Oduu Haaraya

Finfinnee irratti aangoo abbaa seerummaa:

Barreessaan Betru Dibaba

Federaaliizimiin Itoophiyaa Mootummaa Federaalaa fi Naannooleen kan caaseffame dha, Heera Federaalaa keewwata 50(1). Federeeshinii kana keesatti qaamoleen taayitaa sadan; seera tumuu, seera raawwachiisuu fi abbaa seerummaa, Mootummaa Federaalaa fi Naannooleef qoodamanii jiru, keewwata 50(2).
Barreeffama kana keessatti aangoo abbaa seerummaa qofti kan ilaalamu yoo ta’u, kunis aangoo abbaa seerummaa Finfinnee irratti dha. Falmiiwwan bilchinaa fi rogummaa seeraa hin qabne jiran akkuma jiranitti ta’ee, hundeen barreeffama kanaa Finfinneen magaalaa fi qaama Oromiyaa [City within State] malee, Naannoo [City State] yookin qaama Federaalaa [Federal District] miti jedhu irratti kan hundaa’e dha. Sababnis, miseesonni Federeeshinii Naannolee sagal qofa akka ta’an maqaan adda ba’anii keewwanni 47(1) tarree cufaa [exhaustive list] ta’een ni tuma. Ibsa biraan, Finfinneen miseensota Federeeshinii keessatti waan hin caqafamneef tilmaama dirqamaan [irrefutable presumption] qaama Naannoo tokkoo taati jechuu dha. Tilmaamni dirqamaa kun akkuma jirutti ta’ee, keewwanni 49(5) kan “… Finfinneen … Naannoo Oromiyaatti argamuu irraa kan ka’an …” jedhu Finfinneen qaama Oromiyaa akka taate daraan ifa taasisa.
Bu’uura Heera keewwata 49(2,4)’n, Finfinneen akka magaalaa ofiin of bulchituutti aangoo abbaa seerummaa ni qabaatti ta’a. Kana jechuun caasaa abbaa seerummaa Manneen Murtii magaalaa malee caasaa abbaa seerummaa Manneen Murtii Naannoo hin qabaattu jechuu dha.
Manneen Murtii Naannolee aangoo abbaa seerummaa dhimmoota Naannoo irratti qabu. Manneen Murtii Federaalaas aangoo abbaa seerummaa dhimmoota Federaalaa irratti qabu. Kunis Heera Federaalaa keessatti adda bahee jira, keewwattoota 51-84.
Ulaagaalee aangoo Federaalaa taasisan keessaa tokko dhimmoota Naannolee lamaa fi lamaa ol ta’anii ti, Heera keewwata 51(9, 12, 13, …). Hundeen dhimma qabamee “Finfinneen qaama Oromiyaa ti!” jedhu jala haa muramu. Hariiroon Finfinnee fi Oromiyaa gidduu jiru hariiroo qaamummaa Naannichaa malee ulaagaa aangoo Federaalaa hin ta’u. Gama biraan, dhimmi teessoo Finfinnee fi Naannoleen, Oromiyaan ala, wal qabatu hariiroo Oromiyaa fi Naannollee biroo uumee aangoo Federaalaa ta’a malee, kan Finfinnee gara naannootti ol guddisuu ta’uu hin qabu.
Xinxaalonni armaan olii kunneen hundee Heera Federaalaa qabu. Haa ta’u malee, barmaatileen lafa irra jiran kan faallaa ti.
Tokkoffaa, labsiin lakkoofsa 25/88 Manneen Murtii Federaalaa fi aangoo isaanii hundeessuf ba’e yammuu jecha ‘Naannolee’ jedhuuf hiika kennu Finfinnee fi Dirree Dawaa gara Naannootti kan ol guddisu dha. Haaluma kanaan, dhimmoota teessoo Finfinnee fi Naannolee, Oromiyaa dabalatee, wal qabatu, aangoo Manneen Murtii Federaalaa taasisee jira. Labsiiwwan sadarkaa Federaalatti ba’an hedduun isaanii kallattuma kana irra jiru. Labsiiwwan qabiyyee akkanaa qaban hundee Heeraa waan hin qabneef raawwatiinsa hin qabaatan.
Lammaffaa, Manni Murtii Waliigala Federaalaa, Dhaddachi Ijibbaataa aangoo dogoongora bu’uuraa seeraa manneen murtii hundaatuu sirreessuf aangoo qaba, Heera Federaalaa keewwata 80(3,a). Murteen Dhaddhacha kanaan kennamu murtee dirqisiisaa, Manneen Murtii hunduu ittiin dirqisiifaman fi akkuma seeratti fudhatamu dha, labsii lakkoofsa 454/97. Murteewwaan yeroo adda addaa Dhaddacha kanaan kenname keessatti Finfinnee akka Naannootti lakkaa’ee “Aangoo Manneen Murtii Federaalaa ti” jechuun murteen dirqisiisaan kennamee jira. Aangoon Dhaddacha kanaa dogoongora bu’uuraa seeraa sirreessuuu ta’ullee, Finfinnee akka Naannootti fudhachuun aangoo abbaa seerummaa Manneen Murtii Federaalaa taasisuun murteen kenname garuu mataansaa dogoongora bu’uuraa Heeraa keewwata 47(1) kan qabu dha.
Yaadawwan furmaataa:
1. Naannooleen miseensota Federeeshinii ta’an ifaan kan tarreeffaman yoo ta’u, labsiin lakkoofsa 25/88 Finfinnee akka Naannootti lakkaa’u fi murteewwan Manneen Murtii Finfinnee Naannoo taasisan, Heera Federaalaa keewwata 47(1) waan faallessaniif bu’uura keewwata 9(1), hima lammaffaan, seera fi murtee Heera faallussu jedhamuun raawwatiinsa isaaniif fudhatamaa kennuu dhiisuu dha.
2. Manneen Murtii Oromiyaa aangoo Heeraa abbaa seerummaa guutuu Oromiyaa irratti qabanii beekuu fi fayyadamuu isaan barbaachisa. Ga’een Manneen Murtii Oromiyaa taasisan kun, ol’iyyannoo fi iyyannaan waan itti fufuu danda’uuf, Manneen Murtii Federaalaa irra yammuu ga’u barmaata armaan olitti ibsameen haqamuun isaa waan hin hafne. Raawwii barmaata kanaa fudhatama dhorkuun, Heera wajjin dhaabachuun, xiyyeeffannoo fi hubannoo uumun barbaachisaa ta’a.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

OMN: Jijjiiramuu Tartiiba Qubee Afaan Oromoo Ilaalchisee Dr. Abdusamd Mohammed waliin..

Related

Yaada kanaaf deebisaa kenni