii irratti dhagaan guraama ture hara’as hin dhabbaannee. Kan nama ajaa’ibu garuu warra dhagaa kana guru keessaa gareen isaanii namuma gandaa hogganaan abaaramu sun kan keessa bahe ta’uu isaati.

Walumaa galatti, Oromummaan dagaageeraa, saboonumaan cimeeraa jedhanii dhadachuun qofa gatii hin qabu. Rakkowwan fi bakka badiin jiru adda baafatanii sirreessuu barbaachisaa natti fakkaata.

Galatooma

Tufaa

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …