Oduu Haaraya

Dubbii himaa Biiroo Haqaa Oromiyaa kan ta’an Obbo Taayyee Danda’aa humnoota Komand-Poostii mootummaa woyyaaneetiin ganama har’aa hidhamuun gabafame.

Obbo Taayyee Dand’aa
Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, godinaa Booranaa, magaalaa Moyyaalee keessatti, haleellaa Sanbata dabre kana, raayyaa ittisaa Itiyoophiyaatiin raaw’atamee namoota kudhan ajjeesee fi kudha-tokko madeesse ilaalchisee, kan battalumatti ibsa kenne – Sekireteeraayitii Komaand Poostiin Labsii Yeroo Muddmaa Itiyoophiyaa, “odeeffannoo dogoggoraa irraa ka’uudhaan, gochaa dogoggoraa murni raayyaa ittisaa loltoota shan qabu raaw’ate” jedhuudhaan, akka loltoonni sun to’annaa jala jiran dubbachuun isaa ni yaadatama. Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Biroon Haqaa dhimma kana akkamitti ilaala?

Sadarkaa itti-aanaa Biirootti, abbaa dursa-hojii Komiyunikeeshinii – Obbo Taayyee Danda’aa, Finfinnee irraa haasofsiiseen jira.

Obbo Taayyeen ajjeechaa tibbana loltoota woyyaneetiin magaalaa Mooyyaletti hawaasa nagayaa irratti raawwatame kan itti yaadamee godhameedha malee wanta tasa ykn dogongoraan taasifamee miti jechuun saba-himaalee akka VOA fi DW Afaan Amaaraa irratti ibsa kennaniiru.

Gochi kun kan bu’uura seeraa hin qabne ta’uu ibsuun qaamonni gocha kana raawwatanii fi qondaalonni olaanoon ajaja dabarsanis seeraan gaafatamu qaban jechuun dubbachaa turaniiru.

Qondalota ol-aanoo bulchiinsa Naannoo Oromiyaa komaand-Poostiidhaan qaban keessaa Obboo Taayyee Danda’aa kan tokko yoo ta’an, Komishinarri Poolisii Oromiyaa kan torban darbe Hararitti hidhame kan lammeessooti.

Hidhaan jumlaan humnoota mootummaatiin hawaasaa irratti gaggeeffamaatiin jiru godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti hammeenyaan itti fufeera.

( Usmaan Baayyuu)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …