Oduu Haaraya

Gabaasa Hiriira nageyaa baqattonni Oromo biyya masrii fuula UNHCR Cairo duratti raawwataa jiran laalchisee ibsa C/T/B/O/B/Masrii.

Akkuma beekkamuu baqataan Oromo biyya kanaa baayyeen isaa rakko guddaa fi ulfaataa adda addaa dhaabbata UNHCR waliin qabaachaa jiraachuun isaanii ni yaadatamaa.

Kanaaf hiriira mormii dhaabbata kana irratti gad-gessuuf ji’a lama gutuu qophaawaa turuuni jiru.

Kana irratti koreen Caayaa Tokkommaa Oromo biyya masrii haala hiririchi itti gad-geyfamu qabu irratti marii bal’aa miseenssota isaa waliin gad-gessaa turuun isaanii hubatamaadhaa.

Bifuma kanaan rakkoon hawaasni Oromo dhaabbata UNHCR waliin qabu waan walfakkaatuuf koree waldaya baqataa Oromo waliin wal-marihannee hiriira mormii guyyaa waliin akka baanuu murteeffannee turre.

Koreen Caayaa fi Waldayaa hiriirichi hiriira dhimma baqataa Oromo laallatu waan taheef qaamni siyaasaa hiriira kanatti dhimma bahuun tokkommaa hawaasa baqataa Oromo Cairo akka hin dorsifnee irratti waliif gallee guyyaa ballamannetti hayyama gara motummaatiin nu barbaachisu hunda erga guttannee bodaan bitootessa 27/2016tti hiriira nageyaa fuula UNHCR Cairo duratti baanee turree.

Garuu akka hawaasni baqataa Oromo Cairo hiriira nageyaa gad-gesduu egalaniin qaamni ergaa addaa qabu alaabaa hawwsni fi UNHCR akkasuma motummaan masrii hin beynee qabatanii wayta hawaasa jeequu egalan hawaasni ofirraa qaqqabee garii isaanii polisatti laatee jira.

Gariin isaanii ammo wayta hawaasni itti dammaquu oso hawaasa dheysanii kufanii warreen madaawan kessaa basaasa wayyaanee kan ture birra gammaadii fi dhekko dhekkamaati.

Hujii diinummaa fi hawaasa baqataa jequu kana irratti kan isaaniif deggarsa guddaa lataa ture basaasaa wayyaanee guddaa Nasrullaa nama ja’amuu kan naannoo 6 Oktober galaa jiru wayta tahuu kan hawaasa jalaa isaan miliqsee mana isaatti galchee guyyaa gutuu nyaataa fi dhugaatiin erga isaan tajaajile booda taksiin akka galan haala mijjesseefii ture.

Hubachiisa
1.CTBOBM waan hundaa duraa dantaa baqataa Oromoo biyyaa masrii keesa jiruufi dhaabbata. kaayon keenna yoomiyyu kan Oromummaaf falmuu. Qabsoo bilisummaatif qabsaawa.
2.Hiriiri Baqattoota Oromoo itti fufaa hangaa mirgii keennai kan falmachuuf baane argatannuutti.
3.Basaastonni hiree baqataa Oromoo balleessufii biyya bahanii biyyaa masrii dhuftan akka itti milkoofne cimsinee isiniif Ibsinaa. Qeeyroon Oromoo namaa taheefu kan dantaa Oromootif baqataa Oromoo duraa dhaabbatuu hundaa tarkaanfii seera irraatti fudhachuufi kophii xumuratee jiraa.
3.Namoonni suuran isaani asiin gadiitti mul’atu kun Ergamtootaa Mohamed Tufaa kan wayyaanen hoogganamuu irra.Yoo nagaan jiraachuu barbaaddan yeroon teesan waan dabarteefi dantaa hawaasa baqataa Oromoo Biyyaa masrii keesa irraa uf fageessitan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Rakkoo biyya Masritti edduu oromootaatti argameef kan gaafatamu Johaara Muhaammad. Johaara miidiyaa ittiin guudisa je’ee maallaqa oromoo irraa guuraa ture amma oromootaan ajjeesutti waan ka’eef, horii ittin kenninaa. hujiin isaa hujii diinaati.