Oduu Haaraya

Filannoo fi Itoophiyaa (Kutaa 3ffaa)

Duula na filadhaa

Duulli na filadhaa kan filannoo 2005/1997 fi kan 2010/2002 wolbira yo qabamu Waaqaa fi lafa. Bara 2005 duula akka fedhanitti gabaa keessatti gaggeessaa turan, bakka mana amantii fulduratti gaggeessuun hin dhoorkamu ture. Duulli falmii ETV irratti godhamuu kaasee baayyee kan daangeffame.
1. Yeroon duulli gaggeeffamuuf eeyyamame baayyee gabaabaa ture. Bara2005/97 waaee filannoo kan haasawamuu qabe woggaa tokko filannoo duratti ture. Uummati akka kaardii fudhatu fi filatu miidiyaan kakaasaa ture. Bara 2010/2002 sun hin turre. Uummanni akka filatu beeksisnille hin hojjatamne. Kun kan agarsiisu mootummaan fakkeessuuf malee filannoo gaggeessuufuu fedhii kan hin qabne ta’uu isaa ti.
2. Falmiin paartilee jiddutti gaggeeffamulle 2005/97 live ture. 2010/2002 garuu woraabbamee kukkutamee darba ture.
3. Bara 2005/97 ADWUIn dabballoota isaatiin filannicha bilisaa fi dimookraatawaa goonaa kanaafuu namni tokkolle akka filannoo kanarratti gocha yakkaa hin raawwanne jedhee barsiisee ture. Dabballootasaa kan adeemsa filannoo gufachiisan ykn mormitootarratti yakka raawwatan hidhaa ture. Bara 2010/2002 garuu “namni aanaa keessan keessatti mormitoonni moo’atan hujiirraa akka ari’amtanu beekaa. Ofiif jedhaa hojjadhaa” jechuudhaan gara’aan-bultoota banee gallakkise. Garaan bultoonni kana dhage’an bakka cufatti uummata sossodaachisuu fi karaa cufuu itti fufan. Kaadhimamaa mormitootaa maaniif nagaya fuutan? Sadarkaa jedhurra geyan. “Maaliif bulchitan?” Waan inni qabu (meeshaa inni qabu) maal beektan? jechuudhaan sadarkaa sanitti gad bu’an. Karaa danda’an cufaan akka mormitoonni duula na filadhaa hin goone gufuu uuman. Pamphlet nu bittimsinulle akka uummata bira hin geenne ijoollee didiqqoon akka guurtu godhan. Daaimmaaniin beesee isinii kenninaa guuraa fidaa jedhanii bobbaasan.

Keessattu yo naannoo magaalaa taate malee naannoo baadiyaatti akka duula na filadhaa hin goone gufuu guddatti na qunname.
1. Matooma haga dande’anitti guyyaa adhaa duula godhuu hin dandeettu jedhanii si dhoowwu
2. Naannoo kun naannoo gabayaatii kanaaf magaala keessaa bahi siin jedhu. Mana barnoota jira, biiroo /waajjirapoolisii fi kkf jira, mana amantiitti jira fi kkf jedganii magaala keessaa akka ati baatuu si godhu. Kana wanti godhaniif uummati bakka san si faana hin deemu jedhaniitu. Yeroo baayyee garuu uummati km tokkoo ol deemee magaalaa alatti bayee nu caqasaa tureera. Jiddoolatti bulchaan gandaa gaafasii Soorsi Jiloo “laud speaker dhaan uummataaf yaamicha godhuu hin dandeessu”jedhee hidhattootaan na dhooggaa ture. Haraqallotti ammoo naannoo gabaatti duula godhuu hin dandeessu jedhanii na rakkisaa turan. Waadarattille akkasuma.Gannaaleen ammoo isumaa xaalayaa guyyaa ardhaa “Gannaaleetti akka duula goitu siif kenname fidi” naan jettee na gaargalchaa oolte. Gurbaa na woliin jiru ka speaker naaf qabatee jiruu gi shofera na jalaa hiite. Worri Nuuraa Humbaa ammoo adoo an kakaasii godhuu mucaa motooraan na fide hidhanii dhaanamii asii badi jedhanii ari’an.

Wolumaagalatti Filannoo fi dorgomuun lubbuu ofii gurguruu dha. Gaafa tokko duuluma kana gaggeesduuf gara Haafhaa-Dhaddachaa adoo deemuu hidhattoonni karatti na eeganii yaalii ajjeechaa narratti taasisan. Kanaafuu filannoofi dorgomuun keessattuu yo ati nama hubannoo qabu taate, nama uummanni fhsga’u taatee nama isaan sodaatan taate qabsoo hidhannootii gadii moti. Carraan ajjeefamuulle guddaa dha. Kanumaaf kan gurbaan gootni Arsii Nageellee Tasfaayee Adaanee fa kan ajjeefame.

Bu’aa fi miidhaa
Filannoorraatti hirmaachuu fi kakkaasii tolchuun bu’aan guddaan inni qabu
1. Uummataaf hubannoo kennuu ykn Uummata dammaqsuu. Yeroo san keessatti barreeffama adda addaa sirritti raabsuu fi qonnaan bulaa biraan ga’uu fi barsiisuu dandeessa.
2. Carraa santi fayyadamtee uummata sochii/mormii karaa nageyaatiif qopheessuu dandeessa.
3. Oromo-Biyya guutuu keessa dhaamsa jajjabaa fi wolfakkaataa dabarsuu dandeessa.
4. Dammaqinni uummataa yo dabalee fi boordiin filannoo yo xiqquma isii haqaan hujatuu yaalan filannicha moo’uu dandeessa. Yo saamanille ni saaxilta.
Qabsoo hin dandeenyu kedhanii hin taa’anu. Waan danda’an godhan malee. Karaa danda’an cufaan sirna abbaa-irree raasuun barbaachisaa dha.

Miidhaan gahu woreegama baayyee gaafata. Uummanni hedduun “mootummaan qawween dhufe filannoon hin bu’u” jedhee xiyyeeffannoo waan hin kennineef ijaarsi hanga barbaadame hin deemu.
Kanaafuu uummanni keenya jala qophaawee filannoo dhufu kana keessa ergaa barbaannu karaa OFC tiin uummata bira akka gayu gochuu qabna. Duula kakaasii sirritti itti fayyadamuu qabna.
1. Uummanni filannotti hirmaatee mormituu isaaf taatu akka filu kakkaasuu
2. Mormitoonni illee cimanii akka uummata dammaqsan keessattuu dubbii MASTER PLAN sanii fi ajjeechaa reebichaa hidhaa ijoollee keennaa fa akkasuma dhiibbaa mirgaa amantiin wolqabatee ture sirritti itti fayyadamuu qabu. Kanaafuu yaadaa fi maallaqaan isaan jabeessuu qabna.

3. Yo mootummaan sagalee hate amm
oo “hattee hin galtu; Hin baatu” jedhuunii qaba uummati. Event Filannoo sun bakka cufarraa yeroo tokkotti finciluuf carraa guddaa uuma waan ta’eef itti fayyadamuu qabna.

Horaa bulaa deebanaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Awustaraaliyaa; Xiyyarrii magaala Melbourne irra gadi siqee balali’uun barrefama mormii #OromoProtests fi Kaneen biroo qabate bararuufi

Seenaa qabsoo Oromoo ilmaan Oromoo biyya Ormaati godha jiran keessatti mormiin Hawaasni Australia Melbourne gochuuf …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *