Oduu Haaraya

Finfinneetti har’a balaan Ibiddaa mudate

 

Finfinnee Muddee 01,2007(FBC) Balaa Ibiddaa har’a magaalaa Finfinneetti mudateen iddoowwan daldalaafi manneen jireenyaa irratti miidhaan akka ga’e himame.

Itti gaafatamaan sab-quunnmatii abbaa taayitaa ittisa balaa Ibiddaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Nigaatuu Maammoo akka himanitti balaan kun kan mudate iddoo piyaasaa jedhamuudhaan beekamutti.

Balaa kanaan manneen gurgurtaa warqeefi manneen jireenyaa naannichatti argaman akka miidhaman obbo Nigaatuun himaniiru.
Hojjettoonni ittisa balaa Ibiddaa abbaa tayitichaa balaa kana too’annoo jala oolchuuf carraaqqii taasisaniin balaan Ibiddaa kun akka hin babal’anne taasisuu isaaniis himaniiru.

Wayita ammaas hojiin ittisaa itti fufee akka jiruufi balaan kun guutummaatti too’annoo jala akka hin oolle obbo Nigaatuun himaniiru.

Miidhaan balaa kanaan mudate hanga ammaatti hin beekamne.

Gulaalaan:Birhaanuu Hurrisaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …