Oduu Haaraya

Galaasaa Dilboo fi Leencoo Lataa waggoota 27f nag’a waaqaalle wal hin gaafatan turan.

Lachuunuu ABO Hayyu Durummaa fi Itti-Aanaa Hayyu Durummaan hoogganaa turan. Bara 2001 fottoqinsi inni jalqaba ABO keessatti dhalatee hanga harrattillee Mooraan qabsoo Bilisummaa Oromoo keessa dandamachuu dhadhabe sanaaf kan sababa olaana ta’e (the two opposite poles) jara kana lameeni. Sababiin isaas kanneen Galaasa waliin hiriirani QC-ABO uuman kan isaan himatan “Leencooti Ethiopiatti nu gurguraa jra” jechuun ture.

Mooran fottoqinsaa sun jara lameen (Galaasa the “Ultra Nationalist, the Uncompromising and the fierce fighter” vs. Leencoo the “Ethiopianist and the Renegade”) gidduutti ture. Waaqayyo nuufis isaaniifis Umrii keennee harra Dinqii kana nu agarsiise: Galaasaa fi Leencoon Dhimma ABO isuma nutu uumee jedhanii ittin dhaadata turanii fi hoogganaas turan ilaalchisee guyya tokko lle wal bira taa’anii kan hin mari’atiin (Suraalee Gullallee ishee Protokol bara 1991/92 sanaaa alatti) harra waggaa 29 booda Waltajjii Jaalalaa kan Amaara hammachuu irratti “jaalaalan” bashaa’a jiraachuu isaanii agarre.

Kana caala Dinqii Waaqayyo hojjetu maaltu jirare? Yaa waaqa Nazareth warra wagga 27 guutu wal aria’a ture dhuguma walitti fiddeere?? Dubbichi dubbii Amaara waliin nagaa buusuu miti. Ummatni Oromoo fi Ummatni Amaaraa yoo Biyya tokko keessa waliin jiraachuulle dadhabe akka ollaatti Uumamaan lafa wal dangeessu waan qabuuf waliin jirachuun dirqama Uumamaati. Ummatni lachuunuu akka Ummataatti wal dhabees wal lollees hin beeku. Ummatni daangaa Uumamaa waliin qabus wal makee jiraachuun waanuma Uumamaan jiru dha.

Warri araaramu isaan kamiree??Kanaaf kan Galaasaa fi Leencoo walitti fide Jaalala Amaaraa miti jibba isaan nama tokkoof qaban duwwaa dha kan isaan tokkoomsu. Waan kana utuun ilaalu waa utuun hin jedhin kanin bira darbuu dadhabeef Leencoo fi Galasaan kana booda waa tolchuufis balleessuufis humna qabu jedhee miti. Bara humna qabanittu waa hin tolchinee amma waa Oromoof godhu jedhe namni irraa eegu yoo jirate namni sun lubbuun ni jira hin jedhamu. Kan na gaddisiisetu jarri lachuunuu bara ajajoota WBO turan ilman hiyyeessaa leenjisani karaan ABO karaa haqaati jedhani amansiisanis haa ta’u dirqisiisani akka inni Kaayyoo kanaaf dhaqee du’uuf ajaja kennaniiru.

Ajaja isaaniitiin kumootnis kitimaa ta’aniiru. Kaayyoo ofi isaani itti hin amaniinitti ilmaan Oromoo garuu du’atti oofaniiru. Harra Galaasaa fi Leencoon ijoollee sana yaadachuuf Qalbiin isaaniyyu isaaniif hin hayyamtu. Yeroos hin qabani, yeroon kan jaalalaa fi bashannanaati. Uggum Jaarsummaa!! Namni nama walitti naqaa turee yeroo Jaarsummaa taa’uu “የእብድ ገላጋይ ድንጋይ ያቀብላል” jedhama. Harri guyyaa jaarsummaa miti, guyyaan guyyaa jaalalaati. Magaalaan Nazareth tis kanaaf kennattuu dha. Yaa Ilmaan Oromoo ajaja jara kanaatiin akka bobbaatanitti haftan harra isiniifan gadde. Ani garuu waaqni Oromoo waan ana gargaareef carraan namoota kana jalatti du’aaf fo’atamuu anarra hin geenye.

Hogganoota kooti jedhee garuu baran jala hiriires qaba. Isatti hin gaabbuu. Sababiin isaas anatu isaan amanee amantaan koo isaan harkatti nyaatame malee isaan ana amananii amanta ana harkaa hin dhabne. Yeroo isaan kachachalanittis ofirra darbadhee gatuuf beekumsaa fi humna isaa waaqayyoo anaaf kenneera. Carraan koo akkan isaan baadhuuf hin hayyamne. Carraan Kan koo ijoollummaan gara Auropa achimmoo gara dhumma biyya lafaa Amerikaa na geesse. Utuu lafti biraan namoota akkasii irra nama fageessuu jiraatee, dhugaa rabbiiti sila darbeen deema. Ilmi namaa diina isa miidhuu duwwaa irra utuu hiin taane waan xiraa’u irraas fagaachuuf ni baqataam. Ammo waan xiraa’u irraa kana booda baqachuurra harani gatuutu filatama.

By the way, namticha isa sadaffa isa “Consumer” sana tarre namaa keessa galchee maqaa dhahuun anatti ulfaannaanin dhiisem. Harcaatotni ODF warri ከጳጳሱ ቄሱ turtan yoo deebiif as yaatan gatiin keessan dursee (in advance) isiniif qophaa’ee jira. Garu warran xiqqoo ishee akka namaatti lakkaa’uuf duwwaan deeebisa. Warri kaan hanga nama taatani ለአቅሜ ምላሽ dhaaf geessanitti of hin dhamaasiina.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …