DHUKKUBA KALEE

Dhukkuba kale yoo jennu dhukkuboonni kalee hedduun kan ka’umsaan, mallattoon, yaalaanis wal hin fakkaanne hedduun waan jiraniif altokkotti hundaibsuun hin danda’amu. Kanaaf dabaree dabareedhaan akkan isin biraan ga’u hin shakku. Har’aaf garuu kanan xiyyeeffadhe cirracha kalee (renal stone or renal culcli) kan jedhamu irratti.
Dhukkubni kun dhukkuba bal’inaan hawaasa keessatti argamu yoo ta’u 8.8% ummataa keessatti kan argamudha. Dhukkubni kun kalee irraa jalaqabee haga afuuffee fincaaniitti qaamota sirna fincaanii jiran (kidney, ureter, bladder) keessaa bakka tokkotti kan uumamudha.

Dur yeroo ijoollummaa kiyyaa cirrachi xixiqqoon bishaan waliin seentee kan kale keessatti haftu natti fakkaata ture. Cirrachi kalee garuu kaluudhama keessatti walitti qabamuun kan uumamtuudha. Cirrachi kale kan uumamu sababaan isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus sababoonni akka ka’umsaatti tarreeffaman: bishaan ga’aa dhabuu, dhukkuba sukkaaraan qabamuu, furdachuu, nyaata prootinaan olka’aa nyaachuu fi kkf. Cirrachi kun gosoota addaa addaa qabaatus dhibbaan inni namarraan gahu walfakkaataadha.

Mallattoon dhukkuba kanaa bakka cirrachi jiru ( kalee, ujummoo fincaanii, afuuffee fincaanii) irratti hundaa’ee mallattoo garaa garaa argisiisa. Yoo cirrachi kan kale keessatti kuufame ta’e yeroo hedduu cinaacha keenya gama hubameen dhukkubbiin nutti dhaga’ama. Dhukkubbiin kun waggoota hedduuf nurra turuu danda’a. Cirrachi kalee keessatti kuufame kun osoo dhukkubbii nutti hin dhageessisiin waggoota dheeraaf taa’uu illee ni danda’a. Yoo kan ujummoo fincaanii (ureter) keessatti argamu ta’e immoo dhukkubbii baay’ee hamaa fi nama obsachiisuu hin dandeenye kan cinaacha keenyarraa ka’ee gara qaama saalaa keenyaatti garmalee gadi waraanutu nutti dhaga’ama. Cirrachoonni garmalee nama dhukkubsan warren hammaan xixiqqaa ta’anidha. Cirrachi gurguddaa yeroo hedduu kalee keessaa ba’ee gara ujummoo fincaanii qal’oo kanaa waan hin dhufneef akkanatti nama hin dhukkubsu. Dhukkubbii irratti dabalee cirrachi kalee mallattoolee akka fincaan diimessuu yokaan dhiiga fincaa’uu ni fida. Kunis cirrachi kun qaama fincaanii keenya yoo dhiigsu fiincaan waliin walmakee ba’a.

Cirrachi kalee yoo nama waliin ture ammuma nama keessa tureen miidhaa geessisaa deema. Yoo baay’ee qaama keessa turee kan hin yaalamne ta’e sadarkaa itti miidhamni kalee dudduuba deebi’uu hin dandeenye irraan illee ga’uu danda’a. kun ammo yaaluun isaa rakkisaa waan ta’eef mallattoolee akka: dhukkubii cinaachaa, dhiiga fincaa’uu, mallattoolee infekshinii kale akka nyaanni oldeebi’uu, qaamni gubuu, ammaa amma fincaa’uu, fincaan garmalee nama gubuu, fincaan hammaan xiqqoo ta’e fincaa’uu yoo ofirratti arginu deemnee osoo kaleen keenya baay’ee hin miidhamiin yaalamuu qabna.

Yaaliin isaa yeroo hedduu baqaqsanii baasuudhaan kan geggeeffamu yoo ta’u, akkuma teeknoloojiin fooyya’aa deemeen osoo hin baqaqsiin xiyya garaagaraan dhakaa sana caccabsuudhaa akka ba’u taasisuun illee danda’amee jira.
Fayyaan Faaya. Dr. Gurmeessaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

E B O L A

Dhukkuba hamaa nurraa qabi “Ebola” Addunyaan dadhabdee sihi abbaan falaa Dallansuma teetii dhibdee mitii balaa …

Yaada kanaaf deebisaa kenni