Oduu Haaraya

Gabaa Lagannaa ..Maaltu fide?

By TayeDendea

Dhiyoo tana DhDUOn ibsa qabxiilee jajjaboo hammate baasee ture. Qabxiilee ibsichaa keessaa ijoon jaarmota siyaasaa fi hayyoota Oromoof yaamicha dhiyeessu dha. Faayidaa ummata Oromoo irratti waliin hojjatuuf qophii ta’uu addeesse. Rakkoon Oromoo furameera hin jenne. Wal gargaarree haa furru jedhe. Ajandaalee jiru keessaa tokko hidhamaa hiiksisuu dha. Akka hidhamtooti siyaasaa Oromoo hiikaman waliin hojjatuun ni danda’ama. Duuba maaliif marii malee fiigama? Waliin hojjatuu hin wayyuu?

Koreen hoji-raawwachiiftuu EPRDF armaan dura hidhamtooti siyaasaa martuu akka hiikaman murteessee ture. Murteen kun hojiitti hiikamuu qaba. Hidhamtooti siyaasaa martuu hiikamuu qabu jechuu dha. Kana keessa hidhamtooti siyaasaa Oromoos ni hiikamu jennee amanna. Obbo Baqqalaa fi waahillan isaa dabalatee jechuu dha. Sun ta’uu baannaan dubbiin tan mootummaa Oromiyaa taati. Mootummaan Oromiyaa ummata waliin ta’ee murteen sun akka hojii irra ooluuf ni hoojjata. Garuu jarjaruu hin barbaachisu. Yeroon kenname haga dhumutti eeguu feesisa. Yoo Oromiyaan waan irraa eegamu gochuu baate komatuun akka. Jarjarsuun ammaa tun garuu morka fakkaatti. Waan hin malle!

Amma Oromiyaa keessatti bilisummaan siyaasaa sirriitti jira. Nami yaada ofii nagayaan ibsatee galuu danda’a. Otoo ifatti mormii ykn deeggarsa dhageechisuun danda’amuu mana ooluun maaf barbaachise? Gabaa lagachuu fi mana ooluun gaafa ifaan mormuun dhorkamee dha. Amma wanti dhoksaan nama hoofu hin jiru. Yoo sodaa fi shakkii Oromiyaa keessaa bade deebisuun barbaadame male.

Abbaan Qabsoo keenyaa ummata Oromooti. Motorri isaa ammoo qeerroo fi qarree dha. Kun jala muramuu qaba. Kana keessatti ammoo gahee DhDUO dagatuu hin barbaachisu. Hidhamtooti siyaasaa akka hiikamaniif DhDUOn miilana qabsoo jabaa gochaa ture. Laguun gabaa kun hojii kana beekamtii dhoowwatuu fakkaata. Maaliif gatii wal dhoowwanna?

Yaamichi abbaa hin qabne diinaaf qaawwa bana. Barana diinni alaabaa qabatee maqaa qeerrotiin hiriira yaamaa turuun ni yaadatama. Saniif Shaashee fi Iluu Abbaa-boor ragaa dha. Maaliif mala boru nu danqu aadeffanna?
Maraafuu laguu tana nurraa dhiisaa! Amma dhoksaa hin barbaannu. Ifatti ummata waliin faayidaa fi mirga ummataatiif qabsoofna. “Goototi” Yurooppi teessanii nu arrabsitan ammoo ulfaadha. “Goota” jechuun akkasi! Jabaadhaa!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …