Oduu Haaraya

Faajjii Qabsoo Oromiyaa bifa addaan itti fufu

Faajjii Qabsoo Oromiyaa bifa addaan itti fufu

Ibsaa Faajii
A. Urjiin kudha tokkoon odaa marsanii jiran, caasaa bulchiinsa (provincial Administration/Oromian states) mootummummaa Oromiyaa kan argisiisaniidha. Isaan kunis:
7. Iluuabbaabooraa
9. Wallagaa
10. Walloo, fi
11. Oromoo Oromiyaa ala jiraatan (Oromon Diaspora)
B. Urjiin odaa marsanii jiran abbaa qara shaniiti, isaanis kan bakka bu’an
1. Bilisummaa: Sirna bittaa mirga dhala namaa dhiitan irraa seerri addunyaa akka ibsutti bilisummaa gonfachiisuu ta’a
2. Walanummaa: dhiibaa qamaa kami irraa, dhiphummaa irraa, mirga dhala namaa dhiibuu irraa, jallinaa dalaguu fi kan kana fakkaatan irraa walaba ta’uu ibsa
3. Walqixxummaa: dhala namaa kan ta’e hundinuu sadarkaa dinagdee malee, saalaan qoodamuu malee, amantaa malee, jireenya hawasummaa fi kan kana fakkatan irraa walba kan ta’e fuula seeraa duratti walqixumaa qabaachuu argisiisa.
4. Tokkummaa: Oromiyaan tokko, sabni Oromoo tokko, Afaanni Oromoos tokko. Kana malees Oromoon saba naannoo isaa jiruu wajjin tokkumma uumee jiraachuu isaa kan argisiisuu dha.
5. Nagaa fi Jaalala: Biyaaf, sabaaf, dinagdeef, siyaasaaf, fi hawaasummaadhaaf nagaatti amanuu ilaala. Rakkoon Oromiyaa keessatti dhalatuu fi saba Oromoo fi sablammii biraa wajjin dhalatuu hundinuu karaa nagaa akka ilaalamu kan ilaalatuu dha. Geggeessaan siyaasaa Oromiyaa keessatti geggefamuu hundinuu karaa nagaa akka ta’u qabuu fi kan filatamu ta’uu isaa kan ibsuu dha. Jaalalli mada waliin jiraacuu waanta ta’eef, walitti dhufeeny hawasummaa hundinuu karaa jaalaa kan ta’u qabu ta’u isaa kan ibsuu dha
C. Odaa fi Ifa Odaa irraa maddu
1. Odaan kan inni mullisuu, sirna gadaa isa jalqaba dimokrasii ta’e kan ibsuu dha. Wajjirri abbaa gadaa iddoo gaaddisa qabeessa akka ta’e akkasumas sirni dimokraasii Oromiyaa keessatti hundeeffamu hundinuu madda gaaddisa kanaa ta’uu akka qabu kan ibsuu dha.
2. Ifni Odaa kana irraa maddu kan argisiisu: Sirni demokraasii gadaa jalqaba ifa guca demokraasii addunyaa (Planet) kana ta’uu isaa kan ibsuu dha. Yeroo itti addunyaa akkaataa biraan bula ture keessatti, uummanni Oromoo yeroo yeroon kan jijjiramuu ‘political party’ sirna demokratwaa ta’een geeggefachuu turuu isaatiif kunis immoo ifa guca demokrasii addunyaa ‘planet’ keenyaa ta’uu isaa kan ibsuu dha.
D. Halluu diimaa, magariisa diimaa: Halluun kun mallattoo druaan sirna gadaa Oromoo geggeessuf kan laatamu waanta ta’eef halluun kun faajii biyya Oromiyaa kan argisiisuu dha. Halluun kun dhaabbata siyaasaa YKN gadaa tokkoo wajjin kan walitti dhufu miti. Itti dabalaan halluun kun kan argisiisu, qabeenyi fi badhaadhinni Oromiyaa (halluu magariisa) yoomiyuu kan inni egaamuu/kunuunfamuu qabu gatii baasuu dhaan (halluu diimaa) ta’u isaa ibsa.
Ijjifannoon kan qaama dhugaaf falmuu hata’u!
WBTG

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …