Oduu Haaraya

DIINUMMAAMOO AANTUMMAA?!?! –JAWAR MOHAAMMAD’n Obbo Margaa Fayyisaaf!!

#‎OromoProtests‬ Obbo Margaa Fayyisaa, Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa, tarkaanfiin qormaata facaasuun mootumama dirqanii haqsiisuu kun hoojii diinummaati jedhan. Lakki Obbo Margaa koo, kun aantummaa malee diinumaa miti. Diinummaan barattoota Oromoo ji’a jahaa oliif Agaazii itti boobaasanii dhibbaatamaan ajjeechisanii, kumaatamaan hiisisaan, kaan bosonotti ari’anii osoo shoorarkaa kana keessa jiranii qormaata biyyoolessaa fudhadhaa jechuudha. Wayyaaneen tarkaanfii kana kan fudhatte diddaa barattoonni sirna ishiitiif qabaniif haaloo bahuuf ta’uu waanuma anaafi atis waliin beeknuudha. Ilmaan Oromoo qormaaticha baasan garuu haaloo bahuuf osoo hin taane dhaloota Oromoo tokko badii irraa hanqisuuf tarkaanfii .

Yaa Obbo Margaa akkuma atuu beektu tarkaanfiin kun kan fudhatame yaaliin ministeera barnootaa mariifi manguddummaan amansiisuuf godhame erga firii buusuu hanqatee boodadha. Mee ijibbaata godhame keessaa waan aniifi ati waliin beeknu keessaa hamma tokko armaan gaditti wal haa yaadachiifnu.

1)Ji’a lama dura barattoonni, barsiiftonniifi maatiin waajjiraalee barnoota aanaalee qunnamuun yeroon qormaataaf qabamee achii siiqfamee barattootaaf yeroon qophaa’inaa akka laatamu waywaatan. Sadarkaa bulchiinsa naannoo Oromiyaattis jaarsoliin beekamoonifi hayyuunni biiroo keessaniifi kan pirazidaantii dhaquun yaaduma maatiif barattootaa dhiheessan. Isinis tole jettanii federaala yoo dhaqxan yaanni keessan fudhatama dhabe manneen barnoota 23 malee kanneen hafan keessatti qormaanni akka karooraatti akka laatamu murtaa’e. Isinis murtiin kun sirrii akka hin taaneefi dhaloota Oromoo tokko doomsuuf kan dhandhaarame ta’uu osoo beektanii sodaarraa ka’uun fudhattanii hojirra oolchuuf f gadiin deebitan.

2) Erga yaaliin kara sirnicha keessaatin qormaaticha tursiisuuf godhamee hoongayee booda, duulli karaa sirnichaan alaatin dhiibbaa godhuu eegalame. Kunis bilbila qondaalota sirna barnootaa federaalaa hamma aanaatti funaanuun duulli bilbilaan itti waywaachuu baname. Ministeerri barnootaa biyyatti, hogganoonni qormaata biyyolessaafi qondaalonni Oromiyaa tokko tokkoon namoota hedduudhaan qunnamaman. Isin Obbo Margaan mataan keessan bilbilaafi kallattiidhaan dubbifamtan. Garuu ammas ejjannoo qormaanni hin jijjiiramu jedhuun itti deemame.

3) Qormaata kana yeroo isaa yoo kan hin jijjiirre ta’e dhaloota badiirraa baraaruuf jecha tarkaanfin qormaaticha hanqisuu ( direct disruptive action) akka fudhatamu akeekkachiisni marsaalee hawaasaatiin facaafame. Qondaalota ijoo federaalaatifi Oromiyaatiif akeekkachisni kun kallattiin laatame. Ammas tuffiin itti fufe.

4) Erga qormaanni baafame harka nu gaheeyyuu guyyaa kaleessaa ministeertichaafi qondaalota muraasatti garagalchi ( copy) ergamee naannoo Oromiyaatti yoo kan qormaaticha haqxan taate hin beefnu jenneen. Akeekkachiisaafi hire dhumaa kanatti fayyadamuurra ministeerichi miidiyaan bayee osoo qormaanni bayuu ragaa harkaa qabuu hin baane jedhee biyya guututti sobe.

5) Carraaqqi kana hunda booda dha ‘ tola diddu lola hin diddu’ jennee tarkaanfii qormaaticha marsaalee hawaasaatin facaasutti kan dabarre. Akkuma akeekamettis gaafa kabajaan kadhatamtan ummata Oromoo tuffattanii gaafa salphattan qormaata haquudhaaf dirqamtan. Osoo barsiiftota, barattootaafi maatii isaanii dhageessanii, osoo manguddoo Oromoo harka darbuu baattanii kana hunda waliin hin geenyu ture.

Ammas yoo taate badii teessan tanarraa barattanii dogongora akkanaa lammata dalaguu irra of qusachuuf hiree qabdan. Qormaanni kun deebi’ee kennamuu dura yeroo gahaan barattootaaf kenname, duurgoon barbaachisaan barsiiftotaaf ramadamee barnoota joollee dabre akka qayyabachiisan gochuu qabdan. Dabalataanis barattoota kumaatamaan manneen hidhaa keessatti ugguramanii jiran ammuma hiikun hiriyoota isaanii waliin akka qayyabatan godhuu qabdan. Wayyaaneen kana diddee akka amala isii yeroo gabaabaa keessatti qormaata haaraan dhiheessa yoo jette, waadaa keenya haaromsuuf akka dirqamnu itti nuuf himaa. Tarkaanfiin itti aanu qormaata baasu qofarratti kan daangayu osoo hin taane sirna barnootaa san jalaa gubbaan kan walitti diigu akka ta’uuf deemus gamanumaa akeekkachiisuu feena.

Barri Oromoo tuffataniifi irratti tufanii bulchan dabree jira.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …