Oduu Haaraya

Finfinneen hiriira Ministira Muummee Doktar Abiyyiif deggarsa kennuuf qophaa’e Sanbat duraa fuul-dura keenyaa keessummeessiti

 

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2010 (FBC) Hiriirri nagaa kaayyoo, jijjiirama Ministirri Muummee Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Itiyoophiyaa Doktar Abiy Ahimad itti-gaafatamummaatti erga dhufanii booda fidaniif, deggarsaa fi beekamtii kennuu qabu Sanbat-Duraa fuul-dura keenyaa Waxabajjii 16 Finfinneetti akka geggeeffamu eegama.

Koreen Qindeessaa hiririchaa guyyaa har’aa dhimma hiriira deggarsaa kana irratti ibsa kenneera.

Ibsa kanaan akka eerametti kaayyoon ijoo hiririchaa jijjiirama yeroo ammaa biyyattiitti dhufe jajjabeessuu fi beekamtii kennuufiidha. Walumaagalatti, lammileen Itiyoophiyaa Ministira Muummee Doktar Abiy akka tumsan mirkaneessuuf garaa-garummaa malee kan irratti hirmaatan akka ta’u himeera.

Koreen kun Itiyoophiyaan nagaan ishee fuul-duraa akka mirkanaa’u, lammileen Itiyoophiyaa marti hiriira kana irratti hirmaachuun michummaa isaanii akka mul’isan gaafateera.

Hiriirichi Sanbat-duraa sa’aatii 1 irraa jalqabee Adda-babaayii Masqalaatti akka geggeffamuu fi jiraattota Finfinnee dabalatee kan naannoo Finfinnee akka irratti hirmaatan akka eegamu ibseera.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …