Oduu Haaraya

DR. GURMEESSA HINKOOSAA EENYU DHA LAATA?

DR. GURMEESSA HINKOOSAA EENYU DHA LAATA?
GAMMADAA OLAANAATIN

Uummanni Oromoon hayyoota hedduu Oromiyaaf furmaata ta’aan akka cirracha garbaati qaba. Hayyoonni Oromoo fi Oromiyaan qaban ammoo beekumsa adda addaa kan gonfatanii fi beekumsi addunyaa kun kan keessaatti walgaheedha. Haata’u malee hayyoota meeqatu beekumsa gonfataan kannan sabaa fi lammii isaanii tajaajilaa jiruu? Meeqatu ammoo beekumsa gonfataan keessaa ba’anii uummata burjaajessaa jiruu? Akka kooti namni hunduu beekumsa gonfateen lammii isaa gargaruu danda’a jedheen amana dirqama waan isaan hin ilaalane keessa seenanii oliifi gadi borcaa ooluun furmaata waaraa uummata keenyaaf hin fidu. Yoo xiqqatee waan baranneen onnanee kaanee uummata keenyaaf yoo gumaachine jijjirama fiduu dandeenya.

Midiyaan hawaasaa ammoo bara kana keessa karalee ittiin ummata keenya barsiisuufi beeksisuu dandeenyu midiyaa Waaqni bilisaan banee nuuf kenne dha. Itti kafaliin hin jiruu, poliisiin gulaallii (editorial) hin jiru, maaliif barreesiteen hin jiru haata’u malee of eegannoo cimaan itti fayyadamuun barbachisaadha. Akkasumaas dhimma tokko qofaa irratti xiyyeefchuuniis barbachisaa miti kanuma irraa ka’uun eegaa namoota midiyaa hawaasaa dantaa saba isaaniif fayyadmaan keessaa dargaggoo ol deemaa dhaloota qubee ta’e Dr.Gurmeessaa Hinkoosaa waliin wal isiin barsiisa.

Dr. Gurmeessa Hinkoosaa eenyu dha laata?

Bara 1991 G.C godina Wallaggaa Bahaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda Leemmatti Gootuu araddaa Jabbikaa jedhamtutti harmeesaa aadde Xurunesh Dhugumaa fi abbaasaa obbo Hinkoosaa Ayyaanaa irraa dhalate. Bara 1998 G.C mana barumsaa Makkannisa Addaamoo jedhamtutti barnoota eegale bara 2005 G.C qormaata naannoo kutaa 8ffaa qoramee persentaayilii 99.7 fidee gara kutaa 9ffaa tti darbe. Barnoota sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Limmuu Galiilaatti barate bara 2007 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa qorame. Haata’u malee qormaata bara sanaa kan mana barumsaa isaanii Dhaabbanni Qormaata Biyyoolessaa (National Organization for Examination) seera qormaata eegdanii hin qoramne jedhee guutummaa guutuutti hojii ala taasise. Dr.Gurmeessaa dabalatee baraattoonni bara sana qoraman hundi isaanii waggaa tokkoof carraa barnootaa mulqamanii mana taa’aa baa’anii waggaa itti aanutti akka qoraman itti murtaa’e. Bara 2008 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa qoraman gosa barnoota 10 keessaa gosa barnootaa sagal “A” gosa barnootaa tokko ( Amharic) “ C “ galmeessee qabxii 4.00 fidee gara kutaa 11ffaatti darbe. Barnoota qophaa’inaa mana barumsaa Limmuu Galiilaatti barate bara 2010 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoramee qabxii 546 fidee gara yuuniversiitii darbe. Yeroo sanatti kaarikulemii international ta’een ‘Medicine’ kan barsiisu eegale jiru mana barumsa ‘Saint Paul Hospital Medical College’ waan ta’eef dorgommiidhaan seenee barnoota Medicine itti fufe. Bara 2015 ji’a Ebla keessaa qormaata qualifying exam qoramee darbee maqaa/title dooktorummaa fudhate. Akka gosi barnoota isaanii gaafatutti eebbifamuudhaaf title dooktorummaa fudhatanii erga hojiitti seenanii booda waggaa tokkoof “ intern doctors “ jedhamanii hojjachuu qabu egaa sana xumuree eebbifamuuf amma ji’oota lamatu isa hafa. Yeroo ammaa kana Hospitaala Phaawuloos (St.Paul hospital) keessaa hojjechaa jira.

Gara facebook seenee page ofii isaatii duraan Dr.Gurmeessaa Hinkoosaa boodana ammoo Dr. Gurmeessaa jedhamu banee. Barnoota akka kennu kan na taasise jedha Dr.Gurmeessaan “Inni guddaan fedhii fi jaalala ani fayyaa irratti lammiikoo jijjiiruuf qabuufi haala amma uummanni Oromoo waa’ee fayyaa ilaachisee keessa jiruudha. Dhaloonni qubee dhugaa dubbachuuf dhaloota dubbisuufi dhaloota jijjiirama dheebotu akkasumas dhaloota teknooloojii waliin wal simate waan ta’eef carraa kanatti fayyadamee waanan baradhe saba koo barsiisuun anaaf ergamaaf imaanaa Oromummaati jedheen yaada. Hospitaala keessa taa’ee dhukkubsataa yaaluun hojii kooti malee qabsoo miti.

OSOO HOSPITAALA HIN DHUFIIN MANATTI, OSOO HIN DHUKKUBSATIIN FAYYAATTI, LAMMIIKOOF QAQQABUUN GARUU ANAAF QABSOODHA!  –Dr. Gurmeessaa

“Kana galmaan gahuuf ammoo daandiin ani ammaaf argadhe karaa facebookiiti. Dhaloonni qubee meeshaan isaanii inni guddaan social media(Marsaa sabqunnamti) dha. Ni dubbisu, yaada kennu, ni gaafatu, abbootii fi harmoolii keenya dubbisuu hin dandeenyeef ammo dubbisanii ibsu jedheen yaade, isaanis taasisaa jiru kanaaf duddubatti waanti na deebisu hin jiru dhaloota qubee waliin fuulduratti tarkaanfanna.” jedha. Yeroo ammaa kana Pagen Dr.Gurmeessaa jedhamu hordoftoota kuma 20 kan qabu yoo ta’u namootni hanga ammatti #Like hin godhiin jallachuudhan odeefannoo fayyaa keessanii argachuu dandeesu.

Hanga ammaatiis gosoota dhukkubaa 16 ol irratti barreefamoota qopheesee uummatni isaa fayyaa qabeessa akka ta’u tasisaa jira kanneen keessaas;

1. Mataa Dhukkubbii (Headache).

2. Dhukkuba Vaayirasii Tiruu (Viral hepatitis)

3. Dhukkuba Ka’uu Dadhabuu Qaama Saalaa Dhiiraa (Impotence)

4. Dhiibbaa Dhiigaa (Hypertension)

5. Garagaarsa Jalqabaa Namoota Dhiigaa Jiraniif (First aid)

6. Funuuna ykn Dhiiguu Funyaanii (Nasal bleeding or epistaxis)

7. Dhukkuba Sukkaaraa (Diabetes)

8. Akkaataa Ittisa Ulfaatina Qaamaa Itti Hir’isan (How to Loose Weight)

9. Dhukkuba Kintaarootii (Hemorrhoid)

10. Gaggabdoo (Epileptic seizure)

11. Mala Ittisa Da’umsaa Uumamaa (Periodic abstinence family planning method)

12. Mala Ittisa da’umsaa Hatattamaa (Emergency contraceptives)

13. Marsaa Laguu (Normal menstrual period)

14. Kuunuunsa Dubartoota Ulfaaf Godhamuu qabu (Care for pregnant women’s)

15. Dhiibbaa Dhugaatiin Alkoolii Qaama Keenyarratti fidu. (Problem of Alcohol Addiction)

16. Mallattoolee Nama Fayyaa (dha’annaa onnee, hargansuu, dhiibbaa dhiigaa)

Dhukkuboolee kannen armaan olii keessaa kan Garagaarsa Jalqabaa Namoota Dhiigaa Jiraniif (First aid) jedhe inni barreese hangam haala hamaa yeroo ammaa Oromiyaa mudatee keessatti lubbuu namoota meeqa akka baraare dubbachuun nama hin dhibu. Eegaa Dr.Gurmeessaan kana gochuu isaatti uummanni Oromoo faayidaa olaanaa gama fayyaan argateera jedheen yaada gara fulduraatiis akka itti fufee fayyaa hawaasa isaa eeguu waadaa seenera. Mee namootni ogummaa adda addaa irratti bobbaatanii jirtaan uummata na barsiisee sadarkaa kannan na ga’eef bu’aa maalii buuusaan jira of gaafadhaa. “Beekumsa Lammii ofiitiif hin taane maaliree bu’aan isaa” jedhe mitiree Wellisaan keenya Kabajamaa Dr.Ali Birraa.

Fuula Dr. Gurmeessa Hinkoosa hordofuu hin dagatina. Odeefannoo fayyaa fi egumssa fayyaa ilaalchisee fuula Facebook Dr. Gurmeessaa hordofuun waa hedduu akka irraa barattan abdii qabna!

Check Also

Iitawuu/dhiita’uu hiidda dhiiga lukaa

Maaltu dhibee kanaaf nama saaxila? 1. Saalan dubara ta’uu, 2. Furdina garmalee, 3. Ulfaa’uu, 4. …

One comment

  1. Abu hanifa siraj

    Akkami doctor nagayaa qabda