Oduu Haaraya

Dur Kilaashii baadheen diinatti qaxxisa, amma CILEE gubeen ilmakoo guddisa..

Dur Kilaashii baadheen diinatti qaxxisa, amma CILEE gubeen ilmakoo guddisa, humnikoo nadhumtee laaftee mogoleenkoo, osoodhuman jooruu fagaatte barrikoo, ganna kudha torbaa lammiikootiif jooree, baddaafi gammoojjii keessaa babbaroodee, diinatti qaxxisee kufee riphee ka’ee, bilisummaaf jecha an waa hedduun ta’ee. Osoon karaa deemuu guyyaansaa wiixataa, miiltoo waliif tanee nu lachuu akka tasaa,

Daandii gabaabsachuuf deemne dudubbataa, Seenaashee naaf himtee haati qabsoo haqaa, imimmaankoo buuseen booye xuruurfataa. Isa tokko dafqee itti xuruurfate, tokko cooma muree booka itti unatee, kan hin dandhabintu itti aara galfatee, qoofee dedeeffataa qophaa’aa sooratee. Sirna Dargii keessaan eegale falmachuu, gabrummaan taa’uurra naaf wayya falmachuu, jedhee manaa bahuun jalqabe qolachuu.

Qarreefi maddiikoo bosonattin gatee, jireenyakoo dhiiseen qabsoo caalchifadhee, dantaakootiif mitii sabaaf dursa laadhee, aduufi qorraanis xoopharee gubadhee, beelaafi dheebuun waadamee yuuyyadhee, bu’aa bayii hedduun keessan tarkaanfadhe. Qabsoon hadhooftuudhaa hedduudha ulfaattii, isheetu nu baasaa daandii bilisaattii, tolaan hin argamtuu qaaliidha dhugaatti, gatiin bilisummaa wareega gaafattii, dhiigaaf lafee cabsuu lubbuus ni gaafatti.

Nan jette onnachaa kan darbe yaadachaa, waa hedduu dubbattee aartee ciniinnachaa, har’a nyaadhee buluuf sabakoo hin gurguruu, rakkadhee daarullee diinaaf hin gugguufuu, ilma daheen qabaa kan qabsoo itti fufu, jira guyyaan biiftuun bilisummaa ifu. Sichi humna hin qabuu an dhalan guddisaa, isin jabaadhaatii mee roorroo buqqisaa, jettee natti dhaamtee an ilman guddisaa. Diinaaf harka kennuun salphina mitiiree ?? Biyyaaf mirga dhabuun qaanidha mitiiree ?? Dukkana gabrummaa keessa jiraachuurraa, biiftuu walabummaa jecha du’uu wayya.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …