Oduu Haaraya

Dhimmamuu moo beekkamuu?


Najiib Zannuun irraa
______
Haala yeroo ammaan tanaa keessatti kan nuti argaa jirru dhimmamuun hafteeti beekkamuuf ori’uutu mul’ataa jira. Dhimmamuufi beekkamuu kana yoo wal bira qabnee laalle, dhimmamuun dantaa sabaa dantaa ifii dursanii dhimmamanii dhimma baasuudha. Waan hunda keessatti ifiif if kannanii dhimmamuun dhimma sabaa guutuun sabaaf dhimmamuutti laalamti. Beekkamuun garuu dhimma sabaa dhimma ifii dursanii ifiif beekkamuuf oliif gadi ori’uudha. Bakka hundatti mul’achuu fedhuufii anaatu beekaafi anaatu akkas godhaa ture ifiin jechuun beekkamuuf fiiguu agarsiifti.

Waan hunda keessatti namni sabaaf quuqama qabu, kan saba isaa jaalatu, nama if dhooysee saba isaatiif waan isarraa eeggamu dalaguudha. Namni mul’achuuf ani akkanan godhee fi akkasii odeeysu, ammas waltajjii mara irraatti ifumaaf adda duree if godhee deemuu fedhu, nama dantaa sabaaf osoo hin taane ifumaaf beekkamuuf qabsaawaa jiruudha. Kunis hanga fedhe abbaan fedhe yoo dantaa ifiif jecha beekkamuuf ifaaje, gaafa dantaan isaa dhabamte ifiifuu karatti dhaabbata. Dhaabbachuu bira dabrees waanuma silaa ifiif duraan deeggaruufi irrattin dalaga ja’ee mumul’achaa ture san gufuu itti tahuuf tattaafatu agarra. 

Wanni guddoon ummanni keenya hubachuu qabu garuu; namni quuqama sabaa qabu, kan saba isaa jaalatu, kan dhimmi saba isaaf dursa kannu, beekkamuuf osoo hin taane saba isaatiif waan isarraa eeggamu godhuudha. Yoo san kan godhu tahe abbaan dhugaa dhugaan isaa yoomiyyuu hin dhokattu. Xumura irratti wannin ani jechuu fedhu, namuu beekkamuuf osoo hin taane dhimma sabaa dhimma ifii dursanii sabaaf  dhimmamuutu nurraa eeggama. 

Tanuma!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …