Oduu Haaraya

Fincila Diddaa Gabrummaa dhuma 2015

Biyyaa fi Qabeenya humnaan sarbame Oromoon humnumaan deffata.

Oromoo irratti sanyii daguuggaa, Oromiyaa samuu fi mancaasun kan eegale minilik irraa jalqabee ti.  Kana malees lakoobasa oromoo heddummate kana fixanii gad xiqeesuun akka dandahamu  kan dhaadate Mallas Zeenawii ti.Haa tahu malee boolla oromoof qote egale san dafee ofumaaf seene.Warra hafan ammoo dhiignni ilmaan Oromoo Oromiyaa irratti dhangalaa jiru galaana tahee akka  isaan daguugee Oromiyaa keessaa dhabamsiisu  shakkin tokko hin jru.   Haa tahu malee Oromoon irraa fi jalaan kan inni diinaan dhumaa ture,haga kana hunda diinotinni  Oromoo  uummtnni kun gaaf tokko kahee harka wal qabatee akka isaan   irra galagalu abjootanii hin beekan. ”kanaaf kan itti hin baacanii, kahu galanaa nama nyaata uumtnii” kan jdhmeef. Ammas wareegama kan xiqqeessuf oromoon oromiyaa maraa kahee hojjetan, barsisaan, qotataan poolisnni, waraanni ittisa biyyaa diina hamaa oromoo dhabamsiisuuf kahe kana yeroo tokkon xumura itti gochuun Oromoo fi Oromiyaa bararuun amma..  

Kan biraan FDG kanan duraa  kan fudhachuun itti milkahaa ture Oromoo osoo hin taane ilmaan minilkii fi yohannis qofa ture. Inni ammaa garuu Oromoo dhumaan qopha’ee  isumaan hogganamee Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaan akka goolabamu shakkiin hin jiru. Gaaffi Uummta Oromoo ykn Qeerroo nu hin saamina mana keenya diigdanii hin gurguratina ,karaa irratti kadhattu gootanii nu hin darbatinaa lafa akaakile keenya fi abaabilee keenya irraa dhalle seenaa,aadaa fi afaan keenyan wal qabatee jiru  irra  nu dhiibdanii  ykn nun godansiftanii ofiifis tahe halagaaf hin raabsina,hin gurguratinaa kan jedhu ture Deebiin Sibat neggaa fi abbay tsahaye rasaasa waan taheef amma uummatnni oromoo fi jarri kun  abddaa fi cidii dha mariin jawwee nu liqimsuu  fi warabeessa nu nyaatu  waliin tahu hin jiru jedha uummtnni oromoo.deebi gaaffii kana kan deebii argatu uummatni oromoo wareegama kamuu kaffalee biyya isaa irratti abba biyyummaa isaa mirkaneffachuu dha.

Kan biraan uumtmatni oromoo qabenyaa warri wayyanee uummata oromoo irraa saamanii ittin duromanii fi duroomaa jiran sana irraa bituu fiitti gurguruu dhabuu  waliif  labsaa jira, kun ammoo oromoo biyya keessa qofa osoo hin taane kan biyya alaa jiru irratti illee hojii irra ooluu qaba. Asi irratti dubbii guddan jiru FDG amma kahe kana Oromoon harka wal qabate,iyyee iyya dabarse ,waliif dirmate wal irratti dhumuun biyya isaa dhunfachuu qaba. Fincilli kun kan Uummta Oromoo ti ,Haa tahu malee Ummata Oromoo, Qeerroo fi ABO gargar baasanii ilaaluun barbachisaa miti. Qeerroo fi Ummatnni Oromoo karaa isaa, ABO fi WBOn akkasuma  Dhaaboti diina irratti dhakaa darbatan hundi karaa dandahameen diina waloo irratti bobbahuun kufatii diinaa saffisiisa. Rakolee biroo fi garaagarummaa xixiqqaa jiru bulfatanii sabaa fi sablamota hunda waliin hariiroo gaarii uumun waliif dirmachuun karaa dha.Walumaa gala warri keessaa fi alaan halagaaf ergamtu maqaa daysforan of samanis tahe warri umurii diinaa dheeressuu fedhan  daddaffiin  waraaqsa uummata isaaniitti akka makaman dhamnaaf .Sabaa fi sab-lammiin oromiyaa keessas tahe ollaa oromiyaa jirus yammuu inni uummata wajjin nyaatee dhugee fi Oromiyaa irraa nyaatee dhugeef dirmatee waliin hamaaf tolaa dhannammu harra jenna.

Bara baraan bo’uu fi aaduu irra wareegama kaffalanii dhaloota dhufuuf dabarsuun gochaa eebbifamaa dha ,Rabbi illee qabeenya kee ,biyya kee fi maatii kee irratti du’i jedha. Gabrummaa dhaalaman waliif dabarsuun abaarsa fi fafa kanaaf yaa oromoo kahaa waliif dirmadhaa tuffii jalaa of baasaa kunoo baratooti barumsi bilisummaan booda jedhanii wareegamaa jiruu. Dhuma irratti diina qaraa dhufee harra ilmaan oromoo biyyaa, qabenyaa fi haqa isanii gaafatan fixaa jiruu fi saba keenya irratti sanyii daguuggaa, saaminsa qabenyaa fi gurgurtaa lafaa oromoo fi oromiyaa irratti rawwachaa jiran kana guyyaanakka Sadam Husenfaa  lakkobsa itti laatinee adabuu fi gumaa lammii keenyaa baafnu fagoo miti. Kanaaf oromoon harka wal qabatee roorroo jaarraa tokkoo ol oromoo irratti rawwatamaa turee fi jiru kanatti xumura waaraa goonu harra.

Dhaloota fincilaa kan onneen abiddaa,

Warra waliif galee diinatti hime diddaa.

 

Dhalota fincila kan sammuun bilisaa,

Warra lubbuu kennee lammiif tahe ibsaa.

 

Sanayferii fi boombii shimalan qoltee

Gotummaa isa durii dhiigan haaromsate.

 

Inni giddu galaa dhaamsa dabarfatee

Inni dhihaa kahee bahaan wal qabatee

Kan kibbas dammaqe kaabatti dhamtee

Wal jala  awwachun bakka iyyuu dirmate

 

Kan qabsooti jiran hirreen haa jabatu

Hunda wareegaman seenaan haa yaadatu.

Qabsawaan ni kufa qabsoon itti fufa.

Gadaan gadaa bilisummaa ti !!!

 

Injifatnnoon Uummata Oromoof !!!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …