Oduu Haaraya

Gadaan Kasabaa…

Nuti nurraa dhugaa
Mee nutin qoosina,
Numarrahi gadii….
Mee nun akkeesinaa.
Nu isinirraa addaa
If nun fakkeesina.
Madaa hamtuu qabna
Godaannisa kalee
Mee nun fottooysina.
Sutaan diddirtanii
Ammaas nun dhiiysinaa,
Dhiisa tuttuyxannii
Ciisa nun dhoorkinaa.

Gocha kalee dabree
Garaa keenya waadaa.
Hooda hoodannee…
Jifuu babbareedaa,
Osoo qabnu aadaa.
Nurraa balleessanii
Guban sirna gadaa.
Seenaa gaarii qabnu
Kaleessaf dheengadda.
Achi buute tahee
Bu’uri maa badaa?

Gaddisa jannataa
Maa xooleysan odaa,
Miila Bakar taatee
Eessaa abbaa kootin fida?
Yaa dhaloota arraa
Mee maal lafaa qabdaa,
Maaluma dhaalchifta?
Boru warra si booda.
Maalif goggoysitan
Dhiiroo garba guddaa.

Aadaa teenya boontu
Midhagduu kaleessa.
Duudhaa keenya faayaa
Yaa dhiiroo jabeessa,
Gowwaan garii fooyyee
Saheeti balleessaa.
Aadaan jabdu tahuu
Mee itti garsisaa.
Ittin boonaa dhiiroo
Kan beeynees barsiisa.

Addunyaa irratti
Aadaa nu mul’isaa.
Oromummaa keenya
Isii nu boonsisaa.
Maalummaaf eenyummaa
Keenya isii ibsa.
Sabni hoodan qabne
Kan beeyne seenaasa.
Sabummaa hin guutu
Hir’u ulaagaansaa.
Saba ifiin jachuuf
Ragaa barbaachisaa.
Kanaaf aadaa teenya
Beekuu nu feesisa.
Sa’aa abbaan hore
Gaafa dhawe cabse
Ormi ija beeysaa.

Haalli ammaa kuni
Hedduu nama dhibaa.
Akka waan qaroomaa
Wallee itti fakkattee
Namni waanfi jibbaa.
Gariin faranjoomee
Kafana isaa darbaa.
Kaanis fakkachuudhaf
Fide tan arabaa.

Gowwaan tasaa muree
Tan alagaa erbaa.
Kophee miila miilaa
Kaayyachuuf fi dhiiba.
Dhugaa osoon arkuu
Hin fudhadhu soba.
Hanga yoomin dhiroo
Ergisaadhan sirbaa?
Teenyaatu nu boonsa
Hin feenu tan ambaa. x2.

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …