Ergamtuun sirna dabree duraanii (OPDO) Allabaa Oromoo qabatanii bahuun dhwwaa jetti

Jawaar Mohammadiin

Alaabaa Minilik waajjiraalee mootummaa federaalaa keessa mitmirsaa, alaabaa qabsoo Oromoo gootonni kumaatqmaan itti wareegamanii biyya bilisoomsanii angotti isin baasan ayyaana Oromoo irraa ugguruuf yaaluun fafa !! Ganama kana namoota Fiigicha Irreechaatiif dhufan irraa huccuu alaabaafi faajjii qabsoo Oromoo muldhisan irraa guuraa akka turan hubannee jirra. Kun sirrii miti. Tarkaanfiin akkanaa gaafa irreechaa yaalamnaan jeequmsa guddaa uuma. Abadan Oromoon alaabaa qabsaa’onni kumaa kitilaan jalatti wareegamanii asiin nu gahan hin dhiisu. Kanaafuu mootummaan dubbii barbaaduu kana dhiisuu qaba. Qaamota nageenyaafis tarkaanfii akkanaa irraa akka of qusatan qajeelfama ifaa dabarsuu qaba.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Obboo Lammaa Magarsaa maalif Angoorraa kaafaman?

Dubbiin aangoo prezidaantummaa BMNO irraa kaafamuu #Obbo_Lammaa_Magarsaa wantootota dhokfamanii hambifaman hedduu akka qaban wantoota ta’aa …

Yaada kanaaf deebisaa kenni