Oduu Haaraya

Gahee fi Qooda Weellistootni fi Aktivistootni Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti qaban

“O R O M O   F I R S T”

Berhanu Hundee

 

Kutaa Saddeettaffaa

 

Barreeffama kutaa torbaffaa keessatti, jaarmayootni ykn dhaabbileen Oromoo tokko tokko mooraa Oromoo keessatti waliigalteen osoo hin uumamin; jaarmayoota Oromoo waliin yoo danda’ame tokkummaa ijaaruu yoo hin danda’amne immoo tumsa waliif ta’anii dhimma waloo tokkorratti waliin hojjechuu dhiisanii; mooraa alagaa keessa tumsa alaa barbaaduu akka deeman hubannoo kiyya ibsuu yaaleen ture. Dabalatees, humna Oromoo cimaa fi abdachiisaa uumuuf; mooraa Oromoo aangessuuf,  karaa ykn sadarkaa adda addaatiin tartiibaan ittideemamee tumsi ijaaramuu akka qabus qabxiilee tokko tokko akka yaadaatti lafa kaa’een ture. Barreeffama kutaa saddeettaffaa kana keessatti immoo, gahee Weellistootni fi Aktivistootni keenya qabsoo bilisummaa uummata keenyaa kana keessatti taphatani fi qooda isaan gumaachan laalchisee waan tokko tokko kaasuun fedha.

Akka waliigalaatti yoo laalle, qabsoo bilisummaa fi haqaatiif godhamu keessatti waa lamatu jiru. Isaanis uummata ykn saba gabsichi laallatu fi jaarmayaa qabsoo kana hogganu ykn gaggeessu dha. Jaarmayaan kun immoo akka tooftaa fi tarsiimoo isaatitti yoo xinnaate karaa sadiin qabsaa’a: karaa hidhannootiin, karaa uummata dammaqsuu fi ijaaruutiin akkasumas karaa diplomaasii ti. Karaa hidhannootiin loltoota leenjisuu, hidhachiisuu fi bobbaasuurratti hojjeta. Karaa uummata dammaqsuu fi ijaaruutiin immoo dabballoota leenjisee bobbaasa. Karaa diploomaasiitiin qabsoo sabichaa uummattoota birootti; mootummoota fi hawaasota Addunyaatitti beeksisuuf; deeggarsi akka godhamu taasisuuf hojjeta. Egaa kun gabaabumatti hojii jaarmayaa ti jechuu dha.

Karaa biraatiin yoo laalme immoo, saba ykn uummata qabsoon godhamuuf keessatti warri qooda ofii gumaachani fi gahee ofii taphatan jiru. Isaan kana garee lamatti baasnee laaluu ni dandeenya: Weelistoota fi Aktivistoota. Gahee gareeleen kun lamaanuu qabsoo keessatti taphatani fi qoodni isaan gumaachan baay’ee murteessaa dha. Yoo waan gaarii hojjetan qabsoo fuulduratti oofu; yoo waan badaa hojjetan qabsoon akka qancartu fi fuuldurattis hin tarkaaffanne gufuu ittita’uu danda’u. Kanaafuu, gahee fi qoodni gareelee lamaan kanaa murteessaa ta’a. Gara Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO)tti yoo deebinu, gahee weellistootni fi aktivistootni keenya taphachaa turani fi jiran akkasumas qoodni isaan gumaachaa turani fi jiran baay’ee guddaa dha. Keessumaayuu weellistootni keenya wattaaddaroota qabsoo kanaa ti. Osoo meeshaa waraanaa hin baatin sagaleedhaan; dhaamsa ciccimaa dabarsuudhaan uummata kakaasanii; diinarratti duula hamaa godhaa turan ammas itti jiru. Injifannoolees argamsiisanii jiru.

Kan baay’ee nama gammachiisu fi boonsu, weellistootni keenya hundumti isaaniituu keessaa fi alaa osoo hn jenne bakkee jiran hundaa wanti isaan weellisan waayee Oromoo, Oromiyaa fi Oromummaa qofaa dha. Dhugaa dubbachuuf, ani weellisaa Oromoo dhima Oromoo dagatee/dagattee, tasumallee waan biraa weellisu/weellistu hin agarre hin dhageenyes. Mee dhugaa haa dubbannuu, weellistootni keenya waayee biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tanaa sirbanii beekuu?? Waayee “DURA OROMOO” malee wanti isaan dursa kennaniif jiraa?? Waayee bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa malee waayee Itoophiyaa ijaaruu takkallee sirbanii jiruu?? Tarii nama tokko ykn lama jiraachuu mala kan waayee Itoopiyummaa leellisu. Warri hafan garuu dhibbaa dhibbatti waan Oromummaa calaqqisu malee waan biraa hin weellisan. Erga QBOn eegalee kaasee hanga har’aatitti wanti akkanaa dhagahamee waan beeku natti hin fakkaatu. Dhugaa dhoksuu kiyyaa miti.

Abbaan fedhe na haa qeequ; abbaan fedhe haa fudhatu ykn haa dhiisu; abbaan fedhe haa mormu ykn haa deeggaru; Aktivistoota Oromoo yoo laalle fi hubanne, hundi isaaniituu hojii tokko ykn walfakkaata hojjetu jechuun rakkisaa ta’uulle, aktivistootni tokko tokko keessumaayuu warri biyya alaa jiran, waanuma qilleensa wajjin deeman fakkaatu. Ejjannoon isaaniituu namaa hin galu. Kaleessa waa jedhanii yoo jiraatan, har’a sana hin jedhan; har’a waan jedhan boru deebisanii waan dubbatan hin fakkaatu. Hojii akkanaa akka abshaalummaatti laalu ta’a; yookaan waanuma hojjetani fi dubbatanuu hin hubatan ta’a; yookaanis beekaatuma afaanfaajjii uumuu yaalus ta’a; yookaanis kaayyoo biraas qabaachuu malu. Sabani isaa beekamuu baatullee, wanti isaan godhan garuu nama hubatuu jalaa dhokachuu waan danda’u natti hin fakkaatu. Akkuma muka bubbeen asii fi achi raastuu, isaanis asii fi achi jedhu. Adeemsi akkanaa garuu qabsoo kanatti gufuu ta’uu akka danda’u waan hubatan hin fakkaatu.

Aktivistootni tokko tokko waan akkanaa yoo hojjetan ykn dubbatan ykn barreessan, tooftaa fi tarsiimoo yeroon gaafatuu dha jedhanii nama amansiisuu yaalu. Waan hin yaamamneef owwaatu; waan hin gaafatamneef maal? jedhu. ሳይጠሩ አቤት፣ ሳይላኩ ወዴት” jedhuu mitii jarruu waan akkanaa kana “Osoo hin yaamamin owwaachuu, osoo hin ergamin karam jechuu” Akkan hubachaa jirutti yeroo ammaa wanti akkanaa kun mooraa keenya keessatti mul’achaa jira. Qabsoo uummatni Oromoo ittwareegamee asiin gahe; qabsoo dhiigni ilmaan Oromoo ittdhangala’e fi lafeen Sabboontota meeqaa itti caccabe; gaafii Qeerroon kaasaa jiru; dhaadannoo isaan agarsiisaa fi dhageechisaa jiran gara hin taanetti hiikuudhaan; Qeerroon Itoophiyaa ijaaruuf, jiraachisuuf akkanatti wareegamaa jiru nuun jedhu. Erga OPDOn dhiibbaa sochiin uummata Oromoo isaanirratti godherraa ka’anii ofjijjiiruuf yaalii godhuu calqabanii as; waan isaani har’uma gaafii uummata Oromoo deebisuu danda’an fakkeessanii, gaafiin uummata Oromoo gaafii jijjiirama imaammata siyaasaa ti jedhu. Akka waan gaafiin kun jijjirama imaammataatiin deebi’uu fakkeesu.

Kun waan baay’ee nama ajaa’ibuu dha. Jijjiirama ce’umsaatiif hojjechuun waan tokko. Haa ta’u malee, diinaafis ta’ee firaaf wanti ifa ta’uu qabu, gaafiin uummata bal’aa Oromoo jijjiirama siyaasaa fi imaammataatiin deebii argachuu hin danda’u. Sirni koloneeffataa hundeedhaan buqqa’u malee, gaafiin sabootaa fi uummattootaa biyyatti sana keessatti deebii argachuu hin danda’u. Keessumaayuu kan Oromoo waan hin yaadamnee dha. Waan yeroon nutti agarsiisuuf deemuu dha. Gaafiin Oromoo karuma fedheenuu deebii haa argatu; garuu wanti hunduu hubachuu qaban, dhimmi ykn adeemsi waayee Oromoo hindursine jechuun “Dura Oromoo” hin mirkaneessine, Oromoofis ta’ee saba ykn uummata kamiifuu bu’aa hin fidu. Itoophiyaa leellifamaa jirtu tanallee rakkoorraa hin hanbisu. Dhugaan kun sirriiti hubatamuu qaba. Dhugaan hadhooftus liqimfamuu qabdi.

Barreeffama kutaa kanaa xumuruuf, Aktivistoota Oromoorraa waa baay’eetu eegama. Wanti isaan hojjetanis yoo waan gaarii ta’e qabsoo kanaafis ta’ee egeree keenyaaf murteessaa dha. Waan hojjetanirratti, waan godhanirratti, waan barreessani fi dubbatanirratti ofeeggannoo cimaa godhuun gaarii dha. Itopphiyaadhaaf falamchuun mirga isaanii guutuu dha. Haa ta’u malee, uummata irraa dhalatan kana, dhimma isa dagatanii yookaan duubatti dhiisanii waan biraatiif dursa kennuun isaaniifis booda kisaaraa dha malee bu’aan argamu hin jiru. Yoo sabni/uummatni Oromoo miidhame, warri waan gaariis ta’ee waan badaa hojjetan hunduu walqixxummaadhaan miidhamu. Kanaafuu, beekumsa, danddeettii fi barumsa qabaniin hunduu waan Oromoo dursurratti hojjechuun dirqama Oromummaa ti. Barumsi, beekumsi fi dandeettiin uummata ofiitiif hin taane, faayidaa hin qabu. Dhugaan kun hubatamuu qab. Waayeen “Dura Oromoo” duubatti dhiisanii waayee itoophiyaa faarsuu kun bu’aa isaati moo gaaga’ama inni fidutu caalaa? Barreeffama kutaa saglaffaa hordofaa.     

Hanga walitti deebinutti nagaatti.

Ulfaadhaa!  

 

Barreessaa qonnamuu yoo barbaaddan: cilaaloo@hotmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

The Endless killing horror in Ethiopia

By: Asress Mulugeta The track record of the minority dominated Ethiopian government in the last …

Yaada kanaaf deebisaa kenni