Oduu Haaraya

GAAFIIN UUMMATTOOTAA TAAYITAA NAMOOTAA TII MITI

Berhanu Hundee

Erga Muummichi Ministirootaa (MM) Mootummaa Wayyaanee Obboo H/Maariyaam Dassaalany taayitaarraa bu’uu isaanii beeksisanii as, eenyu bakka isaanii bu’uu akka danda’u laalchisee keessumaayuu as Face Book irratti mariin (yaadoleen gara garaa) dhiyaatan dhimma ijoo yeroo ta’anii mul’achaa jiru. Abalu MM ta’uu qaba; Abalu ta’uu hin qabu; Abalu dandeettii fi deeggarsa qaba; Abalu immoo dandeettiis ta’ee deeggarsa hin qabu fi kkf jedhamaa yaadoleen adda addaa dhiyaachaa jiru. Namootni keessumaayuu Aktivistootni yaadolee akkanaa dhiheessaa jiran gaafii uummataa waan hubatan hin fakkaatan. Yookaanis immoo beekaniis ta’ee osoo hin beekin afaanfaajjii uumuu waan barbaadan fakkaatu.  

Yaadoleen Aktivistootni yeroo tokko tokko dhiheessan akka tarsiimoo fi tooftaatti yoo laalaman ijaaraa fakkaatanillee, gama biraatii garuu kan kaayyoo qabsoo uummataa karaarraa maqsan ykn jallisan ta’anii argamu. Fakkeenyaaf, sochii fi diddaa uummatni Oromoo waggoota sadeen dabran kana godhaa turani fi ammas itti jiran yoo laalle, ana akka naaf galutti akkasumas akkuma dhaadannoolee uummataarraa hubatamutti, uummatni jijjiirama sirna Wayyaanee gaafachaa akka jiruu dha. Dhaadannoo “Down Down Wayyaanee; Down Down TPLF (ABUT)” kan jedhu yoo fudhanne, inni kunuu ragaa salphaa ta’uu danda’a.

Maarree, osoo dhugaan kana ta’ee jiruu; karaa fedhii uummataa faallessuun dhimma MM ajandaa godhuudhaan; akka waan biyyattiin sun diimookraasii keessa jirtuutti fakkeessanii; kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan sirna Wayyaanee nama-nyaataa kana kufaatiirraa oolchuuf wanti dalagamaa jiru kun eenyuuf bu’aa akka fidu hubachuu dadhabuun anaaf hin galu. Yeroo ammaa wanti barbaachisu, sirni Wayyaanee kun yeroo xumuraatiif hundeedhaan akka buqqa’u taasisuu dha malee; waan uummata afaanfaajjesu dalaguun Wayyaanee gargaara malee faayidaa ykn bu’aa biraa hin qabu.   

Akka laalcha kiyyaatitti, yeroo ammaa kan nu barbaachisu fi gaafiin ka’uu qabu, mootummaan ce’umsaa kan yeroo ijaaramuu akka danda’u fi hireen biyyattii sanaa maal ta’uu akka danda’u furmaata barbaaduuf marii hundaa hammatu taasisuu dha malee, mootummaa du’uuf deemaa jiru bool’oo irraa hambisuuf tattaafachuun bu’aa hin fidu. Gaafii uummattootaas deebisuu hin danda’u. Waan uummatni gaafachaa jiru ifa waan ta’eef jechuu dha.

Asirratti wanti hubatamuu qabu, dhimma MM laalchisee wanti yeroo ammaa haasa’amaa jiru, sirna bulchinsa/bittaa Wayyaanee du’uuf deemu kana suphanii lubbuu itti horuuf; Mootummaa nama-nyaataa kanaaf beekumtii kennuu; biyyattiis akka waan diimookraasiin keessa jiru fakkeessuuf yoo ta’e malee, jijjiirama barbaadamu fiduuf akka hin gargaarree dha. Kanaafuu, projaktii hin milkoofne kanarratti waa hundaa dhangalaasuurra; qabsoon uummataa akkamitti daddafee galii hawwamu akka gahu ciminaan irratti hojjechuutu filatamaa dha. Waaqayyo/Rabbi hubannoo nuuf haa kennu.

WAAN   WAYYAANEEN   OROMOO   GOOTE   OROMOON   YOOMUU   HIN HIRRAANFATU

Berhanu Hundee

GALMEE SEENAARRAA XIQQOO QUNXURUUF:

  1. WALIIGALA: Waggoota diigdamii torba guutuu lafee ilmaan Oromoo caccabsaa, dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa, Sabboontota meeqa mana hidhaatti naqaa fi dararaa, ajjeesaa as geese. Ammas kun hin dhaabbanne;
  2. Lammiilee Oromoo jumlaadhaan ajjeestee bakkee tokkotti-bool’a tokkotti awaalte lafeen isaanii achi keessaa guuramaa ture;
  3. Haadha reeffa mucaa ishiirra teessee booyaa jirtu qabdee mararfannoo tokko malee dararte;
  4. Ayyaana Irreechaarratti uummata keenya jumlaadhaan xixxe;
  5. Mana Oromoo tokkoo keessaa reeffi nama sadii akka bahu gootee, haadha fi abbaa qullaatti hanbiste;
  6. Uummta nagaadhaan mormii mirgaa godhaa jiruu rasaasaan fixxe;
  7. Mana hidhaatti ibidda qabsiistee lammiilee keenya fixuuf yaalte;
  8. Shiftoota Somaalee hidhachiistee daangaa keenyarratti lammiilee keenya ficisiiste;
  9. Uummata Oromoo miliyoona ta’u lafarraa buqqisiistee rakkoo, beela fi gadadoodhaaf akka saaxilaman goote;
  10. Calanqoo bakka seenaatti, seenaa biraa dabaltee madaa Oromoo tuqxe;
  11. Ammas kunoo irradeebitee labsii muddamaa baasuudhaan sanyii saba keenyaa duguuguuf karoorfattee jirti;
  12. Qabeenya Oromiyaa saamtee soormaa yeroo jirtutti uummatni keenya garuu jireenya namaa gadii keessa jiraata;
  13. Dachee fi naannoon Oromiyaa summii waarshaalee keessaa bahaniin badaa jiru; egereen keenya gaaga’ama guddaa keessa seenee jira

Egaa, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti kan akka Oromoo miidhame hin jiru yoo jedhame dhugaarraa fagaachuu hin ta’u. Uummattootni biyyattii sanaa yeroon isaan Oromoof mirmatanis hin jiru. Nuti garuu isaanis bilisoomsuuf qabsaa’uu qabna jennee ganamaa galgala haasofna. Kan eenyu ittidu’utti eenyu bilisummaa argachuuf deemaa? Mana eenyu ijaarutti eenyu ittigaluuf deemaa? Qabeenya eenyu tiksutti eenyu abbaa itti ta’uuf deemaa?….

Maarree, jara kana waliin biyya takka ijaarrachuutu madaa keenyas fayyisee, furmaata xumuraa nuuf fida moo erga itti wareegamuun hin oollee ABBAABIYYUMMAA keenya mirkaneeffachuuf hiree keenyas ofuma keenyaaf, ofuma keenyaan murteeffachuu qabnaa? Oromoo cimsii ittyaadi! Of gaafadhu, waan hojjettu fi waan qabsooftuuf beeki!! Kayyoo fi galiikee sirreeffadhu. Dogongora seenaa hin hojjetin!!!

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …