Oduu Haaraya

Gaafiin uummata Oromoo mana hidhaa Maa’ikalaawii diiguun hin deebi’u

Berhanu Hundee

 

Gaafiilee uummatni Oromoo gaafachaa jiran keessaa inni tokko hidhamtootni siyaasaa akka gadi lakkifaman ta’ullee, shirri Wayyaaneen uummata gowwoomsuuf xaxaa jirtu akka jijjiirama siyaasaatti laalamuu hin qabu. Impaayarri Itoophiyaa tun matumti ishiituu mana hidhaa sabootaa waan taateef, mannii hidhaa guddaan kun diigamee; sirni walqixxummaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa mirkaneessu hanga hin uumamnetti manoota hidhaa diiguudhaan jijjiiramni bu’uraa dhufuu hin danda’au. Mana hidhaa Maa’ikalaawii diignee muuziyeemiitti jijjiira jechuun Wayyaanotaa: tokkoffaa, faranjoota fi mootummoota warra dhihaa akkasumas haawaasota Addunyaa gowwoomsuuf; lammaffaa, shira kana keessa yeroo bitachuuf, mala biraa barbaaduuf umurii bittaa isaanii hanga danda’ame dheeresuufi.

Maa’ikalaawiin mana hidhaa namootni keessatti dararaman keessaa isa hangafa ta’ullee, manneen hidhaa biroo baay’eetu jiru. Bakkeen namootni keessumaayyuu ilmaan Oromoo keessatti dararamaa jiran Oromiyaa keessa hedduutu jiru. Isaan kun maaliif hin diigamne? Hidhamtootni siyaasaa gadi lakkifamu yoo jedhan kan Maa’ikalaawiitti hidhaman qofaa dhaa? Kan mooraa waraanaatti hidhaman, kan manaoota barumsaa keessattillee hidhamanii jiran, kan bakka buuteen isaanii hin beekamne hunduu sababa siyaasaatiin waan ta’eef, hanga lubbuun jiranitti hunduu bilisa bahuu qabu. Hidhamttotni siyaasaa ni hiikamu yoo jedame, asirratti haaldureen jiraachuu hin qabu. Haa ta’u malee, oduma kuni hundumtuu ta’uu danda’ee, gaafiin uummattootaa isa kanaan deebii argachuu hin danda’u. Gaafiileen uummattootaa keessumaayuu kan Oromoo isa kana qofaa miti.

Gaafiin uummata Oromoo ifaa dha. Innis gabaabumatti “ABBAABIYYUMMAA ISAA MIRKANEEFFACHUU” dha. Abbaabiyyummaan Oromoo yoo mirkanaa’e, gaafiileen biroos, kan akka ofiin ofbulchuu, gaafiin siyaasaa, kan diinagdee fi hawwaasummaa hunduu kana keessatti deebii argatu jechuu dha. Hanga abbaabiyyummaan saba Oromoo mirkanaawuu hin dandeenyetti gaafiin Oromoo kamiiyyuu deebii argachuu hin danda’u. Dhugaan kun firaafis ta’ee diinaaf hundaafuu ifa ta’uu qaba. Abbaabiyyummaan Oromoo mirkanaa’u malee Oromoon nagaa argatee biyya isaa fi qayee isaa keessa jiraachuu hin danda’u; beela fi gadadoo keessaa bahee, diinagdeen guddachuu hin danda’u; saamicha diinaa fi alagaa jala bahuus hin danda’u. Kuni hunduu irraa hafuu kan danda’an immoo sirna nama-nyaataa Wayyaanee kana hundeedhaan buqqisee biyya isaa Oromiyaa yoo dhuunfate qofaa dha.

Sana booda uummattoota, saboota fi sab-lammoota biyyattii sana waliin waa hundaa qooddatee jiraachuus ta’ee mootummaa birmadummaa isaa ijaarratee akka saba walabaatti jiraachuuf dhiibbaa fi gorsa tokko malee ofii isaatiif waan isaaf tolu murteeffachuu danda’uu qaba. Asirratti asii fi achi jechuun hin jiru. Tooftaa fi tarsiimoofiis haa ta’u sababa kamiinuu uummatni keenya afaanfaajjii keessa galuu hin qabu. Kan itti dhiigaa, itti du’aa, biyyaa baqachaa, dararamaa, ilmaan isaa meeqa ittidhabe uummata Oromoo waan ta’eef, namni ykn humni kamuu isaaf karaa baasuu; kana siif wayya jedhee gorsuu ykn ajajuu; kanaa mitii sana siif wayya jechuunii mirgas ta’ee hamilee hin qabu. Mana eenyu itti dadhabee ijaaretti eenyu itti galuuf deema? Qabsoo hadhooftuu eenyu godhetti kan biraa injifannoo ittiargachuuf deema? Qabsoos ta’ee injifannoon; fedhiis ta’ee murtiin kan uummata bal’aa ti malee, kan namoota muraasaa ykn gareelee tii miti.

Jaarmayoota Oromoos ta’ee Aktivistootni mirga uummata kanaatiif hojjetan akka qaama uummata Oromoo bal’aatti gahee isaanii taphachuu fi qooda isaanii gumaachuu malee uummata kanaaf murteessuu hin danda’an. Injifannoos ta’ee murtiin xumuraa kan uummata bal’aa ti. Namni tokko hanga fedhe barataas haa ta’u, beekaas haa ta’u, xiinxalaas haa ta’u, qabsaa’aa dhugaas haa ta’u, akka lammii Oromoo tokkootti waan irraa eegamu dalaga malee, ani barumsa olaanaa, dandeettii fi beekumsa addaan qaba jedhee uummata bal’aadhaaf anatu sii beeka; kan ani jedhu fudhadhu, karaa ani sitti agarsuisu deemi jechuu gonkumaa hin danda’u. Yeroon anatu siif beekaa dabruu qaba. Hiree ofii ofiif/ofiin murteeffachuun mirga saba guddaa fi uummata bal’aa ti. Jaalatamus, jibbamus, fudhatamus dhiifamus kun dhugaa jijjiiramuu hin dandeenye dha.

Gara dhimma matadureetti deebi’uudhaaf, gaafiin uummata Oromoos ta’ee kan uummattoota biroo mana hidhaa Maa’ikalaawii diiguun hin deebi’u. Sirna Wayyaanee kana keessatti jijjiiramni kamiiyyuu yoo godhame, bu’aa isaaniitiif yoo ta’e malee, jijjiiramni dhugaa kan uummattootni barbaadan waan hin milkoofneef, kanarratti yeroo, qabeenya, beekumsa fi dandeettii balleessuun hiika hin qabu. Sirni kun hundeedhaa buqqa’uu qaba. Sirni Wayyaanee baduu qaba. Hamma sirni kun jirutti jijjiiramni kamiiyyuu yoo yaalame, bu’aa hin fidu. Yoo dhugumatti biyyattii sana keessatti jijjiirama bu’uraa tokko fiduuf kan hojjetamu ta’e, xinnaatee yoo xinnaate tarkaanfiileen armaan gadii kun hojiin mul’achuu qabu:

  • Humna Agaazii fi hidhattoota Federaalaa naannolee hundaa keessaa baasuu;
  • Humna Liyyuu Pooliis jedhamu hiikkachiisuu;
  • Nagaan uummattootaa Poolisoota uummataaf amanamoo ta’aniin akka eegamu godhuu;
  • Hidhamtootni siyaasaa hunduu haal-duree tokko malee akka hiikaman godhuu;
  • Dhaabbatni sirna Wayyaanee tajaajilan hunduu akka diigaman godhuu;
  • Paarlaamaas ta’ee mootummaan Wayyaanee akka diigamu godhuu;
  • Yoo barbaachisaa ta’e, raayyaa ittisa biyyaa kan yeroo, kan saboota hunda keessaa bahan ijaaruu; kan Wayyaanee diiguu
  • Humnoota siyaasaas ta’ee kan biroo warra kaayyoos ta’ee galii adda addaa qaban hundaa dhiibbaa fi haal-duree tokko malee Confaransii Biyyoolessaa (National Conference) tokkorratti akka hirmaatan taasisuu;  
  • Mootummaa ce’umsaa kan yeroo ijaaruu;
  • Filmaatni biyyoolessaa (National Election) akka qophaawu godhuu ykn akka barbaachisaa ta’ettii hiree ofii/ofiin murteeffachuun uummatootaa mirkanaa’ee hireen biyyattii sanaa yeroo xumuraatiif akka murteeffamu taasisuu.

Jijjiiramni bu’uraa tokko mul’achuu kan danda’u fi nagaa fi tasgabbiin uumamuu kan danda’u yoo tarkaanfiileen armaan olii kun hojiirra oolan qofaa dha. Yoo kun hin taane, filannoon biraa waan hin jirreef, hanga xumuratti qabsoo hadhooftuu tana ittifufuu ala furmaatni biraa waan jiru natti hin fakkaatu. Wayyaaneerraa jijjiirama eeguun ofgowwoomsu fi isaaniif immoo yeroo bittaa isaanii dheeressuu ta’a malee wanti argamu hin jiru. Qabsoon haqaa akka injifattu shakkiin hin jiru. Injifannoon xumuraa kan uummata bal’aa ti.

Ulfaadhaa!

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoo Keenya

Qabsoo Keenya Cuunfaa: Jiyaa hundaa fi akka halleen itt duulamuu Oromoon kolonummaa fi jijjiirraa saaf …

Yaada kanaaf deebisaa kenni