Oduu Haaraya
sabriinaa abdalla

DIINNI ILMAAN OROMOO ESSATTU AJJESE DIINA OROMOOTA HUNDA AT.

DIINNI DAANGA OROMOO KARAA KAMIINU CABSE DANGAA OROMOOTA HUNDA CABSE.

‪#‎Like‬ ‪#‎shere‬ goodhafi shamaraan waaloof ni falammatuu bilisuumaf jabadhaa jedhani .!

Ginni bittaa-Maqalee
Jarri qawween as galee
Akkuma Minilik-faa
Uummata keenya qalee
Ijoollee teenya qalee
Yaa Oromoo waltayii
Gaaraa-dakaa gadbayii
Ofirraa kaasi malee!
Biyya keenya qabatee
Dilbii keenya qalatee
Sabbuu keenya saammatee
Buna keenya haratee
Damma keenya muuxatee
Dhiiga keenya xuuxxate!
Arrabasaa dheeressee
Sammuusaa daran deegsee
Waanbadee nutti ta’ee
Waan badaan nutti ka’e!
Uummata-koo waltayii
Yaa saba-koo olka’ii
Isa ofirraa kaasii
Manneen hidhaa caccabsii
Ijoollee-tee gayyaasii
Sansalta irraa baasi!
Saba-koo dubbiin baddee
Saba-koo biyyis baddee
Oljedhii harqi akka qeerransaa
Gadbayii caraani akka leencaa
Waltayi akka goondaa
Hiddi akka kanniisaa
Yoosuu yeeyyiin si dhiisaa!
Odaa -kee caaseffaddhuu
Gadaa -kee deebifaddhuu
Siiqqee-tee aadeffaddhuu
Buna-kee raajeffaddhuu
Kayyoo ilaa-ilaamee
Kan seenaan sitti dhaame
Labsi FINFINNEE -rrattii
Tulluu Daalattii gubbaatti!
Erga yeeyyii ofirraa hariitee
Idda bacootti aduun dhiitee
Ijaarraddhu Oromiyaa-tee
Tikfaddhu Oromummaa-kee!
Akkuma aadaa keetii
Akkuma seenaa keetii
Kan nagaan sitti dhufe
Nagaan simaddhuu bulchi
Ollaan-kee yoo beela’e
Waan qabduun du’a oolchi!
Atis ilmoo namaatii
Innis ilmoo namaatii
Akkuma duudhaa keetii
Karadeemaa guyyaallee
Alagaa baargamaallee
Manni kan Waaqi” jedhii bulchi!
Uummata-koo uumee-too
Barsiisaa, guddisa-koo
Akkuma bara Gadaa
Tokkummaa-kee jabeessi
Sirnaa fi sheexana jaraa
Ofirraa achi fageessi!
Dhala-kee isa moggaa moggaa fiffiigu
Isa humnaa-tokkummaa kee diddiigu
Gorsiitii ofitti deebisi
Daaraa jaraarraa kaasii
Marcumarra teessisi!
Namummaa fi qaroomina Gadaa
Gaaddisa miidhagaa kan Odaa
Hayaa, addunyaa beeksifaddhu
Namummaan namummaa-kee deebifaddhu!
Dhiichisaa, geerraraa
Dhaadachaa, boowaa
Isaan si jalaa qalaman
Gaaraa-dakaa yaa’ii awwaalladdhu
Oromiyaan lamuu Aannolee
Oromiyaan lamuu Calanqoo
Hin-taatu jedhii waliif kakaddhu
Biiftuun Bilisummaa sii bawuufii
Bakkalchi Walabummaa sii ifuufii
Hayyee, jabeessitii abdaddhu!
************** // **************!#Like shamarraan waallo

GUMAA ILMAAN OROMOO
OROMOOTU BAASA.

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …