Oduu Haaraya

Dubbii Wallagga keessa deemaa jiru kana namni marti waan dubbachuu sodaatee usee jiru natti fakkaata.

Rakkoo addatti Wallagga keessatti mul’achaa jiru laalchisee waa xiqqoon dubbadha osoon jedhuun barruu Obbo Mathias Gudina kana arge. Waanin jechuu barbaade hundumaa innuu jedheera waan taheef kanuma isaa akkuma jirutti fudhee karaa koos dubbistootaan gahuun filadhe. Nama godinaa sana keessatti dhalatee guddatee fi rakkoo jirus karaa maatii fi firaatiin ana caalaa itti dhiheenyatti quba qabu caalaa an maal jechuun danda’a? Hundumaafuu Waaqayyo waan kolfaa nun godhin.

==========
~Dubbiin Wallaggaa kun yaaddessaadha! (Mathias Gudinatiin)

Dubbii Wallagga keessa deemaa jiru kana namni marti waan dubbachuu sodaatee usee jiru natti fakkaata. Gidduu kana waa’ee hidhannoo hiikkachuu fi diduu irratti falmii deemaa jiru agarra. Lubbuun namaas darbuu dhagahaa jirra.

Waan kun waan 1992 na yaadachiisa. Bitootessa 1992 keessa ajaja hoggana olaanaa ABO ala lola Asoosaa keessatti taheen WBOn gaaga’ama keessa seenee salphina hin taane keessa of galchee ture. Humna silaa bilisummaa oromoof murteessaa turetu sababa lola sanaatti faca’e. Kana seenaan nama itti gaafatu haa gaafatu malee tarreeffama isaa keessa hin seenu.

~Ammas ammoo gidduu kana Naqamtee fi bakka gara garaatti wal gahii gara garaa waamuun uummanni bakkaa bakkatti dhaadachaa akka jiru dhageenya. Ajaja fudhachuu waan didaa jiru fakkaata. Ibsa ejjennoo jedhee waan uummanni walitti yaa’ee dabarfachaa jiru kunis waan nama sodaachisu fakkaata. Dibbee lolaa waan tumaa jiru fakkaata. “Eenyutu dudduuba jiraa?” waan jedhu kun waan yaaddessaa natti tahaa jira. Kun dhugumaan “nama bilisummaa oromoo fedhumoo namoota Oromoo fi saboota biroo walitti buusuuf hojjetantu duuba jiraa laata?” nama jechisiisa.

~Sabni ani keessatti dhaladhee guddadhe, keessatti of baree keessatti qabsaawaa ture kan dhiha oromiyaa waan dogoggoraa jiru natti fakkaata. Waan beekaan keessa hin jirre, hoomaa kashalabbeen geggeeffamaa jiru natti fakkaata.
Yeroon itti hidhatanii fi hiikkatan akka qaba. Wal dhaggeeffatanii ajaja fudhatanii waliif ajajamanii sossohuunis barbaachisaa dha. Yeroon ammaa yeroo itti meeshaa ofii seeraan hayyama itti baafatanii ittiin saba ofii tiksan malee yeroo ittiin wal irratti fincilan miti. Humni hidhatee jiru karaa seeraan leenjifamee akka humna biyyoolessaa fi poolisii oromiyaatti makamu dhageenyeerra. Kanaa ala “qawween qaba hin hiikkadhu bosonuma keessan tura.” kan jedhu yoo jiraate sun filmaata abbaa ti.

Ajaja hogganoota ABO ala gartuun ofiin bulaan biyya keessa socho’u yoo jiraate balaa irra gahuuf ofumaaf waan itti gaafatamu natti fakkaata. Uummanni keenya Dhiha oromiyaas yaada calalaan waan kana hubachuun barbaachisaa dha.

“Yaa jaartiiko, kan gallikee hin oolle osoon qodaa kiyya gurguree hin fixin osoo galteetta tahee jedhe namichi haati manaa jalaa baddee deebitee galte” jedhee nutti mammaake qondaalli ABO tokko 1991 keessa. Wacaa fi wacabbaruun waan dhalatu hin jiru. Yaada gabii fi cal’isaan marihachuun furmaata fida. “Iyyan malee dhalcha hin tahuu?” jedhe korbeessi hoolaa re’ee hobobsu dhagahee.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …