Oduu Haaraya

Dullacha Dullachaan Bakka Buusuun Akeeka Ummataa Miti!

Baarentuu Gadaa Irraa//

Dhiitee bariitu ulee ittiin ummata mirga isaaf falmatu reeban
gateettii irra buufatuun, diinaaf ijaa fi gurra tahuun kan sosso’an
hedduu tahuu seenaa QBO irraa hubachuutu danda’ama. Kanneen ejjannoo
diinummaa fi jibbiinsaan masakamanii beekaas tahe wallaalchaan,
dantaan bitamuuiis tahe sodaa irraa diina waliin hiriiruu, diinaaf
hojjatuu fi odeessa dabarsuufii filatan baay’atuun haa jiraatu malee
ummata mirga isaaf falmaatuuf murteeffatee ka’e jilbeenfachiisuu hin
dandeenye.
Qabsoo bilisummaa keessatti jaarmayaa baayifatuu irra tokko
jabeeffatuun wareegama hin barbaachifne hambisa. Ilmaan saba tokkoo
wal dura hin dhaabu. Akeekaan ykn tooftaan adda bahanii wal fendeguu
xiqqeessa. Irree fi humna qoodee diinaaf hiree hin kennu. Kun waan
beekamuuf kanneen dantaa matayyaan hin sobamne, dantaa ummataa hunda
irra caalsifatan, qaawwaa akkanaa hanqisuuf hedduu hojjatan. Kan anaaf
jedhuu filatuuf kun hin fudhatamuuf.
Ummatni Oromoo gabroomuu hubatanii walabummaa isaa akka gonfatuuf
jecha jireenya ofii lagatanii diina dura dhaabbatuun kan lolan hedduu
tahuun hin falmamu. Kana keessatti garuu ummataaf jecha bahuu fi ofiif
jecha bahuun Waaqaa fi lafa tahuu ilaallatuu feesisa. Akeeka alagaa
bakkaan gahuuf hiriiruun ammoo hundaan olitti ummata gabroome biratti
jibbamaa dha. Hawaasa kamuu biratti kan ummata dura dhaabbatu abarama
dha. Kan dabre irraa baratuu hanqatanii dogoggora kaleessaa irra
deddeebi’uun tarree namaa keessaa baasee beeyladaatti herregsiisa.
Wallaalummaan itti jabaattee ykn beekaa ummata ofiin olitti alagaaf
dursa kennuun maayii irratti gatamuu akka dhalchu guyya guyyaan
mul’ata.
Addunyaa kana irra bubbuluu qofaan waan hedduu dha kan baratamu.
Abbootiin keenya qarummaa kan horatan, sirna bulchiinsaa fi waliin
jireenyaa fakkii tahu kan tolfatan mana barumsa dhaquun hin turre.
Gaaddisa taa’uun kan tahuu fi hin taane irratti mari’atuun sirna
dimokraatawaa boonsaa ummatan. Kana kan dagatan hedduun namootaa,
digrii kijibaa tarrisuun beekaa of taasisuu kajeelan. Duris ittiin
nama sobuu fi beekaa of fakkeessuuf walitti qabatan malee daree
seenanii barnoota fudhatuun kan argatan akka hin tahiin gochaan
isaaniituu ragaa irratti baha. Barnootni hin barbaachisu jechuu miti.
Kan baratamu garuu beekumsaaf tahuu dhabee maqaa fi fakkeessiif qofa
tahuu isaatu taajjaba uuma.
Hawaasa kamuu keessatti kan ofitti farroomu jira. Kan gabroomfataaf
jilbeenfatu, ofirraa diina caalsifatu, kan har’aa qofa malee bor hin
ilaalee, kan ummataa hafee maatii isaafuu hin yaadne kan durii irra
bara Wayyaanee heddummaate. Raata’aa fi kan gad-aantummaan itti bule,
dhugaa itti fakkaatee ololaa fi seenaa kijibaa gabroomfataan of
dagate, of tahee mul’atuu irra gabroomfataa fakkaatee argamuu akka
filatus ifatti mul’ata. Kanneen akka dhala namaatti yaadan, walabummaa
fi bilisummaan jiraachuun mirga tahuu beekan, mirga irraa hir’ifame
qabsoon guuttatuuf wayta sosso’an, kanneen gooftaa isaanii fakkaatanii
jiraatuu filatan, gabrummaa fudhatuu irraa, tuffii fi salphina jalaa
of baasuuf warraaquu lagatu. Kun seenaa kolonii hedduu keessatti
mul’ateera. Kanneen akkanaa wayta gabroomfatan mo’ametti dachiitu
ittiin gara gala. Hiree argameen kanneen gooftolee isaanii waliin
baqatuu danda’an, hanga har’aatti seenaa xuraawaa hojjataniin
abaaraman. Ilmaan isaanii seenaa xuraawaa abbootii isaanii dhaalanis
har’allee mataa ol qabatanii jiraachuu hin dandeenye. Biyya itti
baqatanittis lammii 2ffaatti ilaalamuu jalaa hin baane. Abbootiin
isaanii ofiif xiqqaatanii ilmaan isaanii xiqqeenya dhaalsisan. Tuffii
har’a irra gahaa jiruuf abbootiin sababa tahan.  Seenaa gantoota
ummataa hundaatu akkana.
Seenaan sirna gabroomfataa irraa dubbifamu kun  har’allee Oromoo
keessa jira. Wayyaanee lolla jedhanii dhaadataa manaa bahanii hanga
dhaadatan gahuu dadhabuu irraa booji’amanii Wayyaaneef loluu fudhatuu
dhaan ummata isaanii irratti duuluu murteeffatantu diina irra qabsoo
bilisummaa Oromoo irraan miidhaa hin tuffatamne geessisan. Ilmaan
guddifachaa Wayyaanee harma hodhuun guddatanis miidhaan geessisanii fi
geessisaa jiran laayyootti hin ilaalamu. Kanneentu qe’ee abbaa isaanii
fi ummata isaaniitti diina qajeelcha. Diinda dura bu’anii karaa
agarsiisuun akeeka isaanii kan milkeessan kanneen akkanaa ti.
Ergamtootni ajjeesuu ajjeesisuu, hidhuu fi hiisisuu keessatti qooda ol
aanaa kennanis hanga dirqama itti kenname guutanitti aangoo bubuutuu
fi garaa isaanii guuttatuun akka jiraatantu haayyamameef.  Kanaaf
fakkeenya duraa kan tahu OPDO dha.
Oromoon sodaataa, doofaa fi jilbeenfataa akka isaanii itti fakkaatee
kanneen diinaan olitti Oromoo irratti bookkisanii fi dhaadatan guyyaa
dirqama isaanii akka barbaachisaa tahetti bahatuu dadhabanitti kan
gataman tahuu OPDO irra kan gahaa turee fi jiru irraa arguutu
danda’ama. Kan yeroon shira Wayyaanee hubatuun irraa fagaatan,
akkasumaa shira diinaa irratti dammaqanii ummataaf falman keessa
jiraatuun kan hin haalamne tahus waggoota kurnootaan lakkaa’amu
keessatti illee shirri diinaa galuufii didee kan ummata isaanii
irratti labsii du’aa fi dhumaatii  dabarsuuf harka ol kaasan mul’atuun
ummata Oromoo qofa osoo hin taane alagaa fi gooftolii isaan biratti
osoo hin hafiin isaan taajjabsiise.  Nyaara haaddattee, safuu fi hooda
hin beeknee waan tahaniif garuu itti hin dhaga’amu.  Hangamuu
jireenyaa fi aangoof bololuun jiraatullee, xiqqoo cancala itti gochuu
dhabuun dhuguma taajjabsiisa.  Kanneen akkanaa ummata biratti kan
namoomaa bahan, lubbuun keessa jirtiif munyuuqan, kan jiraatti du’an,
reeffa sosso’oo tahuutti hubatamu. Ilmaan isaanii jalatti ajjeefaman
illee homaatuu kan hin dubbanne, “tarkaanfii sirrii fudhatan” jechuun
eebbisu herrega namaa keessa seensisuun akkamiin danda’ama?
Ofiif wallaalanii ummatas akka wallaalaatti ilaaluun of xiqqeessuu
taha.  Keessumaa dhaloota har’aa ija duriin ilaaluun salphinaaf of
afeeruu dha. Ummatni Oromoo waggoota dheeraaf bilisummaa isaaf
qabsaawe. Walabummaa biyya isaatiif dhiiga isaa dhangalaase. Wareegama
baaseen qabsoo isaa sadarkaa har’a irra jiruun gahe. Kun boodatti
deebi’a jedhee kan yaadu ykn boodatti deebisuuf kan ifaaju, kan garaaf
buluu fi dantaan isaa jalaa cittu qofa.
Walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa ummata Oromoo hanqisuun gonkumaa hin
danda’amu. Galatni kan ilmaan Oromoo fi qabsaawota bilisummaa haa
tahu! Kanneen eenyummaa isaanii beekan, bilisummaa fi walabummaan maal
akka tahe hubatan miliyoonotaan diinaan kokkee wal qabaa jiran.
Kanneen hin barihu sehuun gateettii ummataatti ol bahanii jireenya
isaanii guuttataa turan aduun itti dhiteetti.  Bakka Wayyaanee of
buusuun ummata Oromoo gabrummsuu fi cunqursuuf yaaduunis ilaalcha
dullacha sirreeffamuu qabu dha.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …