Oduu Haaraya

Dr. Mararaa Guddinaa Har’a Iddoo Lamatti Dhimmi Isaanii Ilaalamee Jira

Dr. Mararaa Guddinaa

Mana murtii olaanaa kan Lidataa duratti har’a kan dhiyaate fi galmee Dr. Mararaa Guddinaa jalatti mootummaa garagalchuuf shiran, hojjatan akkasumas himatii yakkaa ka biroon kan irratti dhiyaate Dr. Biraanuu Naggaa, Obbo Jawaar Mahammed Televiziyoonni Isaat (ESAT) fi Oromiyaa midiyaa Neet Woork Gaazeexaa mootummaa Itiyoophiyaa kan ta’e Addis Zaman irratti beeksiisa maxxanfameen dhiyaatanii himata irratti dhiyaate akka falmatan gaafatee jira.

Abukaatoo Dr. Mararaa keessaa tokko kan ta’n Obbo Wandimmuu Ibsaa akka jedhanti Dr Mararaan kanneenti hidhata tokko waan hin qabneef jecha qophaatti akka ilaalamuuf gaafannee jedhan.murtii kennamees himatamtoonni ka biroon ykn bakka butoonni isaanii eega dhiyaatanii booda gara fuula duraatti kan ilaalamuu ta’a kan jedhu ta’u hubachiisan.

Dr Mararaan yeroo darbe wabiin gadhifamuuf iyyatti dhiyeessan fudhatama eega dhabee booda abukaatoon isaani mana murtii walii gala kan Federaalaatti ol-iyyannaa kan dhiyeeffate yoo ta’u kunis har’a waaree boodatti bellamamee kennee ture.Deebii argamees Wiixata dhufu abukaatoon dhufee deebii kennamu haa dhaga’uu ka jedhu ta’u Obbo Wandimmuu Ibsaa dubbatanii jiru.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …