Oduu Haaraya

Du’aan Boqochuu Jaarraa Abbaa Gadaa ilaalchisee ibsa Koree H/Qindeessituu ABO Kutaa Australia

Miseensotaa fi deggertoota ABO biyya Austraaliyaa keessa jiraannuuf du’aan boqochuun hayyuuu keenya J/Jaarraa Abbaa Gadaa gadda guddaa ta’uu ibsachaa

  1. Hogganoota fi bu’ureessitoota qabsoo bilisummaa Oromoo hangafoota keessaa tokko kan ta’e J/Jaarraa Abbaa Gadaa bu’ureeffamuu qabsoo bilisummaa Oromoo irraa eegalee boqonnaa tokko malee qabsoo ummata keenyaaf qooda guddaa kennaa waan turaniif;
  2. Bara lubbuun jirantti kaayyoo walabumaa fi bilisummaa Uummata Oromoof jiraanya isaanii guutuu waan of wareeganiif;
  3. Daddaaqama tokkon malee walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Ummata Oromoo irratti hogganummaa muldhisaa waan turaniif;

Walumaagalatti bu’ureeffamuu qabsoo bilisummaa Oromoo irraa eegalee qoodni isaan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bahatan himamee kan hin dhumnee fi dhalootaa dhalootatti seenaan kan diroo dabarsu wareegama qaqqaalii sabaaf kaffaluu isaanii hubannoo keessa galchuun nuti miseensonnii fi degertooti ABO biyya Australia jiraannu akeeka hayyuun keenya Jaarraa Abbaa Gadaa calqaba manaa itti bahaanii wareegama gurguddaa itti kafalan daddaaqama tokko malee bakkaan gahuuf ejjennoo fudhacuu keenya uummata Oromoo fi firoottan Oromoo beekisaa; Ummanni Oromoo martinuu kayyoo walabummaa fi bilisummaa hayyuun keenya kun manaa itti bahe bakkaan gahuuf harka walqabannee akka kaanu waamicha keenya dabarsina.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Qabsaayaan ni kufa; qabsoon itti fufa!

Koree hojii Qindeessituu ABO Kutaa Australia;

Bitootessa 08, 2013

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …