E B O L A

Dhukkuba hamaa
nurraa qabi “Ebola”
Addunyaan dadhabdee
sihi abbaan falaa
Dallansuma teetii
dhibdee mitii balaa
Irraa nu baraarii
nu baasi mee jalaa!

Gurra namuu gahee
addunyaan hasaastee
Qorichasaa barbaada
oliif-gadi xaartee
Hundinuu dadhabee
afaansaa qabatee
Nuti sitti irkannee
nurraa qabi Gooytee!

Suma harka jiraa
furmaanni waa maraa
Mootiin hundaa sihi
siitu muddaa furaa
Jalaa nu oolchi
dhibdee namaaf farraa
Nurraa eegi ati
yaa mootii mootirraa!!
__________
Najiib Zannuun

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO: Kutaa Shanaffaa

                                                                              Taammanaa Bitimaa irraa DURADUBBII Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, barreeffata kana kutaalee dabran …

Yaada kanaaf deebisaa kenni