FILMAATA ITOOPHIYAA KAN BARA 2020: OROMOON ITTIQOPHAA’EE JIRAA?


Berhanu Hundee tiin

Guutumaa guutuutti jijjiiramni argame jedhamuu baatus, biyya Itoophpiyaa jedhamtu tana keessatt, ji’oota muraasaaf qilleensi jijjiiramaa mul’achaa ture. Haa ta’u malee, qilleensi kun rakkoolee biyya tanaatiin amma waan xuraa’aa (polluted ta’aa) jiru fakkaata. Asirratti gaafiilee gurguddoo lama kaasuun barbaachisaa dha. Inni tokko, Maaliif guutumaa guututti jijjiiramni argame jedhamuu hin dandeenye? yoo ta’u, inni lammataa Qilleensi jijjiiramaa kun akkamitti xuraa’aa jira?  kan jedhuu dha. Gaafiilee kanaaf deebii osoo hin kennin dura waan bu’ura ta’e tokko laaluu fi hubachuun dirqama ta’a. Jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiifamus, amanamus amanamuu baatus, jijjiiramni kun wareegama ulfaataa uummatni Oromoo ittikaffaleen aragme. Qabsoo hadhaawaan uummatni Oromoo hanga har’aatti godhaa ture fi jiru akkuma jirutti ta’ee; lubbulle Ilmaan Oromoo kuma shanii ol ittdhabametu jijjiirama kana fide. Kun dhugaa Addunyaan beektuu dha. Gabaabumatti, Oromootu Wayyaanee jilbiiffachiise injifannoo kana fide.

Gara gaafiilee ka’aniitti deebi’uuf, abbaan qabsichaa fi injifannoo uummata Oromoo ta’ee osoo jiruu, Oromoodhaaf garuu guutumaa guutuutti jijjiiramni ykn bu’aan argame jechuu hin danda’amu. Gaafiileen uummatni keenya keessumaayyuu kan Qeerroon Oromoo gaafachaa turan tokkollee hanga ammaatti deebii hin arganne. Bu’aa argachuun hafee, uummatni keenya nagaan bahee galuu fi nagaan jiraachuu hin dandeenye. Uummatni Oromoo lakkoofsi miliyoona gahu qabeenya fi qayee isaaniirraa kan buqqa’an erga jijjiiramni kun mul’achuu calqabee as ture. Namootni uummata kana keessaa bahan taayitaa olaanaa argatanii biyya tana bulchaa haa jiran malee, dararamni uummata Oromoo har’as bulchinsa isaanii jalattis hin dhaabbanne. Uummatni keenya hidhamaa, ajjeefamaa; dubartootni keenya har’as haala sukkaneessaa ta’een gudeedamaa jiru. Eessaree jijjiiramni argame? Waanuma Wayyaanee jalatti ta’aa turetu hara’as ta’aa jiraa mitii?

Dhimmoota muraasa ta’an tokko tokko akka fakkeenyaatti kaasuuf, gaafiin Afaan Oromoo Afaan Federaalaa akka ta’u fi dhimmi Finfinnee deebii argachuu hin dandeenye. Waayeen Finfinnee siriidhaa dhimma baay’ee rakkisaa fi sodaachisaallee ta’aa jira. Finfinneen qabeenya Oromoo fi qama Oromiyaa waan taateef, gaafiin Finfinnee gaafii du’aa fi jireenyaa ti. Diinoota keenyafis akkasuma. Du’anii lafa kanarraa dhabamu malee, Finfinneen Oromiyaa jala akka galtu fi abbaabiyyummaan Oromoo akka mirkanaa’u hin barbaadan. Haalli kun immoo garamitti deemaa akka jiru hubachuun rakkissa hin ta’u. Warri Finfinneen kan keenya jedhan, gaafii kana kaasuu qofaa osoo hin ta’in Qeerroo isaan bilisoomsellee akka diina tokkoffaatti laalaa jiru. Waraana nurratti labsaa jiru; albee nutti qarachaa jiru. Jijjiiramni argame jedhamu kun tarii isaaniif argamee ta’uu mala. Isaantu bilisoome malee, Oromoo fi Oromiyaan hin bilisoomne.

Diinotni QBO, keessumaayyuu warri sirna durii dulloomaa fi tortoraa sana deebisanii uummatarratti fe’uu barbaadan, gaafii Finfinnee qofa kaasaa hin jiran. Sirna Federaalisimii kan amma jiru kana diiguu barbaadu. Qeerroo jijjiirama kana fide fi warra karaa kanaan taayitaatti dhufan hundaa, balaaleffachaa; walumaagalatti uummata Oromoorratti duula labsaa jiru. Jijjiirama wareegama Ilmaan Oromootiin dhufe kana akka hin ceene godhaa jiru. Isa kanatu gaafii lammataa armaan olitti ka’etti nama geessa. Humnoota kanatu qilleensa jijjiiramaa xureessaa jiru jechuu dha. Humnootni kun Afaaniin wacuu qofaa osoo hin taane, lafa jalaan karaa danda’amu hundaan wal ijaaraa fi human isaanii cimsaa jiru. Filmaata dhufuuf deemu kana yoo xinnaatee xinnaate Finfinnee keessatti akka injifachuuf deeman dhaadachaa jiru. Oromoon garuu dubbii tana waan tuffate fakkaata. Diina ofii tuffachuun sirrii miti; injifatamuutti nama geessuu danda’a.

Egaa, erga kun hunduu jedhame booda, gara gaafii mata dureetti deebi’uuf, filmaata qofaa osoo hin taane; waanuma nutti deemaa jiruuf Oromon qophaa’ee jiraa? Ana natti hin fakkaatu. Maaltu shakkii kanatti akka na geese ibsuun yaala. Sababni inni guddaan rakkoolee nu keessa jiran hiikkachuu dadhabuu keenya. Diinota alaa qofaa osoo hin taane, diinota keessaatiin sakaalamuu keenya. Diinotni keessaa immoo dhalootuma Oromoo ti. Warruma dhiiga Oromoo ofkeessaa qabanii fi fedhii biyyoolessaa Oromootiif dantaa hin qabnee dha. Warri quuqama uummta Oromoo qabanis waliigalanii wajjin hojjechuu fi tumsa waliif ta’uuf waan carraaqan hin fakkaatu. Taa’aniituma quba walittiqabuu filatu malee, akkamitti humna Oromoo cimsinee diina keenya fuuldura dhaabbanna waan jedhurratti hojjechaa hin jiran. Dhukkubni gandaan, naannoodhaan, amantii fi ilaacha siyaasaatiin walqoqqoodu sun har’allee hin jijjiiramne. Akkuma ittifufetti jira.

ABO fi DhDUO (PDO) jidduu lolli calqabame dhaabbachuu hin dandeenye. WBO mooraatti galchaatii nagaa buusaa jechaa gara biraatiin shirri hojjetamaa jira. Jaarmayootni Oromoo bioyya alaatii galanis bobaa PDO (DhDUO) jala seenanii taa’aa jiru. ABO laaffisuuf shirri adda addaa hojjetamaa jira. ABOnuu mataan isaa soca’aa waan jiru hin fakkaatu. Akka dhiibbaan isaanirra jiru naaf galullee, gadi bahanii rakkoolee isaan qunname uummatatti himaa hin jiran. Silaa uummatnuu ni beeka jedhanii waan callisan fakkaata. DhDUO keessa namoota ykn gareelee muraasa ta’antu jijjiirama kana barbaadu malee warri hafan dhaaba kana keessa dhokatanii OPDO dur sanatti deebisuuf ciminaan hojjechaa waan jiran fakkaata. Rakkooleen keessa keenyaa baay’ee walxaxaa fi kana birallee dabree yaaddessaa ta’aa jira. Diinotni keenya immoo haala kana hubatanii carraa kanatti fayyadamaa jiru. Qaawwa argatan hundatti fayyadamuudhaan nu keessa seenanii addaan nu hiruu yaalu. Isa kana milkeessuuf waarra meeshaa isaaniif ta’u argachuun isaan hin rakkisu.

Haalli uummatni keenya keessa jiru fi sadarkaa qabsoon Oromoo irra jirtru kan nuti yaadnu caalaa rakkisaa fi hedduu yaaddessaa dha yoon jedhe dubbii oo’isuu hin ta’u; kun dharas miti; waanuma lafarratti argamuu dha. Haala kana keesatti bakkee qophiiin hin godhamin keessatti filmaata akkamiitu godhamuuf deema? Filmaata kana eenyutu injifachuu danda’a? Osoo Oromoon rakkoolee keessa isaatiin xaxamee jiruu, diinni Oromiyaarrtti nu moo’achuuf qophaa’aa jira jechuu dhaa? Filmaatumti dhufuuf jiru kunuuyyuu akkamitti ta’uu danda’a? Bu’aa eenyuutiif jedhameeti godhama? Eenyutu carraa kanatti fayyadamuuf deema? Seenaa biyya tanaa keessatti yeroo hunda qaama hin beekamne fi humna hin eegamnetu aangootti dhufaa ture. Ammas carraa akkasiitu uumamuuf deema jechuu dhaa? Oromoon afaanumaan waayee filmaataa haasa’aa jira moo dhugumatti kanaaf ofqopheessee jira? Ittiqophaayee jira moo carraan kunis kan alagaa fi diinaa ta’uuf deemaa?? Waaqayyo/Rabbi haa beeku!! Hubannaa nuuf haa kennu!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Lammaffaa – Berhanu Hundee Barreeffama marsaa lammaffaa kutaa tokkoffaa keessatti …

Yaada kanaaf deebisaa kenni