Oduu Haaraya

Gaafa agabuun dhufe soorree beela baafnee..

Gaafa agabuun dhufe
soorree beela baafnee,
Garbuu nyaachifnee
annaan mi’ii obaafnee,
Isaa nama hin fakkaanne
nama fakkeessinee,
Gara laafina keenyaan
qubsiifnee guddifne.

Akka ilma keenyaatti
leenjifnee erginee,
Carraa laanneefii
dorgoomee moo’atee
Waa harka seeneefii
erga kiisha guuttatee,
Galata dagatuun
jibbasaa ifatti baafate.

Duraan ni callifne
himuun nutti ulfaattee
Gaafa awwaala baasee
biyyatti galfate,
Osuma beeynuu
safuu jannee dhiifnee
Gara laafina keenyaaf
garattiin gad-usne.

Diinni silaas diinaa
diinummaan beeynaa
Hamtuu malee gaarii
isa irraa hin eeginaa
Shira isaa garree
tan biraa hin eeynuu
Gocha raawwatuuf
dachaan haa deebifnu!
_____

cleardot

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …