“Duumeeysaa rooba fida – roobaa badhaadha fida,” ja’u.

Ebla 30, 2020

Abbaa Urjii tiin:

Kuni gaafa
jiruu fii jireenyi lammii dhunfata isaanii jala ture, gaafa uumamni
(nature) sadoo fii gammachuun hawaasa badhaasu. Ee! Gaafasumaa,
ali-ali/yaroo-garii duumeeysi qe’eerraa ni dhabama. Duumeeysi
dhabamnaan roobni ni hanqata. Roobni hanqannaan boolla midhaanii
banatu. Bonni walitti dhaabbatee midhaan boolla ifii keessaa qaban yo
fixan kan gandaa, san dhumnaan kan gosaatti abaar bahu. Kana
dabarraan, “Maganeey magan!” tu dhufa. Meeyra jiidhaa qabatanii,
“Maganeey magan!” jechaa hujuba dhaqanii qoma qulqulluun
Maganoo (Uumaa) kadhannaan, alasuma Leeymoon jirkaa roobaa
waaqarraa gadi harcasee, namaa-sa’aa fii mukaa-citaa dheebuu baasa.”
Ja’an, dur…, dur…, odoo warri uumaa fii uumamaaf kabajaa hin qabne
lammiirratti hin abboomin; Hujubni Qullubbii Galma Gabreelii-tti hin
geeddaramin.
Ummanni keenya gaafa Mambultii Sirna Gadaa/Raabaa Doorii tan
Mootummaa Ummataa (Republic) tiin if bulchaa turan, namaa-sa’aa
bira kutanii mukaa-citaaf mirga jireenyaa, kan uumaan kenneef,
kabajaa fii turan. Yakka fedheef lubbuu namaa hin galaafatan.
Bineensa hin ajjeesan. Kan Waaqni qalee malee ifiif gurra’anii hin
nyaatan. Muka jiidhaa hin muran. Bobeeysaaf kan dhimma itti bahan,

meeyra lataa (lubbuu qabu) odoo hin taane, muka goggogee qoraanawe
qofa. Akki kuni, baroota kumootaaf jiruu nagayaa, sadoo, quufaa fii
qananii tiin isaan badhaase.
Badhaadhinni ummata Oromoo kuni, dhufiinsa sirna gabrummaa
Minilikiin fiixeensa aduun itti baate tahe. Biiyti nafxanyootaan
weeraramtee, ummanni sirna wal-qixxummaa kan beekuun adda bahee,
bulchiinsa nyaaphaa kan afaanii fii aadaa isaa hin beeyne jala seene.
Dimshaashatti, Nafxanyaan Gooftaa – Oromoon Gabbaarii (Gabra)
tahe. Gabrummaan ummata jiruu nagaya, sadoo fii qananiin adda
baaftee, tan shororkaa, araraafamaa, hiyyummaa, dhukkubaa fii
wallaalaa jala nayxe. Haala jiruun gabrummaa isaan mude lammiin
akka armaa gadii kanatti goolaban.
“Gadaan bannaan hayni yakkate,
Sobni dagaagee dhugaan dhokote.
Nafxanyaan dhufnaan sadoon badde,
Kormi arihee dhalchuu dide.
Namni ilmaan horuu dadhabe,
Kan dhalatu naafaa-jaamaa tahe.
Midhaan facaasan biqiluu dide,
Inni biqiluus barakhaa dhabe.”
Seenaan sirna wal-bulchiinsa Habashaa faallaa kan Gadaa ti. Isaan
biratti, Mootummaa Ummataa wanni ja’amu hin jiru. Kan jiruu fii
beekkamu, Mootii fii Gabbaarii (Gabra) ykn Abbaa Irree fii kan mataa
gadi cabsatee jalatti bulu qofa. Akka heeraa fii aadaa Habashaatti,
hawaasni kan gaggeeffamuu qabu kan ifiif, if keessaa, filateen odoo hin
taane, kan irree horee Mootii if moggaasee ni. Kan Mootichaa fii
bulchiinsa isaa hin jaalanne, naannoo sanirraa baqachuu ykn
shiftummaan kan aangoorra jirutti duulee, humnaan irraa buusee, ifiif
aangoo gonfachuu dha. Haala kana gaafa ካሳ ሃይለ ጎርጊስ shiftummaan
aangoo gonfatee አፄ ቴድሮስ moggaafate,
ሽ ፈረስ ከኋላው ሽ ፈረስ ከፊቱ
ይህን ሳታይ ሞተች ኮሶ ሻጭ እናቱ ja’amee seenaaf galmeeffame.
Hawaasa akka olii kanatti, shiftummaa aadaaf qabu keessatti, ummata
malees, uumamni nagaya dhaba. Nagaya dhabiinsi shororkaa walitti
dhaabbatteen namaa-sa’aa abaariif qaadhima. Kanaaf, ummanni

Habashaa takkaa abaariin adda bahanii hin-beekan. Mirkanii kanaa tiif,
abaar bara 1535 Futuh al-Habash galmeesse-rraa kaasee, kan baroota
1540, 1611, 1623, 1634, 1650, 1653, 1678, 1700, 1702, 1742, 1752,
1783, 1789, 1796, 1800, 1829, 1835 fii 1880 mudatan ja’amee seenaa
keessatti galmeeffaman tarrisuun ni dandayama. Abaar kuni kan
mudate, odoo ummanni naannoo sanii, gariin lafa gammoojjummaa
qabdu keessa qubatan, quufaan jiraatanii ti. Yo sirritti xiinxalame,
abaar kuni, naannoo mudatetti, jijjiirama mootii ykn dhufiinsaa fii
kufiinsa mootota Habashaa tiin wal-qarqabee arkama.
Gaafa Minilik Oromiyaa fii naannota biraa tiis dhunfatee Xoophiyaa
uummate, biiyti tuni, Faranjootaan, biyya zambiila daabboo tan Afrikaa
mara beela baaftu (The bread basket of Africa) taa ti ja’amtee turte.
Garuu, kaayoon Qaallichaa tan biyya zarafuu fii lammii gabra
godhachuu, akkuma ummataatti, uumamni niis ganamumaan dura
dhaabbate. Akkuma lola Canalqoo kan 1887-rraa hara baafateen, abaar
kufiinsa mootummaa isaa farrisu, bara 1888-rraa kaasee hamma 1892
jidduu, biyya dhunfate. Abaar Faranjoonni (The Great Famine of
Ethiopia) moggaasaniif kuni, baroota afuriif biyyattii-rraa rooba
hanqisee, mukaa-citaa goggoysee, namaa-sa’aa lafarraa duguuge. Akka
galmeen seenaa ibsitutti, ummata biyyaa kan gaafasii keessaa harka
sadihirraa tokkoo (1/3) tu dhume. Abaar mootummaa Habashaa faana
deemu kana dura, hawaasa biyya Oromoo keessatti abaar seenaa
galmeeffatee hin beeku.
Dallansuun uumamaa kuni, ayyaanaa fii feestaa guddaa gonfata
mootummaa (coronation) -iif Minilik qopheeyfate duraa ukkaamse.
Abaarsi uumamaa Minilik jalaa san qofatti hin hafne. Abaar bara 1913
tiin du’a isaa farrisee, Muddee 12, 1913 adunyaarraa galche. Yaroo
tanaas, akkuma feestaa gaafa mootomuutti, awwalcha isaa irraa hiis
ulfina fuudhe.
Haaluma kan Minilikitti, mootomuu Hayle Sillaasee kan bara 1930-tiis,
uumamani abaar cimaa bara 1929-ii, kan mootummaa-rratti fincila
guddaa kaaseen simate. Simannaa kanaan jalqabe itti fufuun, bara
1958, abaar biyya Tigree keessatti lubbuu namaa 100,000-a ol
galaafateen, fincila General Mangistuu Naway kan bara 1960-ii itti
kaase. Sanitti aansuun, bara 1966 keessa, abaar Gojjaamii fii Gondaritti
Amaara lafarraa duguugeen mootummaa isaa doorsise.

Amata torba boodaas, bara 1973, jeejee (abaar) Jonathan Dimbleby,
gaazexeessaan biyya Ingilizii Abaar Dhokote “The Hidden Hunger,”
moggaaseef ummata Walloo 400,00 – 800,000-i lafarra duguuge.
Baashee-n (Abaar) kuni, akkuma kan isa duraatti, Birraa 12, bara 1974,
Hayle Sillaasee jalaa sireen fuudhamuuf sababa tahe.
Abbar sanitti aanee kan dhufe, kan bara 1983 – 1985 ti. Abaar kanaaf
Faranjoonni maqaa “The worst famine to hit the country in a century”
moggaasaniif. Kan kana ja’aniif, miidhaa abaarichaa kan gaafa Miniliki
biyya dhunfate waliin walitti madaalanii ti.
Dallansuun uumamaa kuni, iccitiin isaa Dargii jalaa futtahee, gurra
hawaasa adunyaa seenee, gaafa dirmachuu arkatetti, abaar qaata hidda
hidhate. Lafa Tigree, naannoo abaar itti bu’e, warra dura dhaqan
keessaa gaazexeessaan BBC, Michael Buerk, “a biblical famine in the
20th Century” fii “the closest thing to hell on Earth” jechuun adunyaaf
gabaase. Gabaasaan isaa hawaasa adunyaa mara garaa raase. Gargaarsa
gaaga’ama abaar kanaa tiif, mootummoonni waan dandayaniin tarree
galan. Warri amantii galmoota aabudaatti safii gargaarsaa
miseensotarraan deeman. Wallisoonni babeekkamoon kophaa fii
walotti walleelee baasanii horiin guuran. Joolleen Faranjii, liiraa warri
karameellaan akka bitatan kennaniif daa’imman beelaan dhumaa jiraniif
gumaachan.
Abaar kuni, lubbuu namoota 1,000,000 (miliyoonaa) fudhate ja’ama.
San malees, miliyoona saddeetii ol miidhuu tu gabaafame. Sanirraan,
akkuma aadaa abaar dabraniitti kufiinsa mootummaa saffisee, Caamsaa
28, bara 1991 Dargii achi buutee miila Bakhar taasisee, shiftoota
Tigree (Wayyaanee) maqaa ኢሕአዲግ (EHADG)-iin siree aangoo-rratti
ol yaase.

Wayyaaneen bulchiinsa mootummaa biyya sanii dhunfachuun,
goolabbitti, waraabeeysa beelawaa bakka kan quufee buuse. Tigroonni
gantoota lammiilee keessaa guurratan ummata dura qaqqabaa, kan
mormuun ajjeesaa fii hidhatti araraasaa, akka waraabeessa lafee
arkatetti qabeenya biyyaa qoqorutti seenan. Daggala ibidda itti
qabsiisanii, dachii isii sooreeyyii alagaatti gurgurachutti bobbahan.
Lafa baadiyyaa tii fii tan naannoo magaalotaatti dhihaattu qubataa irraa
kaasanii saaqatti jijjiirrachuu karoora godhatan. Akki isaanii kuni, odoo

olee-hin-bulin, ummata malees, uumamaas arkaa dhageeytii isaanii
jibbisiise itti fincilsiise.
Fincila ummataa fii uumamaa kan guyyuma-guyyaan ilkee itti
ciniinnatu irra-aanuuf Wayyaneen ijibbaata cimaa goote. Kan biyya
keessaa ajjeechaa fii zaliilii hidhaa tiin ukkamsaa, kan alaa itti tiillatu
gunaan itti bobbaate. Ummata biyyaarraa lafa fuudhaa kan alaatiif tola
raabsutti seente. Akka waan biyya ifiirraa baqachuun faayaatti,
baqatootaaf, “Guyyaa Diaspora (Baqataa)” jechuun ayyaana
qopheessitee, noolii xayyaaraa irraa baaftee, hoteela bilaashii fii
bashannana adda-addaan tiin qananii dura afte.
Duuba, bara 2016, yaroo Wayyaaneen baqattoota fanxaziyaan
macheessitu, jaarmayni Gamta Mootummootaa (UN) Xoophiyaan
goggogiinsa hamaa waggoota 50-n dabranii “worst drought in 50
years” -tiin abaariif akka saaxilamaa jirtu gabaase. Kanaas, yaroo tana,
naannoo gariitti, duruu, lammiin miliyoonaan lakkaawaman bishaan
jiirkaana tokko barbaacha amna cinaa guyyaa akka deemaa jiran
beeysise. Sanirraan, daa’imman miliyoona jahaa ol waan nyaatanii fii
dhugan dhabanii booyaa jiraachuu fii, san keessaa miliyoonni duruu
laaw’atanii harka Waaqaa seenuu ibse. Kana malees, beeyladoonni
waan dheedanii fii dhugan dhabanii akkuma raaretti bobbaafamaniin, ol
deebi’uu dadhabanii, kumaatamaan dirree goggooyduu keessatti
dudu’aa jiraachuu suuraan mirkaneesse. Haalli kun, iccitii abaar kan
Wayyaaneen olola misooma kijibaa tiin ukkaamsuu barbaadde duraa
saaxileessuu malees, akkuma kanneen isa duraatti, kufiinsa
mootummaa farrisee, Biteeteessa 27, 2018-rraa Maqaletti darsa
guurrachiise.
Akka seenaan armaa olii ragaa bahutti, bu’ureeffama isii, 1887-rraa,
kaasee kan shororkaa walitti dhaabbattee fii abaar ammaa-ammaa tiin
biyyattii nagaya, tasgabbii, guddinaa fii badhaadhina waakkate Sirna
Bulchiinsa Abbaa Irree ti. Duuba, wal’aansoon dhiiga kumaatamaa tiin
Wayyaanee bulchiinsa yaroo dheertuu tiif if muudde aangoorraa ariite,
hiree fiixa bashiinsa kaayoo isii, gantoota isii waliin ummata araraasaa
bahan, kanneen aangoon harkatti haphachuu-rraa duuyda-itti-galan,
harka nayxe.
Jarri, Gareen EHADG, kanneen qabsoon ummataa Wayyaanee jalaa
bilisoomsitee aangorratti baafte/hambifte, cubbuu jaraa waliin

hojjachaa turan irraa toowbachuu dhiisanii, aangoo carraan harka
nayxetti cichuuf, odoo olanii-hin-bulin, gaaffii ummataa, tan uuminsa
Sirna Bulchiinsa Dimokraasii, akkuma Dargii fii Wayyaaneetti,
dhaadannoo tooftaa godhachutti seenan.
Gama biraa tiin, dhaadannoo fii maqaan ummata sobuuf kan
Wayyaneen baafteef ifirraa mulqanii ብልጽግና moggaafatanii, akkuma
warra isaan duraatti, kan harka dhawuuf dachii, mana, horii, sulxaa fii
kkf tiin gunataa, kan fuula itti guuru hidhatti guuraa, kan dura
dhaabbatu daammacanii aangorra turuuf marxifatanii ammaa-amma
wal leenjisaa jiru. Dammaqiinsaa fii murannoo ummanni yoona qabuun
kana yaaduun isaanii raajii raajotaa ti.
Ee! Ijibbaanni ብልጽግና biyyatti shororkaaf ummata abaariif ni
qaadhima. Saniin alatti, amma booda, biyya san keeysatti, fedhii
ummataa malee, irree fii tin’isni fedhe aangoo nama hin hin horsiisu.
Kufiinsaa fii fuula dhaddacha ummataa dura dhaabbachuu irraa hiis
nama hin eewalu. Gabaa!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

abbaaurjii@gmail.com

Hub: Barreeyfamni kuni, barruu shuqullii barwaana Hidhata Abaarii fii
Mootummoota Habashaa tiin Ebla 24, 2016 maxxanfamtee ti.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabeenya Oromoo Dinquu moo Alamuddiintu saamaa jira?

Aalamuddiin warqii Gujii, Shaakkisoo baasee akka fedhetti osoo gurguratuu ; ummata naannoo sanii gargaaruu mitii, …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *