Oduu Haaraya

Duuli duguugiisa shanyii kan qaccee dhaloota Oromoo fuulleeyfate ammaas bifa haarayaan geggeeyfamaati jira.

Duuli duguugiisa shanyii kan qaccee dhaloota Oromoo fuulleeyfate ammaas bifa haarayaan geggeeyfamaati jira. Weerarri Wayyaaneen karoorsite kuni akeekni saa Oromoo buqqaasanii onafii qubsuma malee hambisuu, idda saa hortee soomalii qubachiisanii lafa Oromoo Soomaaleeysuu dha. Kana dhugoomsuufis humna addaa kan “Liyyuu Pooliis” je’amuufi hidhattoota naannoo Soomaliitu Ona Qumbii fi Mayyuu qubsuma Oromoo Anniyyaa keessatti bobbaafame. Dhimma kanaratti Oduufii ibsa  ballaa Obbo Abduljalil Abdella fi Obbo Said Mohamed Ali RSO irraa taasisaan,Himata jirattoni lafa sani Aadde Jaallannee Gammadaa waliin taasisan linkii armaan gadi irra qulucaa dhageefadha. Balaa Wayyaaneen ummata Oromoorratti geggeessaa jirtu dhaabuu fi Oromoos gaaga’amarraa eewaluuf maal gochuu dandeenya?
1. Ilmaan Oromoo biyya qubatanii jiraatanirraa Xalayaa balaaleeffannoo barreessanii   gara waajjiroota kanatti aananii erguu: Waajjira Mirga Namoomaa kan Mootummoota Waltahanii (UN Human Rights Office)  Amnesty International, Human Rights watch.US President , EU.
2. Ilmaan Oromoo bakka jiranitti maqaa hawaasa isaaiitiin walyaamanii walgahanii marihatanii hiriira sagalee saanii ittiin dhageeysisan qopheessuu
3. Mediyaan Oromoo hundinuu sagantaa hubannoo ummataa  cimsan  qabaachuu;  haga rakkoon tuni furmaata argattuus itti fufuu.  Kuni Manneen Paltalk Oromootis ni dabalata.
4. Hayyoonni, Beektoonni Oromoo barruulee dhimma kana fuulleeffatanii duguugmaya qaccee dhalootaa garanaan geggeeffamaa jiru saaxilan afaannan gurguddaa addunyaatii barreessuu; dokumentarii  qopheessanii tamsaasuu, conference marii qopheessuu
5. Artistoonni Oromoo aartii dhimma kana ibsu qopheessuu ( wallee baasuu, walaloo, diraamaa, qopheessuu; postaroota maxxansiisuu
6. Jaarmayoonni Amantii (Masgidoota fi  Mataskaanoota) hundatti Waaq kadhachuu
7. Ummata lafa isarraa buqqa’e, Maatii qabeenyi isaanii saamame,gubameefii namoonni irraa wareegaman hatattamaatin dhaqabuu.
Tarkaanfiilee kana fudhannee balaa hawaasa Oromoorratti bargaafate kana faccisuufi hanqisuuf haa tattaafannu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …