Oduu Haaraya

“Dhimma Misooma Warqii Midrookiin wal qabsiisee aangoo naannoleen qabeenya uumamaa bulchuu irratti qaban ija seeraan maal akka fakkaatu

Dhimma Misooma Warqii Midrookiin wal qabsiisee aangoo naannoleen qabeenya uumamaa bulchuu irratti qaban ija seeraan maal akka fakkaatu barsiisaankoo duraanii Dr Dejene Girma Janka Afaan Amaaraan barreesse animmoo gara Afaan Oromootti hiikee isiniif maxxanseera dubbisaa. (Qaamoleen Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaas barreeffamattiin isin fayyaddiitii itti gargaaramaa. Hin rafinaa, dammaqaa)

Har’a heera mootummaa keewwata 51(5) fi 52(2) irratti waan muraasa jechuun barbaada. Yeroo hedduu gaaffiiwwanii fi yaadota keewwattoota kana bu’uura godhatan nan arga, akkasumas nan dhaga’a. Gabaabaadhumatti qabeenya uumamaa ilaalchisee keewwatni 51(5) aangoon tokkichi inni mootummaa federaalaaf kennu akkaataa qabeenyi uumamaa kun itti buluu fi itti fayyadamuu qabu irratti seera baasuu qofa. Kana irraan kan hafe aangoo biraa kiisa mootummaa federaalaa keessa kaa’e hin qabu. Karaa biraatiin immoo mootummooleen naannoo seera mootummaan federaalaa baase bu’uura godhachuun qabeenya uumamaa bulchuuf aangoo akka qaban heerichi keewwata 52(2)(d) jalatti akka fuunyan fuula keenya irra jiruutti ifa godhee kaa’a.

Asirratti mootummooleen naannoo aangoo qabeenya uumamaa bulchuu qabu gaafa jennu ”bulchuun” maali jechuun ni danda’ama. Jecha kanaaf hiikkoleen garagaraa itti kennamuu kan danda’an yoo ta’es seera mootummaan federaalaa baase raawwachiisuu fakkeenyaaf ulaagaawwan seera mootummaa federaalatiin ba’an jalatti ka’aman kanneen akka EIA(Environmental impact assessment) guutamuu isaanii mirkaneeffachuun hojiiwwan albuudaa fi k.kf irratti heyyama kennuu, haaressuu, daangessuu(suspend) fi kaasuu kan dabalatu ta’uunsaa garuu falmisiisaa natti hin fakkaatu.

Egaa qabeenya uumamaa ilaalchisee walitti dhufeenyi mootummoota lamaanii (federaalaa fi naannolee) kana yammuu fakkaatu keewwatni 50(8) immoo mootummooleen lamaan kun walii isaanii akka kabajan jechuunis inni tokko aangoo isa kaanii akka kabajuu fi akka harkaa fudhachuu hin qabne ifatti tumee jira. Saamichi aangoo ykn aangoo wal harkaa butuun (usurpation of power) yoo jiraate immoo gara keewwata 9(1) qajeelcuudhaan tarkaanfiin akkanaa raawwatiinsa hin qabu jechuun ni danda’ama.

Kana ka’umsa godhachuudhaan dhimma hojii albuudaa irratti heyyama kennuu, heyyama haaressuu, heyyama daangessuu fi heyyama haquudhaaf aangoo kan qabu eenyu gaaffii jedhu kaasuun sirriidha. Akka kootti yoo ta’e seerotni kan biroon waan fedhan kan jedhan yoo ta’eyyuu sadarkaan isaanii Heeraa gadi waan ta’eef hojii albuudaa guddaas ta’e xiqqaa irratti heyyama kennuu, haaressuu, daangesuu fi haquun gaalee ”qabeenya uumamaa bulchuu” jedhu waliin walitti dhufeenya dhimmoota kan qaban waan ta’eef dhimmichi Heera mootummaa keewwata 52(2)”n dhimma ilaalamudha. Kun taanaan immoo aangoon isaa kan mootummoolee naannoo ta’a jechuudha. Heerichi aangoo kana mootumma federaalaaf kennuu utuu barbaadee silaa ifatti aangicha adda baasee mootummaa federaalaaf kenna ture. Kanas immoo heericha keewwata 52(1) irraa hubachuun ni danda’ama. Keewwatni kun aangoon mootummaa federaalaa aangoo ifatti keewwaticha jalatti ibsaman qofaa ta’uu agarsiisa. Fakkenyaaf heerrchi keewwata 98(3) jalatti mootummaan naannoo fi mootummaan federaalaa hojii albuudaa gurguddoo irratti waliin ta’uun gibira galii fi kaffaltii rooyalitii akka murteessanii fi funaanan ni tuma. Kunis kan ta’e galii hojii albuudaa irraa argamu irratti mootummaan federaalaa ga’ee akka qabaatuuf taasifame. Haala kanaan hanga ifa ta’ee mootummaa federaalaaf aangichi hin kennamnetti immoo aangoon heyyama kennuu, haaressuu, daangessuu fi kaasuu kan mootummaa federaali jechuun sirrii natti hin fakkaatu, dabalees heericha keewwata 52(1) faanas kan wal faallesau ta’a.

Walumaagala, qabeenya uumamaa (albuuda, gaasotaa fi k.k.f) irratti aangoon heyyama kennuu, haaressuu, daangessuu fi kaasuu fi akkasumas hojiin bulchuu biroon aangoo mootummaa naannooti malee aangoo mootummaa federaalaa akka hin taane heericha keewwata 51(5), 52(1) fi 52(2)(d) irraaa hubachuun ni danda’ama. Kanaafuu qaamni qabeenya uumamaa kana akka itti fayyadamuuf akka misoomsuuf heyyama argate tokko yoo badii raawwate tarkaanfii bulchiinsaa kan fudhachuu danda’u qaama aangoo sana of harkaa qabu jechuunis mootummaa naannoo ti amantaa jedhun qaba. Qabatamni lafa irra jiru ykn hojimaatni jirubmaal fakkaata kan jedhu inni dhimma biraati. Kanuma Dubbiin!”

#DrDejeneGirmaJanka

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …